Bara moo Baranaa??? [Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa]

Caamsaa 23, 2016 | Abdii Baalee Oromiyaa-ABO tiin
Ummaticha bal'aa mirgi isaa dhiitamee,
Lammiin wal waakkatee, firoomni dhabamee,
Garaan wal miliqee, dhugaan ukkaamamee,
Seerri gatii dhabee, abbaan dhugaa dhumee,
Bara moo baranaa, maaltu nutti ergamee??? 
Handhuura biyya koo, Finfinnee saamanii,
Goota abbaa dhugaa, biyyarraa darbanii,
Maqaa misoomaatiin nurratti dagaaganii,
Ilmaan abbaa tokkoo, gargar facaasanii,
Bara moo baranaa, dhiiroo maal jettanii??? 
Jaalalli dhokfamee, jibbi biyya guutee,
Haqni bittinnaa'ee, sobni hamoommatee,
Galanni saba koo, waraanaan deebitee,
Lammiin jiruu dhabee, jireenyi fokkatee,
Bara moo baranaa, maaltu nu mudatee??? 
Lammiin koo bobbooyaa, ormii quufee sirbaa,
Ilmaan abbaa tokkoo, jiraachuu wal jibbaa,
Ergamtoonni diinaa, qe'eerraa nu dhiibaa,
Abbummaan keenya hafee, ololaan nu sobaa,
Bara moo baranaa, maal dubbiin dhabaa??? 
Hamilee kee eegee, kabaja siif laatee,
Osoo mirga qabu, biyyarraa baqatee,
Osoo beekaa qabuu, obsaan si horatee,
Wallaalummaa kan kee, beekkumsaan hiikkatee,
Jaarraa tokkoo oliif maqaa kee baadhatee,
Ajjeechaa fi hidhaa, aadaa isaa godhatee,
Bar meeqa siif obse, lammiin koo wal gatee,
Ati garuu,quuftee, nurratti wal ijaartee,
Aadaa Fi seenaasaa, lammii koo uggurtee,
Goobanota wajjiin gonfa ajjeechaa baaftee,
Hidhaa fi hiraarsaan biyyaa nu ariitee,
Amma hunduu dabree, seenaan si wakkaatee,
Eessa seenta laata, gadaan kee dhumatee,
Ati ammallee hin quufnee, lafti siin dhidhimtee,
Eessaan baata, amma sabni si wakkaatee???? 
Tuuta afaan qalqalaa, garaan midhaan nyaataa,
Samii baha jettu, baay'isee fagaataa,
Lafa seena jettus, baay'isee jabaataa,
Saba kee waakkattee, mee eessatti baataa,
Guyyaan sitti dhihee, dukkana fakkaataa,
Diinni kee dur firaas, har'a si wakkaataa,
Yaa bada abbaa garoo, mee boolla tam seentaa???? 
Ani Ethiopia miti, yoomuu nin wakkaadhaa,
Lafee kan koo, cabsee biyyaa koof falmadhaa,
Saba koo,dammaqsee, of bilisoomfadhaa,
Gabrummaa hin dhaalchisuu, seenaa koo tolfadhaa,
Biyya koo,hin gurguruu, harkattiin qabadhaa,
Dhala koo hin xiqqeessuu, seenaan isaa,gaarii dhaa,
Hin kennu Finfinnee, yoomiyyuu caayaa abbaa fi haadhaa,
Eenyummaa koon beekaa, ani Oromoo dhaa!!!!! 
Dhaamsa waliin gahaa, wal moggaa hiriiraa,
Tokkummaadhaan falmaa, saamtuu kaasaa nurraa,
Duuti silaa hin ooltuu, du'aa akkaa dhiiraa,
Kaayyoo gabroomfattuu, rasaasaan jijjiiraa,
Walaabummaa teenyaaf, wareegamaa dabraa,
Karaa kana qofaan, seenaan nuun bohaaraa,
Kanaafuu, falmadhaa bakka jirtan maraa,
Umrii gabroomfattuu, hundeedhaan cicciirraa,
Lammii bilisoomsaa, harkaa diinaa muraa,
Qawwee hiikkachiisaa, morma diinaa muraa,
Onneen goottan keenyaa, ta'aa wabii jaraa,
Walitti hin laalinaa jabaadhaa hadaraa!!!
                    
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO tiin
    Ebla 22,2016
                Afrikaa Kibbaarraa

No comments:

Post a Comment