Murtii fi Kutannoolee Kora Sabaa 4ffaa ABO Hagayya 20 – 30, 2017

Haggaya 31, 2017 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Korri Sabaa 4ffaan Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu’ootni Miseensota ABO, bakka bu’ootni Caayaalee ABO, bakka bu’ootni waldaalee fi murnoota hawaasaa adda addaa fi keessummootni afeeraman bakka argamanitti Hagayya 20 – 30, 2017 haala ow’aa fi mirqaansaa taheen gaggeeffamee injifannoodhaan xumurame.

Korri Sabaa kun kan geggeeffame wayta ummatni Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa mootummaa Wayyaanee wajjin yeroo kamiyyuu caalaatti falmaa hadhaawaa gageessaa jiran keessatti.
Korri kun Gabaasa Gumii Sabaa Gadaa dabree dhaggeeffatee, dhimmota Qabsoo Bilisummaa, hegeree Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas, Idil-Addunyaa bal’inaan marihachuudhaan Sagantaa Siyaasaa fi Heera ABO gilgaalee, wayyeessa barbaachisu hunda gochuudhaan raggaafatee jira.
Korri kun Gabaasa Gumii Sabaa Gadaa dabree dhaggeeffatee, dhimmota Qabsoo Bilisummaa, hegeree Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas, Idil-Addunyaa bal’inaan marihachuudhaan Sagantaa Siyaasaa fi Heera ABO gilgaalee, wayyeessa barbaachisu hunda gochuudhaan raggaafatee jira.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ABOn durfamu galiin gahuuf hoggana ititaa Dhaabicha fuul-dura tarkaanfachiisuu dandayu of keessaa filatee irbuu seensisuudhaanis dirqamaa fi itti gaafatama hoogganummaa itti kennee jira. Akka kanaan Korri Sabaa 4ffaan ABO kun Murtiilee fi Kutannoolee armaan gadii dabarfatee Injifannoodhaan xumuramee jira.
  1. Korri Sabaa 4ffaan ABO tarkaanfii Ummatni Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaa gabroomfataa Wayyaanee fi ergamtoota isaa irratti fudhachaa jiran dinqisiifachaa, qabsicha daran finiinsuuf ciminaan akka hojjetamu murteesse. Kanuma waliin Ummatni keenya diinaan kokkee wal qabee, sochii seena-qabeessa bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaaf geggeessaa jiru daran finiinsee sirna gabrummaatti xumura gochuuf caalaatti akka socho’u waamicha keenya haaromsina.

  2. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) Irree fi Gaachana Ummata Oromoo ti. Waan taheef aynaa, heddummina, hidhannoo fi dandeeytii isaa ol guddisuudhaan umrii humna weerartuu Wayyaaneetti xumura itti gochuuf dhiheessii barbaachisu hundi akka WBOf guutamu ciminaan ni hojjenna.

  3. Qeerroon Bilisummaa Oromoo hogganummaa ABOn qajeelfamu, warraaqsa biyyoolessaa Oromiyaa keessatti finiinsaa jiruuf qoodni WBO fi Humna Ittisa Ummataa dacha dachaan akka dabalamuuf GS ABO bobbaa barbaachisu irratti akka xiiyyeeffatu KS 4ffaan ABO murteesse.

  4. Hiriira nagaa mirga Abbaa-biyyummaa falmachuuf bahame keessatti ajjeechaa raaw’atamaa jiruu fi dhumaatii Onkoloolessa 2, 2016 Hora Har-sadeetti raaw’atame, tarkaanfii shoororkeessummaa labsii yeroo hatattamaa fi bulchiinsa waraanaa (Command Post) Oromiyaa irratti raaw’atee fi raaw’ataas jiru sagalee ulfaataadhaan balaaleffachaa, gochaa suukenneessaa ilmaan Oromoo irratti raw’ateef Mootummaan Wayyaanee seera duratti dhihaatee akka itti gaafatamuuf jabinaan ni hojjenna !

  5. Mootummaan goolessituu Wayyaanee gochaa shanyi-duguggii, hidhaa fi saamicha ummata Oromoo irratti geessisaa jirtu hatattamaan akka dhaabdu, hidhamtoota siyaasaa fi qabsaawota maqaa ABO, Oromummaa fi dhaabota biraa deggeruu qofaan hidhaman hundi akka gadi dhiifaman akeekkachiisna!

