Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf: Addatti Ammoo Bulchiinsaa Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessatti kanneen Argamtaniif

Waxabajjii 08, 2016 | Waamicha Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF lukkeelee isaa ulee diinaa kan taate OPDO fi ergamtoota diinaaf amanamoo ta’an itti dhimma ba’uun isin balleessuuf akkuma karoorfatanii fi dhaadachaa turan itti Sabboontoota Ilmaan Oromoo bulchiinsa Magaaloota addaa Naannawaa Finfinnee keessatti hooggantoota, kaabinootaa fi Ogeessoota Professionally ta’uun uummata tajaajilanii fi kanneen dhugaan roorrifamuun Oromoo isiniif galee Shira uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiru fudhachuu diduun Oromummaan keessan isinitti dhaga’amaa jiruu fi uummata keessan cina dhaabbachaa jirtan hundi diinni shira ulfaataa kan ittin mana hidhaatti isin guuree isin rakkisuu, lubbuu keessan Balleessuuf karoorfateefi Biyya irraa isin arii’achuuf karoorfate hojiitti hiikaa jiraachuu fi haalawalii galaan rakkoo ulfaataa diinaan uummata keenyarratti dalagamuu fi rakkoo waliigalaatti furmaata gochuu akka dandeenyuuf dhaamsa armaan gadii saffisaan isiniif dabarsuuf dirqamnee jirra.

