Waraanni Wayyaanee TPLF Sabboontota Oromoo Matakkal( Dangab) Irraa Hidhaa Jira.

Hagayya 07, 2017 | Gabaasa Qeerroo

Badii fi yakka tokko malee Sabboontota Ilmaan Oromoo Matakkal (Dangab) irra guuree mana hidhaa Maayikelaawiitti ji`a ja`aa(6) oliif mana dukkanaa keessaatti reebichaa fi doorsisa addaa Adaan nerga Iltaamsaa turee Hagayya 2/2017 Mana Murtii Liidataa jedhamutti Namoota 11 Harkaa fi miila isaani walitti sakaaluun mana murtiitti dhiyeessee jira.

Hidhamtootni Oromoo kun Galmee Obbo Habtaamuu Bayyanaa Amantee Jalatti kan himatamanii fi maqaan isaanii tarreeffame akkuma armaan gadii kana dha.

  1. Obbo Habtaamuu Bayyanaa Manatee
  2. Obbo  Kaffaalee Nigaatuu Baddeessoo
  3. Obbo Gonfaa Makuraa Amantee
  4. Obbo Caalii Yaadataa Bulchaa
  5. Obbo Bilisummaa Fiqaaduu Taaddasaa
  6. Obbo Shaanqoo Abbushaa Fayyisaa
  7. Obbo Ol anaa Baayyisaa Galmeessaa
  8. Obbo Billisaa Bayyanaa Amantee
  9. Obbo Tasfaayee Abbabaa Gannatii
  10. Obbo Waaqtolee hayiluu Tufaa
  11. Obbo Fiqiruu Zallaqaa Wiirtii
Hidhamtoota kana keessaa maatiin mana tokko irraa hanga nama 3-fi 2 tuu wal duukaa hidhamanii jiru. Rakkachaa jiru. Sabboontotni ilmaan Oromoo kun baddii fi yakka tokko malee Sababa Oromummaa isaanii fi Dhimma saba isaanii Keessattuu, Gaaffii Mirgaa Ummatni Oromoo Matakkal gaafachaa jiruu fi rakkoo Ummata Oromoo Matakkal irra gaa`ee jiruu fi midhaa isaan keessa jiran waan ibsanii fi Rakkoo kanaaf mootummaa Wayyaanee furmaata gaafatanii fi gaaffii kana dhiyeessaniif, Akka Yakkatti isaan fudhatee Mootummaan wayyaanee /TPLF Sabboontota kana Adamsuun bakka mana jireenyaa fi bakka hojii isaaniirraa adamsamanii qabaamuun Hidhaman. Ji`a 6 oliif mana Hidhaa Maayikelaawii keessatti Reebbicha addaa addaa fi Korreentiin Waxaluun miidhaan garaagaraa qaamaa fi qalbii isaanirratti raawwatamaa akka ture mana murtii yeroo dhiyaatanitti madaa qaama isaanii fi Godaannisa qaama isaaniirra jiru Ragaaf Dhaddacha Liidtaaa Dhiyaatanirratti Qaama isaanii agarsiisaniiru.

Hidhamtoota kana keessaa Obbo Kafafalee Nigaatuu Baddeessoo Reebichaa akka hamaatti Maayikelaawii keessatti isa irra ga`een Lafeen Cinaacha isaa akka Cabee fi yeroo ammaas Akka Afuura baafachu hin dandeenyee fi miidhamni guddaan akka isa irra ga`ee  jiru Dhaddachatti himateera. Haata`u malee, Sirni Mootummaa Wayyaanee kan Ofiin  qabee ofiin hidhuu fi Ofumaa murteessu waan ta`eef ilmaan Oromoo irratti Murtii du`aa dabarsuu fi hidhaa bara dheeraa murteessuu malee  kan Oromoof rifatu ta`ee hin argamne. Maatiin hidhamtoota kanaa rakkoo maatii keenya irra ga`e, kun kan saba Oromoo hunda irra gaa`aa fi dhaqqabaa jiru waan ta`eef sabni Oromoo Waayee hidhamtoota Oromoo kanan callisee ilaaluu hin qabu.

Haqaa fi dhugaa Saba Oromoo hidhaa fi ajjeechaan ukkaamsuu hin danda`u.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Maatii Hidhamtoota Sabboontota Oromoo Matakkal( Dangab) irraa
Gama biraan  Hagayya 6_2017 Lixa Shaggar, karra daandii wallaggaa geessu bakka bahumsaa fi galumsa konkoolaataa (keellaa) jedhamtee waamamtuutti lukkeeleen wayyaanee kan durii caalaa saamicha hamaa gaggeessaa jiraachuu qeerroo lixa shaggar addeessan.
Akkuma oromoon jeequmsi gabaa maraatuuf keessa tola jedhan, erga duulaa gabaa lagannaa garmalee dabaluu kafaltii gibiraa as sa’a tokkoon booda konkoolaataan gara lixa oromiyaa deemu akka sochuudhu hin dandeenye namoonni naannoo sana jiraatan ni addeessu, Konkoolaataan kamiyyuu waa fedhee achiin darbuu hin dandaadhu lukkeeleen tiraafikoota tadhan afur afuriin wal qooduun dabareen konkoolaataa dhaabsisani saamuu fi yoo isaan waan gaafatan kennuu didan sibiilaan tuttumaachuun ykn waan fedhame sana waraanuun ,yoo waan cabu tadhe cabsuu,kan dhangaladhu tadhe dhangalaasuun dalagaa dhala taasisaa jiraachuu, namoonni hacuucamni kun irra gahee fi jiraattonni naannoo sana himatan.
Waanti nama dhibu galgaala galgaala yeroo hundumaa konkoolaataa lixa oromiyaa deemtu kamuu darbuu akka hin dandeenyee fi konkoolaataa tilmaamaan dhibbaa (100)ol tadhan saamuuf toora galchanii akka dhaaban qeerroon naannoo sana gabaasan,kun immoo osooma jirra jirra jennuu gogaan gabaa nu bahe jette dullachi jedhan, kufaatii sirna nama nyaataa wayyaanee ofitti mirkaneessite hubatee qeerroo bakka jiruu qabsoo daran cimsuun,Sirna raafamaa jirtu kana ofirra gombiisu qabna jechuun qeerroon lixa shaggar dhaammatan, odeeffannoo biraa dudduubaan…

No comments:

Post a Comment