  6. Gochaa shoorarkeessitummaa Wayyaanee irraan kan ka’e, Oromoota qe’ee fi qabeenya isaanii gadi dhiisuu dirqamanii biyyoota adda addaa keessatti baqatummaan dararamaa jiran hundi, mirgi baqatummaa isaanii akka kabajamuuf qaamota Addunyaa mirga baqattootaa tiksanii fi mootummoota baqattoonni Oromoo keessa qubatan hunda gadi jabeessinee gaafanna.

  7. Mootummaan Wayyaanee saamicha dorgomaa hin qabne deemsisuu bira taree, daldala dhala namaa (Human slavery) addatti ammoo dubartoota maqaa hojiitiin gurgurataa jiraachuun miidhaa suukanneessaa geessisaa jira. Korri Sabaa 4ffaan ABO kun gochaa farra dhala-namummaa kana jabeessee balaaleffachaa, daldalli gurgurtaa dhala namaa bifa haaraan geggeeffamaa jiru kun hatattamaan akka dhaabbatu akeekkachiisna!

  8. Weerarri Wayyaaneen maqaa Liyyu Polisii fi kallatti addaa addaatiin qindeessitee “seera” ofii baafatteen alatti lafa Oromoo bulchiinsa Ollootaa jalatti galchuuf gochaa jirtuu fi gochaan suukkanneessaa, samichaa fi ajjeechaan raw’achaa jirtu imaammata shiraa isiin Ummatoota walitti buusuuf hordoftu tahuu hubannee, kanneen kana keessatti qooda fudhattan martinuu akka irraa dhaabbattan hubachiisaa, humni weeratuu hatattamaan lafa Oromo akka gadi lakkisu dinniinna!

  9. Dhaabootni Oromoo Hiree-murteeffannaa Ummata Oromootti amanan hundi garaa-garummaa xixiqqoo gidduu isaanii dhiphisanii mooraa qabsoo Oromoo gabbisuuf, ABO waliin akka Qabsoo Bilisummaa qindeeffatan Korri Sabaa 4ffaan ABO waamicha lammummaa dabarsa.

  10. Ilmaan Oromoo sadrkaa adda addatti caasaa mootummaa Wayyaanee keessa hoojjattan, yakka mootummaan Wayyaanee Ummata Oromo irratti raaw’ataa jirtu hubatuudhaan sochii warraaqsa biyyoolessaa hogganummaa ABOn, Qeerroo fi ummatni Oromoo finiinsaa jiraniif golgaa ta’uun akka ummata keessan bira dhaabbattan waamicha lammummaa dabarsina.

  11. Ilmaan Oromoo kanneen humna waraanaa, tika, poolisaa, bifa milishaa gandaan fi bifa adda addaan caasaa mootummaa Wayyaanee tajaajilaa jirtan, akeekni mootummichaa ummata keenya mirga Abbaa biyyummaa sarbuu fi balleessuu akka tahe hubattanii hidhannoo fi humna qabdan hunda gara mootummaa gabroomfataa kanatti akka naannessitan waamicha lammummaa isiniif goona.

  12. Biyyootiin Dhihaa maqaa gooolessitummaan loluu jedhuunii fi Mootummootni adda addaa, humnotni siyaasaa fi jaarmiyaaleen dantaa ofiif jecha mootummaa Wayyaanee aangoo irra tursuuf gargaarsa gootaniif Wayyaaneen gargaarsa kana Ummata Oromoo fi kanneen biroos ittiin gidirsuu dabalatee badiilee hedduuf kan dhimma itti bahaa jirtu akka tahe hubbattanii gargaarsa keessan akka irraa dhaabdan gadi jabeessinee gaafanna.

  13. Gocha yakkaa kan mootummaan Wayyaanee, namootni dhuunfaa fi kubbaaniyoonni maqaa investment fi misoomaatiin ummata Oromoo lafa irraa buqqisuun of duroomsaniin ni balaalleefanna! Itti gaafatama seeraa jalaa akka hin baanees gadi jabeessinee akeekkachiisna!

  14. Beektota, Artistootaa fi Atileetota Oromoo sadarkaa gara garaatti qooda ummata Oromoo ol kaastanii Addunyaatti beeksisuu keessatti qooda guddaa gumaachitan hunda dinqisiifachaa, qooda kennaa jirtan ammas dacha dachaan jabeessuudhaan hirmaannaa keessan akka itti fuftan waamicha isiniif dabarsina.

  15. Jaallan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf sochii seena-qabeessa geggeessaa jirtan, sochiin keessan warraaqasa diddaa garbummaa Addunyaa keessatti argamee hin beekne tahuu fi seenaa Addunyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane ta’uu isaatiin raajeffachaa, kabajaa fi abdiin qabsaawotnii Ummatni keenya isiniif qaban ol’aanaa tahuu hubattanii, dirqama seenaa ofitti fudhattan Injifannoodhaan xumuruu fi galmaan gahuuf sochii keessan dacha dachaan akka itti fuftan dhaammanna.

  16. Hawaasni Oromoo biyyoota alaa jiraatu WBO fi Qeerroo falmaa Qabsoo Bilisummaa Oromo geggeessaa jiruuf qabeenyaa fi beekumsaan deggersaa fi gumaacha irraa eegamu ga’ummaan akka kennu gaafanna. Kanneen tika wayyaaneetiin mindeeffamanii akka gartuuttis ta’e akka dhuunfaatti golgaa Media Hawaasummaatiin qabsoo fi qabsaawota, akkasumas, hundee Oromummaa xiqqeessuun, safuu Oromo cabsuutti bobba’an akka badii itti jiran irraa dhaabbataniif gorsaan ykn kophxeessuudhaan tarkaanfii sirressuu akka irratti fudhatus waamicha goona. Walumaagalatti Qabsoo Bilisummaa fi Walabummaa Oromoo jabeessuu malee gochaa diinaaf faayidaa kennu irraa akka of eeggattan jabeessinee dhaammanna.

  17. Ummatni Oromoo haqa ofi malee kan biraa hin barbaadu. Waan ta’eef, sabootni cunqurfamtoonni Oromiya keessas ta’e ollaa Oromiyaa jiraattan waliif tumsuun qabsoo gita bittuu Wayyaanee hundeedhaan buqqisuu irratti akka waliin hojjennu Korri kun waamicha dabarsa. Kanuma waliin Tumsi Ummatotaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasiif dhaabbate (PAFD) akeeka isaa akka bakkaan gahuuf ciminaan akka hojjetu ABOn waadaa isaa haaromsa.

  18. Biyyootni fi Ummatootni Ganfa Afrikaa nagaa waaraa akka argataniif mootummootni, humnootni siyaasaa kan mormitoota ta’anii fi kan Idil-Addunyaa martuu Qabsoo Ummatni Oromoo nagaa, dimokiraasii fi Abbaa-biyyummaaf taasisu bira akka dhaabbattan waamicha dabarsina. Keessattu, humnootni siyaasaa Impaayera Itoophiyaa keessatti sirna wayyanee waliin keessaa fi alatti falmaa gochaa jiran Ummatni Oromoo mirga isaa argatu malee nageenyi waaraan naannoo kanatti argamuu akka hin dandeenye hubatanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin akka dhaabbatan hubachiisna.

  19. ABOn Qabsoo mirga Ummatootaa, Dimokiraasii fi mirga dhala namaa kabjsiisuuf, kanneen qabsaawan hunda waliin hojjachuuf qophii tahuu isaa mirkaeessaa, Mootummaa Wayyaanee kan sirna siyaasaa, dinagdee, waraanaa fi tikaa diriirseen ummatoota hunda hiyyumaa, gadadoo fi hacuuccaa dorgomaa hin qabneef saaxile karaa irraa maqasuuf akka waliin hojjannu gadi jabeessee waamicha godha.

  20. Tarkaanfiilee shiraa kan handhuura Oromiyaa Finfinnee Oromiyaa irraa adda baasuuf taasifamu hunda dura dhaabbannee ittisa feesisu hunda ni goona !

  21. Qabsoo Bilisummaa Oromoo ittisa irraa gara haleellaatti cahee jiru daran shaffisiisuuf, sochiin fuula hundaan taasifamaa jiru akka babal’atuu fi daran finiinu taasisuu irratti ABOn ciminaan hojjechaa jiraachuu hubatuudhaan Ummatni Oromoo bal’aan Falmaa Xumura Gabrummaa kanaaf akka of qopheessu waamicha waliigalaa dabarsina.

No comments:

Post a Comment