  1. Ilmaan Oromoo Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaatti Bulchaa Magaalaa Sulultaa nama maqaan isaa Masfiin jedhamuu fi Kaabineen Wajjiraa Fayyaa Sulultaa namni maqaan isaa Dirribaa Tolaa jedhaman kan keessatti argamaan walumaagalattii ilmaan Oromoo namootni 25 Yakka itti fakkeessii maqaa Malaammaltummaan poolisii federaalaan qabamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama. Utuu yakka Malaamaltummaa ittisuuf ta’ee Ilmaan Tigiree fi Aangawootni TPLF kanneen akka Abboy Tsahaayyee, Azeeb Masfiin dabalatee hundii isaanii mana hidhaatti argamu ture. Garuu har’a Ijoolleen Oromoo dhugaa uummata Oromoo hubachuun dhugaa uummataa dura raga qabatanii dhaabbatan dhabuun uummata cina dhaabbachuuf waan murteessaniif dursanii hidhattii darbamanii jiran irraa barnoota guddaa barachuu qabdu!!
  1. Yeroo amma kanattis magaalota addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneettii argaman kanneen akka Burraayyuu, Sulultaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Aqaaqii Qaallittii, Duukam, Galaan, Bishooftuu, Sabbataa, Holotaa fi Sandaafaa Carraan ilmaan Oromoo Sulultaa mudatee isiniif immoo kan caaluu isiiniif qophaa ‘aaj iraachuu walga’iiwwaan dhiyeenya yeroo yeroon angawoonnii fi ergamtootni amanamoo abbaa irree isin teesisaa jiranii fi ifattiis initti himuun isin doorsisaa jiran irraa isiniyyuu nu caalaa maaltu akka isin eeggatu hubachuun qabdu!!
  1. Haqamuu qormaata kutaa 12ffaaf Sababbni Guddaan Gaaffii Mirga abbaa biyyummaaf deebiin sirnaa dhabamuu fi Sochii Warraaqsaa FXG karaa nagaan gaggeeffamaa jiru irratti waraanaa adda liyuhaqyilii fi agaazii fayyadamuun uummata Oromoo nagaa fixuu ta’uu eenyuumaafuu gaaffii hin qabu, dabalataanis barattootni Oromoo waraana kanaan hiraarfamaa ajjeefamaa, madeeffamaa fi barnootaarra arii’atamaa fi hidhamaa jiraachuun bara barnootaa 2016 kana guutummaa Oromiyaa keessatti sababaa kanaan barnootni kan hin kennamnee ta’uun ifaadha. Kanaafuu tarkaanfiin akka qormaatni kun utuu barattootni Oromoo barnoota hin baratiin qoramuu fi utuu Oromiyaan waraanaan hiraarfamtuu qorumsi kun kennamuun barattoota Oromoo fi biyyattiif miidhaa guddaa ta’uu hubachuunsirnichi kufaa ta’uu saaxiluuf tarkaanfii fudhatameen qormaatni haqamuun injifannoo cululuqaa sababa sochii warraaqsaa FXG ta’uun beekadha. Ilmaan Oromoo tarkaanfii kana irraa barnoota argachuun bakkuma jirtanitti utuu bu’aan dhuunfaa wayyaanee irraa argattan isin hin daangessiin uummata Oromoo roorrifamaa jiruuf dirmachuun bakka jirtanii fi aangoo irra jirtanitti fayyadamuun tarkaanfii fudhattaniin uummata keessan boonsitanii mataa diinaa gadi qabdanii Sochii Warraaqsaa FXGtti cina dhaabbachuu fi itti makamtanii jiraachuu fi qooda guddaa bahachuun keessan ifaadha. Ammas caalmatti roorrifamuu fi hiraarfamuu sabakeessaniif bakkuma jirtanitti gartuudhanis ta’ee nam-tokkeen diinaa afaan qawween Oromiyaa bitaa jiruu fi dhiiga dhangalaas jiru aangoo irraa qaarisuuf ga’ee keessaan itti fufinsaan akka ba’attan abdii guddaatu isin irra eegama!!
  1. Gaaffiin guddaan uummata Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa, gaaffii bilisummaa fi gaaffii mootummaa mataa ofii ijaarrachuu fi mootummaa uummata Oromoo bakka bu’uu hundeeffachuu waan ta’eef abbaan irree wayyaanee EPRDF/TPLF ergamtuu isaa OPDO addatti qabachuun uummata Oromoo lafarra fixuu dhaabee gaaffii uummata Oromoo kanaaf deebii akka kennuuf ilmaan Oromoo hojjettootni, Ogeessootni fi beektootni sadarkaa garaagaraa irratti argamtan kallattii hundaan dirmannaa fi dhiibbaa barbaachisu sirna nama nyaataa irratti akka gootan gadi jabeessuun dhaammanna!!
  1. Ulee diinaa ta’uun Ilmaan Oromoo sadarkaa hundatti lafarraa fixaa jiru keessaa tokko Muktaar Kadir, Bakar Shaallee, Asteer Maammoo, Kumaa Dammaqsaa, Abbaa Duulaa fi fakkaattootni isaanii ta’uu hubachuun sabboontootni ilmaan Oromoo sirnicha keessatti argamtan gadi fageenyaan caasaa sirna kanaan ijaarame irraaa kka of eeggattan. Sirni kun akka diinaaf tolutti maqaa OPDO jedhamuun diinni namoota isaaf amanamoo fi ergamtuu ta’aniin ijaarratee kun ilmaan Oromoo kamiif iyyuuu diinaa malee qaama mirga keessan kabachiisuu fi isin bakka bu’u akka hin taane hubachuun sirna badaa fi hirmii uummata keenyaa ta’ee kana of irraa gara galchuu irratti akka fuulleeffattan dhaamsa keenya!!
  1. Master Plan Finfinnee fi Magaalota addaa Oromiyaa ifaan ifatti ibsi fi labsiin baldhaan mootummaa Federaalaa irraa kennamee akka haqamu gadi jabeessuun gaafatna!!
  1. Ilmaan Oromoo sababaa Oromummaa isaanii fi Sochii Warraaqsaa FXG Oromiyaa keessatti hirmaattee jirta jedhamuun sobaan himatamanii hidhaatti guuraaman hidhamtootni Oromoo hundi haalduree tokko malee atattamaan akka ahiikaman kallattii hundaan ilmaan Oromoo Poolisii, mana murtii, abbootii alangaa,abbootii seeraa hojjettoota fi ogeessootni sadarkaa garaagaraa, irratti argamtan dhiibbaa barbaachisu roga hundaan akka gootaan gadi jabeessuun waamicha lammuummaa isiniif dabarsina!!
  1. Manneen kondominium Magaalota naannawaa Finfinnee fi Naannawaa Finfinneetti Ijaaramanii jiran Hundaa kan hirmachaa jiruu fi carraa itti fayyadamuu kan argataa jiran sadarkaa 1ffaatti ilmaan Tigrota, sadarkaa 2ffaatti dabballootaa fi ergamtoota sirna wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’iinitu itti fayyadamaa jira. Ilmaan Oromoo biyyaa abbaa isaanii irratti akka lammii 2ffaatti ilaalamuun hirmannaa qabeenya abbaa isaanii keessa illee moggaatti dhiibaman, Oromoon sirnichuma keessatti ogummaa fi hojiilee garaagaraan argamuu carraa kana dhorkatamee kan jiruu ta’uun hubatamee waan jiruuf, Sochiin ijaarsaa manneen kondominium fi ijaarsii kamuu fedhii uummata Oromoon alatti gaggeeffama jiru bakkuma jirutti akka dhaabbatuu fi manneen uummataa humnaan diiguun, qe’ee irra buqqisaa waan jiramuuf uummata qe’ee irraa hin buqqanuu jedhee qe’ewe isaa irratti dhumaa jiruuf dirmachuun qe’eef qabeenyaa isaa irratti sabni keenya wareegamee akka falmatuufi carraan manneen kondominium ijaaramanii jiran carraan dursaa abbaa qe’eef akka eegamuu uummatni keenya bakka hundaa harka wal qabatee ka’uun haa falmannu!!
Injifannoon uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa Oromooti!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Oromiyaa, Finfinnee!!

No comments:

Post a Comment