Falmaan Bilisummaa Oromoof taasifamu jabaatee itti fufa!

Hagayya 27, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Oromiyaa

Koreen Aduulaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27 bara 2017 teessoo ariifachiisaa guyyaa tokkoof gaggeessee jira.
Teessoo kana irrattis haala yeroo ammaa Oromiyaan keessatti argamtuu walhubachiisee jira. Kanuma waliins, duula itti fufiinsaan gaggeeffamuu qabu irratti kallattii kaayeera.
Akka kanaanis, mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuuf wareegama olaanaa ummati Oromoo baasaa jirutti firii gochuun waan hunda dura kan irratti xiyyeeffatmau ta’uu irra deebi’ee irboomseera.
Keessayyuu, dhalooti qubee aadaa fi gootummaa ummata keenyaa dhaaluun akka bilisummaan ummata Oromoo kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa keenya mirkanaa’u  taasisuuf qabsoon maraalessaa kan filmaata hin qabne ta’uu raggaasiseera.

Dhimmoota kunneenis dhugoomsuuf waan barbaachisu of qusannaa tokko malee akka gumaachinu waadaa keenya haaromfanneerra.
Kanuma waliinis, haala yeroo irratti ibsa ejjannoo qabxiilee shan of keessaa qaban baafanneerra.
  1. Siidaan maqaa ummata Oromoo ayyaana Irreechaa irratti bara darbe dhumaniin Bishooftuutti dhaabbate kan kaayyoo fi haqa wareegamtootaa bakka hin buunee dha. Kana waan ta’eef gochaa kana jabeessinee mormina; siidaan sunis hatattamaan akka kaafamu jabeessinee hubachiifna!

  2. Mormii gabaa lagannaa guyyoota sadiif gaggeeffameen booda hidhaa fi hiraarsaan ummata keenya irratti fudhatamaa jira. Haalli kun akka dhaabbatuuf dhaamsa keenay ni dabarsina. Kun hin ta’u taanaan yeroo gabaabaa keessatti fincila maraalessaa akka waamnu jabeessinee hubachiifna.

  3. Moseensoti Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deegagrtooti qabsoo Oromoo fi ummati Oromoo marti wal’aansoo jabaa itti fufiinsa qabuu fi Wayyaanee hundeen buqqisu gaggeessuuf akka of qopheessan waamicha keenya dhiyeessina.

  4. Hidhamtooti Oromoo sababa siyaasaatiin hidhaman hatattamaan akka gadhiifaman ammas irra deebinee gaaffii keenya dhiyeessina; kun ta’uu baannaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo dallaa hidhamtooti keessatti hiraarfaman kamiyyuu diiguuf akka ofqopheessan ni hubachiifna.

  5. Daangaan Oromiyaa haga ammaatti cicciramaa dhufes akka iddootti deebi’u jabeessinee gaafanna. Qeerroon Bilisummaa Oromoo daangaan Oromoo taakkuun tokko illee akka dabarfamee alagaaf kennamu hin hayyamnu; falmaan bilisummaa Oromoo kabachiisuuf taasifamu jabaatee itti fufa. Nutis, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, daangaa Oromiyaa dhiigaa fi lafee keenyaan iddootti deebisuu fi kabachiisuuf  qophaa’oo ta’u keenya ammas irra deebinee ni mirkaneessina!!
Bilisummaan ni dhufa; gabroonfataan ni kufa!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment