Ayyaana Gootota Bilisummaa Oromoo kan bara 2016 ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa.

Ebla 09, 2016 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Ebli 15 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa yaadannoo olaanaa qabudha. Guyyaan kun guyyaa nuti Gootota Oromoo Bilisummaa saba kenyaaf osoo falmanii wareegaman itti yaadatnu qofa osoo hintaane, guyyaa nuti kaayyoo isaan irratti wareegaman sana fiixaan baasuuf hirbuu keenya itti haaromsinudha. Ummatni Oromoo bal’aan keessattuu qabsaa’otni fi deggertootni Bilisummaa Oromoo, Ebla 15 miira laamaan yaadanna.  Gama tokkoon wareegamuu Qaroowwanii fi Gootowwan keenya kanaatti gaddi guddaan yeroo nutti dhaga’amu, gama kaaniin ammoo dhiigni isaanii Gootowwaan hedduu magarsee, dhaloota haarawaa muraanoo guutuun mirga saba isaaniif qabsaawan waan horeef;  guyyicha yeroo yaadannu jabina, gootummaa fi abdii guddaatu nutti dhaga’ama.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhiiga Gootowwaan wareegamnii kana keessa biqille. Mul’atni keenya inni guddaanis faajjii Gootowwan keenya ol-kaafnee, kaayyoo Bilisummaa isaan irratti of-kitiman sana fiixaan baasuuf dadhabii, sodaa fi mamii tokko malee qabsaa’uudha.  Gootowwaan qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti wareegaman guca Qeerroo Bilisummati.Qeerroon kaayyoo isaan wiixinaan qofan osoo hintaane xiiqii, naamusaa fi muratno isaan bu’uuressaniin masakama.
Gootowwaan keenya tokkummaadhaaf tokkummaadhaan wareegaman. Tokkummaan saba imaana Gootonni keenya wareegama lubbuu isaanitiin nu dhaalchisan waan ta’eef bu’uura sochii Qeerrooti. Sabni keenya Oromoon guddaa, biyyi keenya Oromiyaanis bal’oodha. Guddinni saba keenyaa fi bal’inni biyyaa isaa jabeenyaaa fi qabeenya keenya waloo waan tahaniif, Qeerroon Bilisummaa sadarkaa olaanaatti isaan kunuunsifata. Bu’uurri sochii Qeerroo Bilisummaa ‘Oromoon saba tokkicha, Oromiyaanis biyya tokkitti’ ta’uu irratti ijaarame. Bu’uurri kun Qeerroon Bilisummaa jiddu-galummaan ofi ijaaree sochii isaas shaffisaan golee Oromiyaa hundaa keessatti akka finiinsuuf milkeesseera. Hireen saba keenya tokkummaa isaa irratti waan rarra’uuf, Qeerroon Bilisummaa humnoota alaas ta’e keessaa faallaa tokkummaa saba keenya imaammatan mara akka farra qabsoo saba keenyatti ilaala.
Qeerroon Bilisummaa akka qaama qabsoo Bilisummaa Oromootti of-jarmesse diina saba keenya hiraarsaa fi biyya keenya saama jiru kallattiin falmuutti erga bobbo’ee kunoo wagaa jahaffaa isaa eegaleera. Ebla 15 bara 2011 Qeerroon Bilisummaa yeroo jalqabaaf akka qaama Qabsoo Bilisummaatti of-masakuun mirga saba isaaf karaa nagaa sochii eegale. Qeerroon Bilisummaa dirqama seenaa kana yommuu ofitti fudhate wareegamootaa fi injifannoolee fuula isaa dura jiran tilmaama keessa galchuun ture. Akkuma saganteeffatetti, muratnoo cimaa fi wareegama qaqqalii gumaacheen, Qeerroon Bilisummaa waggooota shanan darban keessatti qabsoo saba isaa sadarkaa olaanatti tarkaanfachiisuu keessatti qooda ol aanaa gumaachuu danda’eera.
Ebla 15 bara 2011 guyyaa kabajaa Gootota keenya irratti alaabaa Bilisummaa Gootonni keenya irratti wareegaman qabatee yommuu Qeerroon waadaa isa jalqaba yommuu saba isaatiif seenu, diinni saba keenya cunqursaa jiru TPLF akka waan laayyootti ilaalee ture. Haata’u malee, har’a kunoo muratnoo olaanaa Qeerroon waggoota muraasa darban keessatti agarsiiseen gartuuTPLF kasaaraa siyaasaa keessa bahuu hindandeenyetti saaxilamuu dirqamteetti. Gootummaan waraanaa fi haxxummaan siyaasaa gartuun kun ittiin of dhadaa as geesse, muratnoo Qeerroon Bilisummaa agarsiisseen olola hundee hinqabne ta’uu isaa saaxilameera. Keessattuu wareeegama baatiiwwan muraasa darban keessatti gumaacheen Qeerroon saba isaatti kabajaa guddaa horeera, gaaddisa sodaas biyyattii guutummaa irraa saaqee jira.
Sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo TPLF fi meeshaan ishee EPRDF akka isaan of dhaadan sanatti jaaramaa jaboo osoo hintaane walitti-qabama tarsiimoo wal danqaa irraa tolfame, kan keeessi isaa shamee fi bosose ta’uu saaxil baase. Sochiin Qeerroon karaa nagaan biyyaa isaa keessatti oofaa jiru gartuu kanatti guyyaa dukkaneessera, saba Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biyyatti keessa jiratan guutummaaf ammoo biiftuu abdii calaqqiseera. Guutumaadhumatti, sochiin Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru qabsoo ummatni cunqurfamoon biyyatti sirni bulchiisa of-irroo TPLF irratti gadaa sadii oliif geggeessaa turan gara boqonnaa haarawaatti tarkaanfachiiseera.
Qeerroon Bilisummaa TPLF biyyatti bulchuuf mirgas ta’e dandeetti akka hinqabne addunyaatti saaxileera. TPLF kufaatii hamaa gama siyaasaan ishee muudate kana afaan qawween hirphachuu yaalaa jiraachuun ishees dhokataa miti. Ummata Oromoo mirgaa isaa karaa nagaa fi karaa haqaa gaafata jiru jumulaadhaan ajjeessuu, hidhuu fi bakka-buutee dhabamiisuu dalaga ishee guyyuu godhaataa jirti. Gootowwaan miseensota Qeerroo Bilisummaa hedduu aduu guyyaa saba isaanii fi biyya isaanii keessatti humna waraanaa dhuunfaa ishee ta’e kan Agaazii jedhamuun ajjeesteetti, ajjesisaas jirti. Haala suukanneessaa ta’een haadholii fi da’immaan keenya hedduu irratti tarkaanfii gara jabinaan guutame fudhatteetti, fudhataas jirti. Beektotaa fi Hayyoota Oromoo hedduu dalaga irraa ariiteetti, ariyaas jirti. Qabeenyaa fi jireenya saba keenya bal’inaan barbadeessiteetti, barbadeessas jirti. Sirna siyaasaa dimokraatawaa irraa abdii waan kutatteef, miidhaalee kanneen ummata keenya irratti raawaachuuf amaleeffatee jirti. Haata’u malee, ammaa booda ummata keenya fedhii isaatiin ala afaan qawween dirqanii bulchuun tasa kan hindanda’amne ta’uu isaa matootii TPLFif gadi jabeessinee ibsuu feena. Hidhaan, ajjeechaan, bakka-buutee dhabamsiisuun, saaminsii fi cunqursaan qabsoo bal’isuun caalaatti qabsoo finiinsa malee ummata Oromoos ta’e Qeerroo isaa tasa of-duuba deebisu hindanda’u. 
Qeerroo humna Bilisummaa Oromoo biyya isaa Oromiyaa keessa madde. Hogganni isaas ta’e miseensotni isaas biyya isaanii Oromiyaa keessa jiraatu. Qeerroon dhaloota Qubee kanneen of irratti fi wal irratti amantii cimaa qaban irraa ijaarame. Qeerroo dhabamsiisuuf tattaafachuun dhaloota Oromoo tokko guutummaatti dhabamisiisuuf carraaquu waliin wal gita. Kun ammoo tasumaa hindanda’amu. 
Dhalootni kun miidhaa TPLF geggeesituuf jilbeeffatee mirga saba isaa dabarsee laata jedhanii imaammachuun abjuudha. Qeerroon bu’uureffamuu isaa irraa eegale qabsoo karaa nagaan of-masakaa as gahe. Gara fuul-duraatis jijjirama bu’uuraa fiduuf sirna siyaasaa nagayaa hordofuun fardii ta’uu isaatti amanna.TPLFis toftaa ‘badanii balleessuu’ amma hordofaa jiru kana irraa osoo yeroo hindabarre akka deebi’u akkeekkachifna.
Sochii Qeerroon Bilisummaa geggeessaa jiru ummata keenya guyyuu gara mirga isaa gonfachuutti dhihaassaa jira. Haata’u malee, gartuu saamicha irratti bobbaatee jirtu TPLF angoo irraa buusuuf ummatootni cunqurfamoon hundi kan amma caalaa qabsoo isaanii walitti qindeeffatanii muratnoon qabsaa’uun barbaachiisaa ta’uu isaa hubachiisuu feena. Keessattuu ummatni Oromoo fi dhaabonni siyaasaa walabaa fi kayyoo ummataaf abboomamoo tahan marti sadarkaa murteesssa amma qabsoon saba keenya irraa geesse kana hubatanii, gahee isaan irraa eegamu shafisaan gumaachuun fardii ta’uu isaa carraa kanaan yaadachiisuu feena. Gahee ofii kennuu dadhabuun maqaa qofa rarraafatanii deemuun seenaan nama wal gaafachiisa. Waan hundaa caalaa ammoo ummatni keenya biyya keessattis ta’e biyya alaatti tokkummaa isaa cimsatee qabsoo isaa boqonnaa itti-aanuuf dabarsuuf yoom iyyuu caalaa amma of qopheessuu qaba. Ummatichi walii isaa jidduutti nagaa fi tas-gabbii qabaachuun galii keenyaaf murteessaa waan ta’eef, shira diinni tokkummaa isaa diiguu karaa adda addaan imaammatu mara damaqiinsaan of irraa tiksuun barbaachiisaadha.
 Maayyii irratti, Qeerroon Bilisummaa sochii isaa muratnoo cimaa fi naamusa olaanaan qindeeffatee itti fufuuf murteeffachuu isaa firas diinas hubachiisuu feedha. Gabrumaatti Xumura gochuuf Qeerroon marxifatee ka’uu isaa mirkaneessa. Hanga sabni keenya mirga abba biyyumaa isaa guutuumaatti dhuunfatutti sochiin Qeerroon golee Oromiyaa hundaa keessatti godhu dachaa dachaadhaan kan itti fufu ta’uu isaa guyyaa seena-qabeessa kana irratti irra-deebinee hirbuu keenya haaromsina. 
Goototni Bilisummaa Oromoo Bara Baraan haa yaadataman! 
Qabsaawaan ni Kufa Qabsoon itti Fufa! 
Qeerroo Bilisummaa 
Ebla bara 2016

No comments:

Post a Comment