Haadha warraa Gooticha Oromoo Musxafaa Huseen gargaruun dirqama lammumaati

Caamsa 30, 2017
Jaal/Musxafaa Huseen,  godina Arsii Bahaa Aanaa Ziwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo jedhamutti bara 1985 A. L. Htti kan dhalate
Bara 2008, FXG/Fincila xumura gabrummaa, Sabni Oromoo guutuu Oromiyaatti taasisee irraatti kabajaa fi jaalala saba ofiitiif qabu agarsiisuuf jecha osoo ani jiru saba kiyya na duratti Lukkeeleen woyyaanee Agaaziin lubbuu isaanii hin baastu jechuun qawwee isaa diinatti garagalchuun agaazii shanii hanga jahaa walirraatti akaayuun akkasumas kanaa olis fixuun akka danda’amu poolisoota fi humna waraanaa lammummaan Oromoo ta’aniif karaa saaqee fakkeenya ta’uun, lubbuu isaa qaalii/deebii hin qabne kennuun Godina Arsii lixaa magaalaa Ajjeetti Gurraandhala 07/06/2008A. L. Htti Oromoof woreegame! Goota bara baraan seenaan yaadatu! Yeroo gootni kun wareegamu da’imni isaa ( SEENAA MUSXAFAA) garaa hadhaa keessatti baatii 5 lakkoofsiisftee jirti. Haati manaa musxafaa aaddee SIIFAN yeroo sanatti barattuu kolleejjii taatus ifni guyyaa adiin waan itti dhaameef baruumsa ufii gad dhiiftee yaadannoo abbaa manaa isii kana osoo jaalattu dhabde da’ima isaa guddiftee seenaa abba isii barsiisuuf murteeffattee baruumsa gad dhiiftee baadiyyatti galte.
Hanga deettes maatiif daima isii diinnii hafuura kutee amma baqaan biyya ollaa jirtii.  Col. Musxafaan lubbuu isaa Oromoof kenne. Ammaa yeeron kan nuti akka ummata kanaatti maatii isaa bira dhaabannee keessattu daima isaa SEENA MUSXAFAA fi haadha mana isaa amaana nutti  ta’an. Kanaaf LAMMITU LAMMII DHAQQABAA GOOTA LUBBUU UFII DABARSEE NUUF KENNE SEENAA MUSXAFAA HAA YAALLUU HAA GUDDIFNU SEENAAN NU GAAFATA. NU GARGARAA WAL HAA GARGAARRUU GALATOOMAA!


Helping Mustafa Hussein's Child:  https://www.gofundme.com/dg8io4


No comments:

Post a Comment