Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

Hagayya 05, 2016 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Ummatni Oromoo fi Dargaggootni akkasumas Qabsaawotni hundi injifatnoo hanga amma kuufame tikfataa akka Fincila Xumura Qabrummaa finiinsuun galii isaa saffisuu irratti hojjatamu ABO gadi jabeessee hubachiisa.
Hiraarri, cunqursaa fi saaminsi daangaa dabre ummatoota Itophiyaa hifachiisee hundinuu karaa adda addaa mormii isaa akka dhageessisu taasisuu irraa Itophiyaan Wayyaaneen bulfamtu yeroon itti tasgabboofte hin mul’atne. Sirni gabrummaa, bittaa abbaa irrummaan durfamu, ummatoota lafa irraa buqqaasuu dhaan ofii fi waaheloota isaa saaminsaaf hiriiran waliin ummatoota sadarkaa kanaan dura mul’atee hin beekneen hiyyoomse. Salphinaa fi gadadoo mul’atee hin beekneef saaxile. Haallan ummatoota irra gahan kanneen keessatti kan ummata Oromoo ammoo addatti ilaalama.

Har’a ummatni Oromoo mirga seeraa fi uumaan qabu beekee yeroo kamiinuu olitti mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaatiif aarsaa gosa hundaa baasuun fincillii fi qabsoon finiinsaa jiru ummata Oromoo, sabboontotaa fi kan haqaaf dhaabbatan mara boonsaa fi hawwataa jiraachuun haqa ifatti mul’ataa jiru dha. Ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota cunqurfamoo bittaa Wayyaanee jalatti hacuucamaa jiran maraaf fakkeenya tahuun mirga isaaniif akka falmataniif onnachiisee fincilaaf kakaasaa jira yoo jedhame dhugaa irraa fagaatuu hin tahu.
Fincillii fi qabsoon ummata Oromoo ofii fi kanneen biroo biratti akka dhaga’amuu fi akka fakkeenyaatti akka ilaalamu kan taasisuu danda’e, ilmaan Oromoo, Gabrummaan nurratti haa dhaabbatu! Dhaaloota itti aanu gabrummaa hin dhaalsisnu! jechuun hogganummaa ABOn Qeerroo fi qabsaawota bilisummaa jalatti gurmaa’anii mootummaa abbaa irree irratti finciluu irraa ti. Sochiin FXG ABO karoorfamee Qeerron moggaafamee baatii sagalii oliif Oromiyaa guutuu keessatti adeemsifamaa jiru sadarkaa kana kan dhaqqabe aarsaa ulfaataa miseeesota ABO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo qofaan tahuun dagatamuu hin qabu. Fincilli eenyummaa Oromoo agarsiisee fi qabsoo ummata Oromoo boqonnaa haaraa seensise kun sadarkaa kanaan gahuuf marsaa fincilaa ammaa kana qofatti ilmaan Oromoo 800 ol tahan gatii lubbuu irratti baasuu irraa ti. Kumootaan kan lakkaa’aman wareega qaamaa fi qalbii waan baasaniifi. Kanneen manneen hidhaa faashistootaa keessatti gidirfamaa jiran kuma kudhanootaan lakkaa’aman sodaan alatti mootummaa kana dura waan dhaabbataniifi.
Fincilli Xumura Gabrummaa karoorfamee, humni namaa kana gaggeessuu itti leenjifamee wayta labsametti alagaa hafnaan lammiileen Oromoo hedduu illee dhimma ummata Oromoo fuula dura furgaasuun dhageettii fi mararfannaa argamsiisa jedhanii kan yaadan murtaawoo turan. Kan deggeruu fi tumsuuf tattaafate irraa diinaa fi masaanuu qabsoo Oromoo waliin kan qeeqanii fi komii tarrisaa turan irra heddummaatu. Kanneen Fincilli Qerroon labsamuun “dogoggora, ilmaan ummataa ficcisiisa”, jechuun ABO yakkan of booda mil’atee kan ilaaluuf, rakkina hubannaa fi akeekaa jiraachuu arga.
Har’a bakka geenye kanatti injifatnoo argame kan ofitti maxxansu heddummatuu qofa osoo hin tane gara dabarsuuf kan foolatu argaa waan jirruuf sochiin ummatni Oromoo mootummaa abbaa irree hundee raasaa jiru galii akeekkatee ka’eef irraa akka hin maqne tiksuun dirqama ummata Oromoo fi qabsaawotaa wareega itti baasaa jiranii ti. Kanneen fincilli ummata Oromoo jabaatuu isaa arguu fi hubatuu irraa cinaa irraan saaqatanii karaa irraa maqsuun galii biraa ittiin guuttatuu kajeelan of irraa tiksuunis dirqama kanneen Oromoo biyya isaa irratti aangoomsuuf qabsaawanii ti.
