Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee – Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.

Bitootessa 09, 2016 | Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa

Ummatni Oromoo qabsoo hadhooftu gootowwan ilmaa isaa biyya isaanii keessatti gegeessaa jiraniin qarqara Bilisummaa isaa ga’ee jira. Har’a mirgi abbaa-biyyuummaa ummata keenya sadarkaa haalamuu hindandeenyerra ga’ee jira yoo jenne soba hinta’u. Wareegamni gootummaa ilmaan isaa gumaachaa jiran, mootummaa Wayyanee rommisiiseera, of-irrummaa ishees addunyaa guutummaaf saaxileera.

Yeroo akkaan murteessaa sabni keenya keessa jiru kanatti, gaheen dhaaboota siyaasaa Oromoo ulfaataa ta’uun waan wal nama gaafachiisu miti. Dhaabotni Oromoo wal-qoodmaa tokko malee Qeerroo isaanii cinaa hiriiranii Mootummaa TPLF, kan gar-malee ummata keenya dararaa fi biyyaa keenya Oromiyaa ammoo diinummaan saamaa jirtu kana of irraa fonqolchuun, gabrummaa jaarraa tokko oliif Saba keenyatti fe’amee jiru kanatti xumura gochuun yeroon isaa amma.
Dirqama seenaa kana raawwachuuf, waan hundaa dura Dhaabotni Oromoo humnoota alaas ta’e keessaa Hiree Murteeffannaa Sabootaa morman waliin hariiroo bifa kamiyyuu gochuu irraa of eegachuun waajiba ta’a. Hariiroon humnoota akkasii waliin godhamu qabsoo gootowwan keenya wareegama lubbuu isaaniitiin nu dhalchisan sharafuu waan ta’eef, dhaabotni Oromoo gaafatamni itti dhagahamu marti sochii isaanii keessatti of-eegannoo cimaa akka godhatan cimisinee beeksifina. Keessattuu, yeroo ammaa kana humnoota mooraa Oromoo gargar-baasuun qabsoo sabicha dadhabisiisanii angoo siysaa fudhachuu kanneen abbalan waliin hiriiruun badii seenaan dhiifama hingoone dalaguu waliin wal-gituu isaa hubatanii, dhaabotni keenya gochaa bifa kana irraa akka of-eeggatan Qeerroon dhaamsa qabsoo dabarsaaf.
Galmee seena irraa akka hubanutti, diinonni keenya qabsoo saba keenya faffacaasuun milkawaa as gahan. Ammas toftaa adda-addaatti dhimma bahanii humna keenya facaasuu irraa of duuba deebu jenne yaaduun muuxannoo keenya kaleessaa irraa barnoota gaha argachuu dhabuu keenya agarsiisa. Kanafuu, humnoota toftaadhaan tokkummaa qabsoo saba keenya diiguuf imaammatan, keessattuu kanneen Hiree Murteeffannaa saboota dura dhaabbatan waliin hariiroo siyaasaa tolfachuun ammatti bu’aa inni fidu caalaa badiin isaa guddaa ta’uun beekamuu qaba jenna. Humnoota bifa sana waliin yeroo qabsoo keenyaa qisaasuu irra, dhaabotni keenya walii isaanii jidduutti waliigaltee jabeeffachuun, Sochii Qeerroo kan mootumicha yaaddessuu bira taree wal nyaachisaa jiru kana daddaffiin gama injifannoo maayiitti tarkaanfachiisuu irratti gahee isaan irraa eegamu akka gumaachan gaafatna.
Sochiin Qeerroo Oromoo humna tokkicha TPLFin hudhee qabaa jiru ta’uun osoo beekamu, gartuwwanii fi dhaabotni siyaasaa tokko tokko bu’aa qabsoo dhiiga obbolaa keenyaan galmaawaa jiru saamuu of-qopheessaa jiraachuun isaanii dhokataa miti. Seenaa biyyatti keessatti akkuma beekamu, ummatni Oromoo sochiilee mootumoota darban jijjiran keessatti gahee guddaa xabatu iyyuu, warreen mala siyaasaa beekan jijjirama dhiiga ilamaan keenyaan dhufe saamaa as gahaniiru. Har’as haalli sana fakkaatu dhalachuu mala jedhanii kanneen qabsicha keessatti gummacha mul’ataa tokko hinkenniin qabsoo Oromoo gara hin barbaachifnetti jallisuuf akka of qopheessaa jiran hedduudha. Ummatni keenya keessattuu dhalootni haarawaan deemsa keenya kaleessaa irraa muuxannoo guddaa argatee waan jiruuf abjuun isaanii kun tasa kan hojiitti hinhiikamne ta’uu isaa hubachiisu feena.
 Dhaabotni Oromoo humnoota akkasii waliin hiriirtanii qabsicha keessatti gahee mul’ataa osoo hinkennine kallattii qabsoon deemaa jiru jijjiiruuf kanneen ofqopheessuu yaaltan saba keessan irratti badii seenaan hindaganne raawwachuuf murteeffachuu keessan hubachuu qabdu. 
Ummatni Oromoo abba-biyyummaa sarbame deeffachuuf mirgaa, haqaa fi dandeettii guutuu itti qaba. Dhaabotni keenya alagaan geggeeffamaa gabrummaa nutti fe’ametti xumura gochuu akka hindandeenyu huabchuu qaban. Kaafuu, warra Hiree Murteeffannaa Ummata keenya morman waliin hariiroo ykn ammoo waliigaltee siyaasaa tolfachuu irraa jabeessitanii akka of eegataniif dhaabota maqaa saba keenyaatiin socha’an maraaf dhaamsa qabsoo kana dabarsina. Dhaabotni keenya waan hundaa dura of irrattii fi wal irratti amantii jabaa horachuu irratti hogumaa fi jabinaan akka carraaqan gaafanna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati! 
Injifannoon Uummata Oromoof! 
Bitootessa 9, 2016 
Finfinnee, Oromiyaa

No comments:

Post a Comment