Hubadhaa ! Hubadhaa!! Qabsoon Ummata Oromoo, Murtii Isa Dhumaatti Ce’uuf Dhihaateera!!!

Ebla 30, 2017 | SEENAA Y.G (2005) Irraa

Gara jabinni diinaa Ummata keenya irroomsaa jira malee, duubatti deebisaa hin jiru. waggoonni 25 dabran, Ummata Oromoof carraa gaariidhaa. Waggoota 25 kana keessa Injifannoolee gonfannee, gaafa abbaa biyyaa taanee dubbanna. Tarii gaafa san, karaa nuuti hin beekneen waan goonfannee turre yennaa ijaan arginu , warra har’aa tuffannee itti bulgaafannu dinqisifachuu qofaa osoo hin taanee, yeroo san maalan ta’ee ? jennee of ceephaanu ta’a. Bitaan yaabbannus mirgaan, Qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti kan hin deebine, diinni halkanii fi guyyaa kan itti irriba dhabuu ta’eera.

Dhugaa kana eenyullee haaluu hin danda’uu. Dhiigatu itti dhangala’ee mirkanaa’ee. Waggoota 25 kana keessa qalbiin Ummata keenyaa hangam akka bilchaatee fi carraa keessa keenya cimsachuu, Dogoggora keenya ilaaluu fi hegaree keenyaaf maal akka nu barbaachisu itti hubannee imala adeemsa xumuraa dhiigaan itti dhugomsineedha. Nama gatantaru fakkaanee dhaloota gonkumaa duubatti hin deebine uumuun danda’ameera. Qaawwaan kaleessaa inni guddaan duuchameera. Qabxiin irra keessaa mul’atee nu wal nyaachisuu guyyaan isaa geenyaan kan yeroo dheeraa fudhatuu miti. hundeen qabsoo Oromoo Ummata keenya Biyya keessa jiruudhaa. Kun kan yeroo kamirrayyuu caalaa ifatti kan mirkanaa’eedha. Har’aa qabsoo keenya waan ifa hin qabnee nutti fakkaachuu danda’aa. Ilaalchi kun kan madduu qabsoo irraa fagaannee jiraachuu fi adeemsa qabsoo bifa hedduu qabuu wallaaluu irraa madda. Kanaaf har’aa qabsoon Oromoo sadarkaa murtii isa dhumaa irra jiraa jedheen katabee.Namni keenya, qabsoon addunyaa karaa irra imaltee Filmiin daawwatee ykn dubbisee keenyas akkasitti akka milkaa’uu hawwa. Akka Fiilmii daawwachuu gaafa dhabuu, qabsoon dhaamtee jedhee lafa cira. Qabsoon ammoo fiilmii miti. tiyaatiras miti. dhugaadhaa. Adeemsadha. Waan qabatamaadhaa. Qabsoo tokko injifachuuf, jabiina ofii qofa osoo hin taanee, laafachuun diinaas akka eegamu beekuu barbaachisa.kana yeroo biraa itti deebina.
Ummati Oromoo Biyya keessatti, Ilmaan Tigiree quufaan of wallaalan ofirraa galchuun akka danda’amuu, dhiigaan mirkaneessanii jiran. Tarii wayyaanee miidiyaa irraa lallabduu kana arginee, Faranjii ofitti yaaftee haasoftuu fi waraana guyyuu nu daawwachiiftuu ilaallee hamilee of buufnaa ta’aa. Garuu dubbiin faallaadhaa. Wayyaaneen kan yeroo kamirrayyuu caalaa raatofteetti. Wayyaaneen waraanaan jiraachuuf osoo bookkistuu, Dingdee biyyaa dacheetti makuun hojiin hojjatamee warra adeemsa siyaasaa hin qalbifanneef dubbachuun dansaadhaa. Kanarra namatti hin himan. Xiinxalaa fi akitivistoonni keenyaa kana hin dubbatan. Yoo dubbatanis eenyutu akkas godhee dubbachuu waan hin feeneef hin kaasan. Seenaaf haa ta’uu.
Har’aa qabsoon Oromoo humna kamiifuu yaaddeessaadhaa. Oromoon mirga abbaa biyyummaa isaa deeffachuuf wareegama barbaachisuu baasuuf qophii ta’eera. Qabsoo walii galaaf qophii qaamaa qalbii guutuu qabaateera. Kana booda kan yaaddofnuu, diinaa murtee oromoo kana hubachuu dadhabee fi jala deemtoota boruu Oromiyaa keessatti jiraachuuf mirga hin qabneeti.
Dhalli Oromoo Biyya keessaa fi ala jiru, Qaamoota itti aanan kanatti nagaa fi tasgabbiin Dhaamsa itti aanu kana itti himuu qaban. kana dubbachuuf lolaa fi mormiin hin barbaachisu. DHAAMSA GABAABAA FI IFADHA .
UMMATI OROMOO FI CUNQURFAMTOONNI BIYYATTI KEESSA JIRAATAN, KARAA FEDHEENUU HAA TA’UU, QAAMA KAMIYYUU OFIRRAA ITTISUF MIRGA UMAMAA GUUTUU AKKA QABAN HUBACHIISUUN BARBAACHISAADHAA.
  1. Hiwaatootaaf: Hiwaatoonni badii Ulfaataa raawwataa jiru. badiin dhuma irratti akkamii fi eessatti akka goolabamu kan wallaalan hin fakkaatan. Qabeenyaan horatan, maallaqii saaman, humndi isaa Oromoo murtee dhumaaf of qopheessaa jiru dura dhaabbachuu akka hin dandeenye itti himuun gaariidhaa. Kanarra dhiiga dhangalaasuu yoo filatanis, dhiiga hanga fedheyyuu ni dhangalaafnaa garuu, Dachee Oromiyaa qofaa akka barbaannu bareechaa itti himaa.

