Gootonni Qeerroo Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa Irra Deebiin Sagaleesaanii Magaalaa Jimmaatti Taasisan

Bitootessa 27, 2016 | Qeerroo.org

Afaan qawween dorsifamuun kan duuba hin deebifne barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Arfanirraa Wal ga’uun Walakkaa magaalaa Jimmaa Bakka City centre jedhamutti sagaleesaanii dhageessifataa oolaniiru. Akkasuma waamicha eenyummaa guutummaa magaalattii keessa ka jiran ilmaan Oromoo maraaf taasisaniiru. Hirirri kun har’a sa’a ja’arraa eegaluu miidhamni tokkollee osoo barataarra hin ga’in goolabame Dhaamsa Uummata Oromoo Magaalaa Jimmaaf

  1. Nuti ilmaan Keessan osoo osin jirtanii dahoo dhokannee dhabnee yeroo gara yerootti dararaan nurra ga’a jiraachuu hubatanii, nu cina akka dhaabbattan sochiin eegalame hanga galma ga’utti waan itti fufuuf isinilleen nu cina dhaabbadhaa.
  2. Gaaffiin Keenya gaaffii Uummata Oromooti malee gaaffii dhuunfaa miti. Kanaaf gaaffiin Oromoo dhiga Oromoo hunda akka ilaallatu hubachuu qabdu.
  3. Yeroo lammiin keessan baadiyyaa hanga magaalaatti gaaffii Abbaa biyyummaa gaafatutti calliftanii taa’uun bor seenaa jala akka hin baane nuuf hubadhaa jechuun dhaamsa Uummata Oromoo magaalattiif dhaamaniiru.
Kanuma waliin edaa Qeerroon Yuinibarsiitii Jimmaa mooraa Technology science waraqaa Qeerroo fii Alaabaa dhabatanii jiran Waraqaan Qeerroon tamsaafamaa Turan Dhaafannoowwan adda addaa.

No comments:

Post a Comment