Ibsa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO/ULFO) irraa kanname

Ibsa: Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO/ULFO) irraa kanname: Imaammataa fi weerara Shanyi Duguggaa Addi Bilisummaa Ummata Tigree(ABUT/TPLF) fi kittillayyoonni isaani Ummata Oromo Bahaa fi Kibba qubatu irratti bane ilaalchisee.
Birraa 10, 2017
Addi Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT/TPLF) impaayera xoophiyaa irreen walitti qabattee bara dheeraaf if jala bulchuuf akka karoorfattee aangoo siyaasaa biyyattii qabatuun beekkamaa dha. Akeeka wayyaanee kana hanqisee waaqatti kan galchuu danda’u, baayyina ummataa, qabeenya lafaa fi gootummaas dabalatee ummata Oromiyaa akka tahe wayyaaneen sirritti beeka. Shiftoonni(TPLF) kun eega aangoo siyaasaa dhunfatee jalqabee imaammata saba Oromo guddaa xiqqa deebisuu fi biyya Oromo balloo fi badhaatu sablammootaa ciree kannuu eega itti fufe bubbulee jira. Imaammata shiraa fi dabaan guutame kana ummanni Oromiyaa ittisaa fi wareegama barbaachisu baasee, baasaa falmachaa jira. Wayyaanoonni kittillayyoota isaa (Liyu Police) haga fedhe garaa isaani guutee leenjisuus biyya Oromootiin qabsiisaan ifiif boolla qotataa akka jiru asumaan hubachiifna. Boolla TPLF fi Liyu Police itti awwaalaman baanna!

Wayyaaneen weerara qindaawa abjuun guutame ummata Oromiyaa irratti geggeessaa jira. Abjuun isaani kun akka hujitti hin hiikamne yookaan hin dhugoomne kan guchuu dandayu ummata Oromiyaa akka tahe qaceelanii waan beekaaniif guuza Liyu Police afeerrattee Oromo waraanu eegalte. Bara 26 guutu imaammata Oromo itti balleessitu tarkaanfachiisa turte. Abjuun isaani abjuu qofa tahee hafa. Gootowwaan ummanni Oromiyaa saba biicu Tigree fi killilii shanii yeroof bulchaa jiru kana akka dhihotti feeddaguuf jiraatu mamii hin qabnu.
Duulli Wayyaaneen ummata Oromiyaa irratti gaggeessaa jiru bifa adda-addaa qaba. Amma danda’an humna waraanaa bobbaasuun sabboontoota Oromoon horatte tumuu, ajjeesuu yookiin mana hidhaatti ugguranii daraaruun, kan qabeenya horate deegsuun, kan hafe lafarraa kaasanii alaa mana dhablee taasisuu fi daangaa Oromiyaa dhiphisuu dha.
Daangaa Oromiyaa dhiphisaa, Oromiyaa xiqqeessaa, ummata Oromiyaa humnaan dhabsiisuu; Iddoo itti daddhaban, toftaa Wayyaaneen dhimma itti ba’aa jirtu, ummata ollaa wajjin walitti buusuu dha. Toftaa kana yeroo dheeraaf Wayyaaneen akka dhimma itti bahaa jirtu hunda keenyaaf ifaadha.
Lolli Wayyaaneen ummata keenyarratti gaggeessaa jirtu, ammuma qabsoon keenya cimu jabaachaa deema. Yeroo ammaa kana ummanni keenya tokkummaan harka wal-qabatee murannoon Wayyaanee ofirraa darbee bilisummaa gonfachuuf kutaatee ka’eera. Keesumaa sochiin barattoota Oromiyaa Wayyaanee hedduu naasisee, yaachiseera.
Yaaddoo fi sodaa irraa kan madde, Wayyaaneen humna dabalataa ifatti ummata keenya irratti bobbaasaa jirti. Yeroo ammaa kana, maqaa Liyu Police ummata keenya Harargee, Baalee, Booranaa, Gujii, fi Walloo irratti duula shanyi duguuggaa fi lafa isaa irraa buqqaasu gaggeessaa jirti. Duula kana ofirraa dhoofnee irra-aanuuf, akka sabaatti gamtaan, hatattamaan bobbaanee dura dhaabbachuun dirqama lammummaati.
Toftaa Wayyaaneen ummata keenya ummata ollaa wajjin walitti buusu kana, uummanni keenya haleellaa irratti gaggeeffamaa jiru ofirraa qolachaa, amma danda’ame, gocha Wayyaanee fi humna ummata ollaa Wayyaaneen bobbaafatte adda baafachuu yaaluun barbaachisaa dha. Hubannoon arra goone galmee seena keessa bulfannee boruuf saba keenya gargaara.
Falmiin ummanni Oromiyaa Kaabaa-Kibba, Bahaa-Lixa tokko ta’anii gaggeesaa jiran hedduu dinqisiifanna! Falmiin kun, sadarkaa ol-aanaatti tarkaanfachuun, ijaaramuu fi hooggansa waloo uummachuun akka itti fufee milkiin galma gawu, hujii fi murannoo dhaloota qubee ti fi haqa ummata Oromiyaa tahu mirkaneessa. Qabsoon ummata keenyaa akka injifannoon xummuramu, waamicha itti aanu dabarsina:
Dhaloota Qubee:
Qabsoon Oromiyaa bilisoomsuuf geggeeyfamaa jiru dhaloota irraa dhalootatti darbaa osoo jiruu isinirra gayeera. Yeroon kun ennaa jireenyi Oromiyaa fi itti fufinsi lammii Oromiyaa gaaffii jala galee jiru. Dirqamni Oromoo fi Oromiyaa jiraachisuu isin harka jira. Kanaafuu, falmaa abbaa biyyummaa fi hujii keessan boonsaa saba keenya gulantaa haarawaan gahe kana irra deddeebinee dinqisiifachaa, ummata keenya sirnaan ijaaruu fi gamtaan bobbaasuun, qabsoon keenya injifannoon akka xumuramuuf, isin wajjin dhaabbachuu keenya asumaanuu mirkaneessina.
Ummata Oromiyaatiif:
Dhimmi Oromo fi Oromiyaa – haqaa fi dhugaa oromoo barbaaduun, bilisummaa Oromo gonfachiisu, dura-bu’insaa fi ol-aantummaan haa-gaggeessan malee, dirqama dhaloota qubee duwwaa otoo hin-tahin dantaa oromoo waliigalaa ti. Kanaafuu, fakkeenya dhaloota qubee fudhachuudhaan, ummanni Oromo, alaa-mana, bahaa-lixa, kaabaa-kibba tokko taanee diina lafarraa nu dhabamsiisuuf saganteeffatee bobba’e kana ofirraa fonqolchinee bilisummaa keenya gonfachuuf akka qaama tokkootti bobba’uun boru otoo hin ta’in, hardha jenna.
Daba wayyaaneen daangaa Oromiyaa shasharafee Oromoo lafarraa dhabamsiisuuf raawwachaa jiru haalan balaaleffanna!
Ummanni Oromiyaa Wayyaanee fi saroota isii(Liyu Police) gamtaan dura dhaabbatee ifirraa dhoorkuun dirqama lammii Oromiyaa isa hangafaa ti!
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO)

No comments:

Post a Comment