  2. Warra Tiwulidda Itoophiyaawwiif. Warri kun irra jireessa, Biyyoota olla irraa kanneen saamichaaf itti godaananiidha. Addatti wayyaaneen har’aa harka mirgaa isaan godhattee jirti. Miidiyaa Biyyatti guutummaatti tu’achuun aadaa fi seenaa akkasumas safuu sabootaa karaa hundaa dhabamsiisuun , olaantummaa amaarinyaa biyyatti keessatti fudhachiisuuf kanneen hojjataa jiraniidha. Waggaaa 150 ol oromiyaa keessa jiraatanii afaan oromoo barachuuf kan hin feenee har’aa dantaa isaaniif amaarinyaa jiraachisuuf kanneen hojjataa jiran, Ilmaan kushatik Itoophiyaa keessatti harkaa 85 ta’uu osoo beekamuu, BIYYA HABASHAA jedhanii eenyummaa keenya haquu warra barbaadan, Industirii Artii fi Filmii Biyyatti dhunfatanii fi kan sabootaa irraan miidhaa geesisaa warra jiraniif, mana Kondiminiyeemii mucaa waggaa 18 fi isaa gaditti shiraan qooduu fi gurguranii qabeenyaa akka horatan taasisaa kanneen jiran, Artiin Oromoo Biyya kamiinuu akka hin guddanneef shira heddu dhokataa raawwachaa. Kan afaan amaaraan ba’uu fi isaan itti tujaaraa jiraniif miidiyaa hundaa bananii ummata qalbii cabsuu caalaa ,Filmiilee afaan amaaraa Oromiyaa fi akanneen biroo keessatti akka argisifaniif maaqqala guddaa ramadanii afaan keenya dhabamsiisuuf warra carraaqaa jiran kanneen ofirraa dhaabuun dansaadhaa. Galmaa Oromoon ijaaree keessatti diraamaa argisiisuuf rakkoo uumaa, kan isaanii Finfinnee ta’ee jedhee dhufee ummata dirqamaan afaan biraan ilaaliin yeroon isaa dhumatee jechuunii barbaachisa. Oromiyaa keessatti fiilmiilee fi vidiyoo finfinnee gadhi ergaman akka ummataaf dhihaatu gonkumaa hayyamuu hin qabnu. Jimmaa, dirree dawaa, naqamtee, adaamaa kkf fiilmii amaariffaa bal’inaan dhiheessuuf karoora bal’aa qaban. Kana dhaabu qabna.
Abbootii qabeenyaa Biyyattii keessaa sadarkaa 1ffaa irra jiran. Kubbaaniyyaa fi warshaa isaanii dachee irratti ijaaraniif kabajaa osoo hin qabaatiin, maqaa Habashootaa itti moggaasuun kabajaa sabootaaf qaban mul’isaa jiran. Afaan hojii naannooleef gonkumaa kabajaa hin qaban. Gurmaa’anii saamicha kana hin jedhamnee gaggeessaa jiran. Argachuun gaariidha. Garuu diinaa ilmaan keenya fixan waliin dhaabbachuun fafa jechuun barbaachisaadhaa. adeemsi keessan kun isin ga’aa jechuuni qabna. Adeemsa isaanii qaamoonni dhiheenyaan beekan ifatti kan ummataan ga’aan ta’aa.
  1. Ilmaan oromoo jala deemtootaaf; ilmaan oromoo dhumaatii saba keessanii ilaaltanii qalbii jijjiirrachuu dadhabdanii diina waliin dhaabbattanii ummata keessan dhiiga dhangalaasaa jirtan, badiin keessan walii galaa , Mirga Oromiyaa keessa jiraachuullee dhabuu akka maltan gabaabinaan dhaamuufii barbaachisa. aadaa oromoo keessatti nama badii hojjatee hawaasa keessaa moggeessuu fi mirga waloo harkaa mulquun akka jiru hubachiisuun dansaadhaa.
Ummata Oromoo Biratti ajjeesanii du’uun filannoo dhumaatti fudhatamaa jira. Kun deemee deemee maal akka dhalchuuf jiru eenyufuu ifaadhaa. Kaleessa mirga keenyaaf falmaan gaggeessinuu maqaa adda addaa itti maxxanfamaa jiraate. Har’aa garuu dhugaa qabnuu addunyaatu hubatee jira. Kanaaf mirga of ittisu bifa kamiituu fudhannuu dhageetti qabnaa jedhaa, diina qalbii dhabeetti himaa. Namochi kun maal dubbataa ykn waan hin jirree haasa’aayii jechuu dandeessu. Ani garuu dhugaan isinitti himaa, qabsoon Oromoo sadarkaa dhumaa irra ga’eera. Sadarkaa ummata keenyaan obsaa jechuullee hin dandeenye irra jiraa hubadhaa. hubadhaa.
Dubbiin baayyateef ……..
HORAA BULAA !!!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment