Ijaaramuu Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ilaalchisee Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Biyya UK

Ebla 22, 2016 | Qeerroo.org

Qeerroon Biyya UK damee tokko jalatti ijaaramaa jiru

Qeerroon biyya UK adeemsa qabsoo Oromoo finiinaa jiru keessatti qooda fudhachuu fi akkasumas gumaacha isaan irraa eegamu taasisuuf ijaarsa eegalanii jiru.
Adeemsi ijaarsa qeerroo kuni kaanan dura kan yaadamee itti adeemamaa tures yoo ta’e illee hojiitti seenamee milkiin itti argame quubsaa hin turre. Gama biraan dargaggoonni magaala adda addaa keessa jiranis bifa adda addaan walitti dhufanii kan socho’aa turan yoo ta’e illee seera ittiin buliinsa barreefame qabaachuu dhabuu fi sochii ture sadarkaa biyyatti gochuu dhabuun  gumaacha qeerroon gochaa turan walbubusuu bira darbee tokkummaa ilaalcha qeerroon qabu irratti illee golgaa ta’ee haguugaa ture.

Qabsoon qeeroon biyyya keessaa FXG keessatti gochaa jiru tarkaanfii hatattamaa fudhachuu waan dirqisiiseef gareen adeemsa ijaarsa qeerroo kana dhugoomsuuf fedha fi kutannoo qaban magaalota adda addaa biyyattii keessa jiran keessaa walitti baba’an walga’ii jalqabaa kan taasisan Mudde 2015 Birmingham tti ture. Sana boodas hatattamaan gareen kuni Amajjii 2016 walitti deebi’uun Qeerroo Bilisummaa Oromoo UK (QBOUK) hundeessuuf wixinee qopheefate. Haaluma wixinichaatiin Seera ittiin buliinsaa(by law) qopheefachuudhaan Qeerroon Ijaaramu kunis gara fuulduraatti maal akka dalaguu qabu karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa jechuun dhimmoota Haawaasummaa, Siyaasaa, Diinagdee, Gabbisa aadaa, qorannoo fi kkf irratti bal’inaan waantota gara fuulduraatti dalagamuu qaban tooraa qabsiifatee gara hojiitti seene. Dargaggoota biyya kana jiran walitti fiduu, hidhata isaa sadarkaa addunyaatti babbal’ifachuu fi qeerroo biyya Oromiyaa keessaa qabsootti jiran faana dalaguun jijjirama fiduun mul’ata qeerroo bilisummaa UKti.
Gareen kunis carraa argame hundatti fayyadamee irra deddeebiin walga’ii marii hedduu erga taasisee booda gaafa kabaja guyyaa WBO, Gurraandhala 20, 2016, magaala Londontti gaggeefame irratti uummatatti gad ba’e. Gumaacha guyyaa sanaafis baasii pound 450 ta’u kiisa nama dhuunfaa garee dhimma kana dalagaa jiru keessaa argateen T-shirt, Sa’aatii fi Meeshaalee manaa boca seenaa Oromoo ibsuun faayamee qophaa’e qabatee argame. Haaluma kanaan baasii ba’e deebifatee caalbaasii fi gurgurtaa meeshaaleen galii pound 1100 sagantaa sanaaf gumaachuu dabalataan qeerroowwan walaloo fi sagantaa adda addaa qopheessuun sagantichaaf miidhagina laataniiru. Bifuma wal fakkaatuun aantummaa QERROON dhaabbilee Oromoon jalatti hiriiree ofii isaa addunyaatti itttin of beeksisus ta’ee qabsoo isaa cimsatu agarsiisuuf sagantaa busii galii OMN irratti  magaala London fi Bolton irratti meeshaa caalbaasiif ta’u qabatee argamus sagantaan qabamuufii hafuuu isaa irraan kana ka’e milkaa’inni haga aggaamame hin argamne.
Ijaarsi qeerroo kuni sagalee Qeerroo bifa tokko ta’een walitti qabuun gahee dargaggoonni qabsoo Oromoon taasisaa jiru keessatti qooda fudhachuuf ‘Tokkummaa’ fi ‘Oromummaa’ aangeffatee kan dhabbate yoo ta’u, garaagarummaa uumamu malu kamuu akkuma dhaloonni qubeen gochaa jirutti mariidhaan mo’achuudhaaf sagantaa isaa qabatee magaalota adda addaa keessatti walga’ii taasisuu eegaleera. Londotti gaafa Bitooteessa 26, 2016 kan taasise yoo ta’u, Leedstti ammoo Ebla 16, 2016tti raawwata. Birmingham, Cardiff, Glasgow fi magaalonni biraas walga’ii itti aanuu gaggeessuuf toora qabatanii jiru.  Milkii fi muuxannoo walga’ii kanneen irraa argame bu’uurefachuun walga’ii sadarkaa biyyaatti waamuufis karoorri qabamee jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo UK dargaggoottaa fi shamarran biyya kana keessa jiran hundaaf maqaa Oromummaa fi Tokkummaatiin akka dhufanii yaadaa qaban mara ifa waliif godhanii, bakka buutota ofii filatanii, seeran ittiin buliinsaa qophaa’e qoratanii walcina hiriiran waamicha dabarsa.
Abbootiin keenya Lubbuu isaaniin Oromiyaa hirphaniiru, dhiiga isaaniin tiksanuuruu, nutis gahee keenya haa baanu. Barri tokkummaa fi bilisummaa amma.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gaashaayee Walduu
Dura Taa’aa Qeerroo Bilisummaa Oromoo- UK

No comments:

Post a Comment