TARKAANFIIWWAN GURGUDDOO GAMA DINAGDEETIIN MOOTUMMAA WAYYAANEERRATTI FUDHATAMUUF JIRAN

LABSA DIDDAA BITTAA FI GUGURTAA
Akkuma amma dura jenne ALHtti Qaammee 1, 2008 irraa eegalee hanga Fuulbana 2, 2009tti duulli diinaggee sirnicha irratti fuulleeffate ni godhama. Akeekni duula kanaa diinaggee sirnichaa daran rukutuun humna ittiin ummata cunqursu laamshessuu. Yeroon kun yeroo ayyanaa waggaa haarayatifi ayyana Iida Arafaa akka ta’e ni beekama. Barri dabre kun bara Oromoon falmii mirgaa cimaa godhee wareegama guddaas itti kaffale ta’uu wal yaadachiisuun hin barbaachisu. Kanaaf ayyaana kanas obboleeyyan keenya wareegaman yaadachuufi qabsoo isaan irratti kufan daran saffisuun malee bashananaan dabarsuun waan ta’uu miti. Tarkaanfilee fudhatamuu qaban:

1) Qonnaan bulaan keenya midhaan, loon, bushaalee/busaayee, lukkuu, killee, midhaan, kuduraafi fuduraa magaalaa akka hin geessine. ( Wantoota barbaachisoo akka sooqiddaa sanbattan san duraa akka bitattan)
2) Daldalaan keenyas wantoota qabxii takkaffaa irratti eeraman kana gara magaalota gurguddoo, Finfinnee dabalatee, akka hin geessine
3) Daldaltootni labsii kana cabsan akka Wayyaanee waliin dhaabbatanitti lakkaahamu. Kanaafuu daandilee isaan irra dabran hunda keessatti dhaabsifamuu qabu
4) Oromoon magaalaafi baadiyyaa guyyoota kana keessatti manneen nyaataa, mana shaayii, mana dhugaatiifi mana barcaa dhaqee baasii akka hin baafne. Mana ofitti firaafi ollaa wajjiin wareegamtoota yaadachaa fuulduree qabsootirratti haa mari’atu.
Akka amantii isaatti manneen amantii dhaquun rabbi isaa haa kadhatu, amantoota waliin haa mari’atu.

Akkuma olitti tuqame torban duula kanaaf filame yeroo sochiin diinaggee cimaan biyya san keessatti geggeeffamuudha. Kanaafu duulli godhamu kun diinaggee mootummaa sanii laamshessuutti dabalatee, diinaggee biyyattii baadhatee kan deemu Oromiyaa ta’uu mirkaneessa. Akkasumas magaalota hunda keessatti daldaltoota ummataaf aantummaa qabaniifi diina cinaa dhaabbatan adda baasuuf fayyada.

Kanaafuu duula sochii dinaggee laamshessuu kana irratti qaamni hawaasa keneyaa hundumtii cichoominaan akka qooda isa irraa eegamu bahu waamicha dabarsina. 

No comments:

Post a Comment