Ummatni Oromoo Fincilli Xumura Gabrummaa adeemaa jiru keessatti aarsaa dorgomaa hin qabne baasuun sadarkaa amansiisaa fi abdachisaa irraan kan gahe olloota isaa argee ka’uu irraa miti. Haqni mul’ataa fi qabatamaan kan fakeenya godhatanii mirga isaaniif akka falmatan kan onnachiise sochii FXG Oromiyaa keessatti qabsawotni ABO fi Qeerroon finiinsan tahuu agarsiisa. Kanneen sochiilee biroo olloota Oromoo keessatti adeemsifamu irraa baratuu qabna, fincilli ummata Oromoo bifa kana qabaatuu qaba jedhanii qajeelfama dabarsuu abbalan ummata Oromoo afanfajjeessuu irra dabree akeeka ummata Oromoo bakkaan gahuu irratti gumaachi qabu murtaawaa tahuu hubatuu qaban. Kana malees FXG ummatni Oromoo yeroo dheeraaf itti jiru fincila yeroo murtaa’aaf adeemsifame waliin wal bira qabuudhaan madaaluun wareegama ummataa gadi xiqqeessuu qofa osoo hin taane wareegamaa fi akkasumas ulfina gaaffii ummata Oromof kabajaa dhabuu dha.
Ummatni kamiyyuu mirga isaaf qabsaawuun haqa isaa ti. Mirga uumaa fi seeraan ummatootni qaban kabajamuufii qabaanis ejjannoo ABO ti. Haa tahu malee hiriira guyyoota murtaawaaf adeemsifamee fi jijjiirama hundee hin argamsiifne, gaaffii fi qabsoo mirga ummata Oromoo barootaaf deemaa jiru irratti ejjannaa ifaa hin qabneen mirqaanee akeeka wal hin simne walitti harkisuun ejjannoo ABO miti. Kan akeeka ummata Oromoo tarkaanfachiisuu fi galii isaan gahu ammas taanaan hundaan olitti of irratti abdatuu fi amantaa guutuun Finccila Xumura Gabrummaa labsame deemaa jiru ofii jabeeffatuu qofa. Jabaan hin jibbamu. Hundatu faarfata. Hundatu waliin mul’atuu barbaada. Itti dhihaatuu, faarfatuu fi waliin mull’atuuf carraaquun maaliif isa jedhu ammo kan adda baafatu abbaa dhimmaa taha.
Har’a FXG durummaa ABO fi Qeerroon finiinaa jiru dhihoo irraas tahe fagoo irraa qajeelfama hin barbaadu. Akkuma kanaan dura wayta hamtuu murannoo fi bilchinaan hojjatuun diina raasaa har’a gahe fuula duras muranno qabuu fi muyxannoo horate gabbifataa fincila isaa akka finiinsu andeessisuun dirqama hunda keenya irra jiru dha.
Qabsaawotni ABO fi Qeerroon Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Fincila Xumura Gabrummaatti kan cehan jijjiirraa kabeebsaa hawwuu irraa miti. Gabrummaatti xumura gochuun ummata Oromoo biyya isaa irratti aangomsuufi. Ummatni Oromoo ajaja alagaan alatti bilisummaan jiraachuun haqa isaa tahuu hubatuu irraa ti. Ummatni Oromoos dhalaa dhiiraan, guddaa xiqqaan, Bahaa Dhihaa, Kaabaa Kibbatti kan fincilaa jiru dhugaa kana hubatuu irraa ti. Kan fincila isaa gaggeessaa tures akka isaaf mijatee fi aanja’etti malee ajaja fi Qajeelfama Wayyaanee fi bakka biraa irraa itti dabarfamuun hin turre. Waan taheef har’as ummatni Oromoo kanneen qabsoo fi fincila inni geggeessaa jiru irratti abbaa tahuu barbaadan, sochii ummata Oromootti cancala gochuun gara barbaadanitti oofuu barbaadan ofirraa to’ataa qajeelfama qaama sirnaawaa fi seerawaa kanaan duraa irratti hundaa’uun fincila isaa akka kanaan duraatti akka finiinsu ABO hubachiisa. Kanneen fincila deemaa jiru irratti ejjannoo ifaa hin qabne, gamaa fi gamana utaalanis ejjannoo isaanii ifa gochuun gufatiinsa irraa akka baraaran hiree kanaan ABOn yaadachiisuu barbaada.
Ummatni Oromoo fi Dargaggootni akkasumas Qabsaawotni hundi injifatnoo hanga amma kuufame tikfataa akka Fincila Xumura Qabrummaa finiinsuun galii isaa saffisuu irratti hojjatamu ABO gadi jabeessee hubachiisa.
Injifatnoo Umamta Oromoof!
Haggayyaa 5, 2016

No comments:

Post a Comment