" Tasa "---- Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Haggaya 30, 2017 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Kashlabbee bobbaasee, gootaa ficcisiisaa,
Hambaa ilmaan Oromoo gidiraan facaasaa,
Reeffa gootowwanii, ekeraa rarraasaa,
Ofumaa fixxanii, maaliif jettan " tasaa ",
Yoomiyyuu hin bahu, Onnee teenya keessaa!!!

Amma hoo maaltu hafee, kijiba odeessituu,
Ati Addisu Araggaa, bineensa nama nyaatuu,
Atii fi Abbaay Tsahaayyee maaliin gargar baatuu,
Isin hunduu bineensa, garaadhaaf wawwaatuu,
Ka'i Oromiyaarraa, Oromoof hin taatuu,
" Tasa " dhuman jechuun tasayyuu hin fakkaatuu,
Gumaan ilmaan keenyaa, gaaftokko ni baaftuu,
Garaan haadha dhaltee, yoomuu hin irraanfatuu,


Garaa keessan guutuuf, manguddoo dhamaasaa,
Miidiyaa walabaa garayyuu ukkaamsaa,
Misooma jettanii beela biyyatti buusaa,
Oromiyaa guututti waraana bobbaasaa,
Bineensa nama fakkaatuun, lubbuu kichuu baasaa,
Akkamitti jettan, du'a lubbuu " tasaa",
Madaan nurraa hin baane, waan gaafa irreessaa!!!

Galmeessinee keenye, onnee keenyarratti,
Yoomiyyuu hin dagannu,waan ta'e nurratti,
Lubbuu dhibba torbaa sa'aatii takkatti,
Yoo fixxanii galtan, akkuma taphaatti,
Nama moo bineensa, sila isinumti,
Warri seenaan du'e, uffata keessatti,
Isin ta'uu beekaa, gabroomsaa jalatti,
Garuu,goottan sanneen, seenaan ni yaadatti!!!

Gibiraa fi gidiraan keessan wal makeeraa,
Dhaaba aangoo hin qabne, tumsitoota dharaa,
Maseensaa fi misoomsaan keessan wal dhaheeraa,
Yakka keessan hundaa Oromoon bareeraa,
Akka dhaabatatti dhumtan, Oromoon argeeraa,
Gooftoliin keessaniis, qeerroon salphiseeraa,
Labsii inni baasu, bu'aa dhabsiiseeraa,
Homaa harkaa hin qabu, tasuma tirtiraa,
Waraanni keessanuuu, ammaa isin xuruuraa,
Amma kufuu malee, fixxan carraa maraa,
Tigraayitti galuuf, jabaadhaa hiriiraa!!!

        Tokkummaan hangafa,
        Qabsoon itti fufa,
        Gabroomsaan ni kufa,
        Gabrummaan ni hafa,
        Bilisummaan ni dhufa!!!
        
              Hagayya 28, 2017

No comments:

Post a Comment