Godina Oromiyaa magaalaa Bishooftuu irraa barattootni Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhaatti darbaman.

Ebla 13, 2016 | Qeerroo.org

Godina Oromiyaa Bahaa magaalaa Bishooftuu irraa barattootni Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhatti darbaman. Barattoota Oromoo manneen barnootaa Bishooftuu sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’ina irraa baratan kunneen torbee darbee keessa sababaa gaaffii migaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaaffachuun Sagalee isaanii waan dhageesisaniif qofa waraanaan dararamaa jiru. Ebla 7/2016 humna waraana wayyaanee Agaazii fi poolisii federaalaan Hidhatti ukkanfamuu guuramanii hidhaman. Barattootni Hidhaman kun Umriin Isaanii kanneen gannaa 14-18 gidduutti Argaman ta’uun hubatamee jira.
Kanneen Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa bishooftuu irraa hidhaman keessa kan Yeroof  maqaan isaanii nu ga’e jiru:
1.barataa Magarsaa Bakare
2. barataa Xasoo Damisee
3. barataa Girmaa Tashuu
4. barataa Alamaayyoo Dinquu
5. barataa Aaddisuu Taayyee
6. barataa Aaddisuu Baqqalaa
7. barataa Habtee Indaaluu
8. barataa Abrahaam Tufaa
9. barataa Dagguu Dabalee
10. barataa Aabbuu Maaruu
11. barataa Gizaw Mokonnin
12. barataa Abbabaa Lammaa
13. barataa Dachaasaa Gizaw
14. barataa Damxee Shuree
15. barataa Awwaaree Akliluu
16. barataa Alamaayyoo Daadhii
17. barataa Gostolee Isheetuu
18. barataa Zarihuun Sisay
19. barataa Adaanee Alamaayyoo
20. barataa Dassaleny Hirphoo
21. barataa Gaaddisee Mokonnin
22. barataa Aaddisuu Dammaqaa
23. barataa Biraanuu Kaayyoo
24. barataa Dammee
25. barataa Mastuu
26. barataa Gannat
27 barataa Maabiratee
28. barataa Caaltuu
29. barataa Doonii
 Barattootni Oromoo hedduun kanneen maqaan isaanii nu hin ga’iin manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, fi 2ffaa irra qabaman illee hedduun jiraachuu madden keenya gabaasan. Yakki mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo fi Uummata Oromoo irratti fudhataa jiruu daranuu kan qabsuu FXG akka Oromoon jabaatuu godhuu malee bilisummaa keenyaaf falmachuu irraa duubatti kan nu hin deebifnedha jechuun sabboontootni Oromoo Bishooftuu irraa dhaamsa waliif dabarsaa jiru.

No comments:

Post a Comment