"Bishaan Kokkee Gahe Du’aan Gahe’’

September 24, 2017 | Waaqoo Nooleetin

Mootummaan gabroomsaan kufaatii isaa mirkaneeffate kamuu humna qabutti fayyadamee kan doorsisuu fedhe sodaachisee qabeenya isaa irraa saamuun dhameefachuun ittiin jiraatuu, kan biqqisuu barbaadu qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqaasee abbaa ofii fedhe irra qubsiisuu, kan hidhuu barbaade jumlaan ukkaamsee dararaa fi hararaafamaaf affeeruu, kan ajjeesuu barbaade ammoo guyyaa saafaan adda keessa qiyyaafatee rukutuun biyyotti makuun alattii gara nyaattee fi boruu gaabbaan inni tililuuf tokkollee hin jiru!

Haaluma kanaan Zooniilee Oromiyaa keessa jiran keessaa addatti Lolli Bahaan, Kibba Bahaa fi Kibbaan Ummata keenya irratti diinaan labsamuun gaggeeffame lubbuu ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan lakkawamuu gaaga’amaa garagaraatiif oolcheera.
Waan ta’eef duguuggiinsa sanyii Wayyaaneen poolisii Liyyuu Haylii Sumaalee baanamu waliin ta’uun ilmaan Oromoo meesha maleeyyii, Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa daangaa ofii falmachuuf bahe irratti waraanaa leenjii gahaa qabuu fi meeshaa waraanaa hanga funyaaniitti hidhate bobbaasuun yakka dhala namaa irratti raawwatamuu hin qabnee raawwatteef Gumaan isaa dacha dachaan bahuun waan hin oolleedha.
Lola Wayyanneen Ilmaan Oromoo irratti labsame kanaanis, Ilmaan Oromoo kuma kudhanootaan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii qun’oo horatanii qabanis osoo hin fudhatin harka duwwaa ari’amaniiru, Kumootaan kan laakkawaman ammoo madoo taasifamaniiru, Kanneen dhibbootaan laakkawaman ammoo dhiigni isaanii akka lolaatti dhangalaafamuun ajjeefamaniiru, kanneen ammas diinaaf osoo hin jilbiifanne falmaa hadhawaa gaggeessuun harka duwwaa diina afoo dhaabbataa jiran Wayyanneen Labsii duguuggii sanyummaa irratti labsite kana yoo kan irraa hin kaafne ta’e dhumaatiin isaanii waan hin oolleedha.
Qabsoon ummanni keennaa osoo hidhatee mul’ii fi sammuu hin qabne gaggeessaa jiru Qabsoo mirga abbaa biyyummati, qabsoo eenyumaati, qabsoo daangaa ofii falmachuuti.
Ummanni keenya ollaa godinoota kanaa irra jirtanii fi fageenyarrattis argamtan Lolli diinaan ummata keenya irratti banamee Lola eenyummaa Oromoo Oromummaa balleessuu, Lola sabummaa ummata Oromoo buqqisuu fi Lola Biyyummaa dachee Oromoo Oromiyaa saamuun kadhattuu fi rakkattuu nu godhuuti. Kanaaf biyya keenya falmachuuf yeroon waliin itti duunuu fi gamtaan dhumnu amma!
Gargaarsi maallaqaa ummata keenya baqachiifameef taasisaa jirtan kan nama onnachiisuu fi hamilee namatti godhuudha, haa ta’u malee addatti falmaan mirga abbaa biyyummaa wareegama bifa hedduu baasuu kan gaafatu ta’us hundaan olitti ammoo wareegama lubbuu baasuu fedha.
“Foontuu fooniif dhiiga” Ilmaan Oromoo keessaa fi alaan jirtan yeroon itti gamtaadhaan kaanee wal ijaaruun Irree tokkoo fi afaan tokkoon diina keenya afoo dhaqbbannu amma!
Diina keenya diina boortaan ummata Oromoo buqqisaa jiru buqqisnee of irraa deebisuuf fallii fi malli jiru Sibiila kaasuu duwwaadha.
Ummanni Oromookan beekuu qabuu fi dagachuu hin qabne Lolli ammaa maqaa Sumaalee jedhu dahannoo godhqchuun Liyyuu Haylii Poolisii Sumaalee nurratti bobbaasuun jara fakkaatanii waliin nu fixaa jiran Lola saba Sumaalee fi Oromoo giddutti taasifamaa jiru osoo hin taane Lola Mootummaa Wayyaanee fi Ummata Oromoo giddutti gaggeeffamaa jiruudha.
Amma! Qabsoon Umanni Oromoo biyya keessaa gaggeessaa jiru Qabsoo harka duwwaan rasaasa Wayyaanee afoo dhabbachuuti. Kana ta’uu hubachuun furmaanni jiru tokichii fi inni maayii mootummaan afaan Qawweetiin dhufe afaan Qawweetiin kufuu isaa beeknee Waraana keenya WBO Qawwee hidhachiisuun dubbii fardii fi yeroon gaafattuudha!
Oromoo amma yeroon geesse carraan qabnu tokkichi maaltu na gahee fi achi hin jirruun wal irraa dheessuu osoo hin taane , waan qabnuun walitti dheessuun Waraana keenye hidhachiifnee diina inikkaa kana of irraa kaasutuu of nu taasisa!
Yeroon keessa jirru kan itti of taanu ! kan itti wal taanu!
Yeroon kan Guurii Gurraa itti guuratan!
Yeroon kan Cim’aa Ijaa haqatan!
Yeroon kan itti Garatti Heexoo dhuganii of qulqullessan!
Yeroon kan waan qabaniin walittiy fiigatan!
Yeroon kan dine didaan gamtaan diina dura itti dhabbatan !
Ni dhumaarra, baayi’nna keenatuu baayi’ina Titiisaa ta’aara, Gamtaa keenuatuu Gamtaa Akaayyii Bishaanitti nam’itee ta’aara, Oromoo salphataarra, tuffatamaarra, eenyummaa keenya dhabaarra!
Kanaaf Yeroon itti salphinnaa fi Tuffii kana irraa itti wal baafnu amma ta’uu qaba!
Diina of irraa Buqqisuuf Haleeluu malee hiluun hin feesisu! Kanaafi kan “Bishaan Kokkee Gahe Du’aan Gahe” jedheefis.
Dinni laalattu malee hin laallattu!
Diinni Haleelamtu malee hin qaanfattu!
Tokkummaan alaa fi keessaan kaanee hidhannee wal hidhachiifnee diina haa haleelluun dhaamsa kooti!
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment