QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2016 KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE ILAALCHISEE, WAAMICHA HAWAASOTA/WALDOOTA OROMOO BIYYA JARMANII KEESSATTI IJAARAMANII JIRANIF KAN RAAWWATAME

Adoolessa 19, 2016 | Invitation Letter for almost all Oromo communities in Germany

Irraa/From: Waldaa Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/                      
                    Oromo Community Association in Europe (OCAE) e.V. (Inc.)  



Gara/To:  

  1. Tokkumaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) 
  2. Tokkumaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii Damee Hessen (TBOH) 
  3. Hawaasa Oromoo Nord-Rhein Westfalen (HO-NRW) e.V. 
  4. Hawaasa Oromoo Berlin (HOB) e.V. 
  5. Oromo Frauenverein e.V. 
  6. Oromo Hilfsinitiative e.V. Franfurt 
  7. Gamtaa Oromo (Oromogemeinschaft) e.V. 
  8. Oromo Horn von Afrika Zentrum e.V. 
  9. Hilfsorganisation der Oromo Relief Association in der Bundesrepublik
    Deutschland (HORA) e.V. 
  10. Oromo Youth Initiative Group 
  11. Oromo in Bayern e.V. 
  12. Tokkummaa Oromoota Bayern (TOB) e.V. 
  13. Evangelische Oromo Gemeinde Frankfurt am Main 
  14. Vereinigung der Muslimischen Oromo in Deutschland e.V.  
  15. Hawaasa Oromoo Munschinii  fi Naannoo (HOMN) e.V 
  16. Oromo-Deutsch Freundschaft (ORDEF) e.V. 
  17. Tokkumma Oromoota Hessen (TOH) e.V. 


Dhimma/Subject: Ayyaaneeffachuu irreechaa (irreessaa) malkaa ykn Birraa Biyya Jarmanii Bara                                       2016 kan gaafa guyyaa Fuulbana (September) 17, 2016 gaggeefamu   

Jaallatamtootaa fi kabajamtoota Hawaasota/Waldoota Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaaramtanii jirtan hundaaf/maraaf!  

Hunda duraan dursee Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE) e.V (Inc.) nagaan Waaqaa/Rabbii isin haagahu jedha. Ashamaa miseensoni Hawaasota Oromoo kann Biyya Jarmanii Keessa jiraattan, obboleewwan keenya dhiiraa fi dubartiin, baga ayyaana Irreechaa bara 2016 walumaan jala geenye. Ayaanni irreechaa jila (festival) waga/bara haaraatti cee‘uumsaatti. WHOA/OCAE e.V. (Inc.) baga nagaan booqa (ifa) birraatiin isin gahe jechudhaan hawwii gaarii ummata Oromoof qabu isinif mirkaneesa.  

Waldaan Hawaasa Oromo Awuroopaa (WHOA)/Oromo Community Association in Europe (OCAE) e.V. (Inc.) hawaasota/waldoota Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaaramtanii jirtan hundaaf akka qophii ayyaana Irreechaa Biyya Jarmanii kan bara 2016 irratti gaafa guyyaa Fuulbana (September) 17, 2016 qooda fudhatan ulfinaan waamicha isinif godha. Qophii ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti qooda fudhachuuf amanteen gargar nun baasuu. Waldootin Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaaramtanii jirtan yoo qophii ayyaana irreechaa Biyya Jarmanii kan bara 2016 irratti qooda fudhachuuf fedhii qabaatan hanga ji’a Adooleessaa (July) 30, 2016 ti akka nu beeksistan kabajaan isin gaafana.  

Yoo Waldootin Oromoo Biyya Jarmanii keessatti Ijaaramatanii Jirtan qophii ayyaana irreechaa malkaa ykn birraa bara 2016 irratti marihachuu barbaadan, iddoon/bakki walgahii magalaa „Frankfurt am Main“ keessatti kabajan qopha‘eera:

  1. Bakka/iddoo walgahii: SAALBAU-Griesheim, Schwarzerlenweg, 65933 Frankfurt am Main
  2. Guyyaa Walgahii (Guyyaa Marii): Hagayya (August) 06, 2016
  3. Sa’aatti: 14:00 WB (PM) ‐ 18:00 WB (PM)
  4. Baabura bakka walgahiiti isin geessu: Baabura lakkoofsa 2 (S-Bahn 2 (S2), kann gara "Niedernhausen“ deemu) ykn Baabura lakkoofsa 1 (S-Bahn 1 (S1), kan gara "Wiesbaden Hauptbahnhof“ deemu) bakka, "Frankfurt am Maim Hauptbahnhof“ jedhamu irraa qabatani buufata "Frankfurt-Griesheim“ jedhamuti irraa buutuu. Buufata "FrankfurtGriesheim“ jedhamu irraa kaataani daqiiqaa 4 duwwaa miilaan deemtu.  


Federal Republic of Germany (FRG),

Frankfurt am Main, Adooleessa (July) 17, 2016  
 
Koree Hojii Raawachiiftuu (KHR) WHOA/OCAE e.V. (Inc.)

No comments:

Post a Comment