Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa fi Manneen Barnootaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jira.

Ebla 08, 2016 | Qeerroo.org

Oromiyaa Ilubbaabooritti Eebla 6, 2016 eegalee barattoonni sad.2ffaa fi qophaa’inaa algee Mattuu, Beddellee’ barnoota hin barannu, hanga warri hidhaman hiikamnaitti qormaata biyyoolessaa hin qoramnu jechuun FXG kaasan addaan osoo hin kutin itti fufanii jiru.
Godina Shaggar Bahaa Bishooftuuttis barattoonni sad.2ffaa fi sad.1ffaa liiban Cuqqaalaa FXG uumanni kaaseen humni waraana Itiyoophiyaa tarkaanfii uummata irratti fudhatuuf yaalus uummanni ofirraa deebisee jira.
Naannoo Finfinnee dukamitti Eebla 5, 2016 barattoonni qophaa’ina dhiiqa ergisuuf heyyamasaanii kennanii hojjettoonni fayyaa yeroo gara mooraa mana barumsaa seenan dhiigi keenya osoo iddoo hundaatti dhangala’uu akkamiin dhiiga ergisaa jedhamna jechuun FXG kaasanii tarkaanfii lukkuulee Wayyaanee irrattis fudhatamee jira.

Harargee bahaa aanaa Faadisitti Ebla 3, 2016 eegalee jiraattonni bulchaan aanichaa nuuf haa bu’u jechuun finciili uummatan itti fufaa waan jiraniif qaamni ilaallatu yoo uummata hin haasofsiifne rakkoo gudaan kan uumamuudha jechuun ergamtootni fi kaabinoonni aanaa hedduun raafama guddaa keessa seenanii jiru.
Itti fufudhaan Yuunivarsiitii Haramaayaatti barataan osoo mooraa hin seeniin poolisii tahee hojjetaa ture 1 yeroo ammaa odeeffannoo barattoota oromoo mootummaa Wayyaaneef dabarsee kennaa waan jiruuf suuraa fi seenaa gabaasa waliin weebsaayitii’oromo one love’ jedhurratti gadhiisuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba kan jedhu dabarsuun poolisoonni mooricha guutummaatti mooraa sodaa kanaan gadhiisani akka jiran Qeerroon gabaase. Qeerroonis mooricha dhunfate toohatee jira wayita kana barumsi hin jiru FXG malee jedhu.
Yuunivarsiitii walqixxeetti barattoonni Oromoo dhaaba ABO deeggaran ; kanaan dura garee disipiliiniin fi koomaandi poostii moorichaan gorfamaniiru jechuun barattoonni 9 guutumman guutuuttu ariayamanii,17 immoo adabbii waggaa 2 akkasumas 9 immoo akeekkachiisi dhumaa akka itti kenname eebla 5, 2016 ibsame. Haaluma kanaan mooraa kanatti fxg ka’ee finiinaa jiraachuun gabaafame.

No comments:

Post a Comment