WBO Zooni Kibaa

Fulbaana 01, 2017

“….iddoon jirru bullee horraadha magaalaa magaalaa tana hanga ta’e isin barsiisuf yaadus yoo dhaqxanii argitan wayya jedheen hanguman kutaa duratirratti isinitti himeen bira dabra.
Imalli keeyna gara magaalaa mooyaaleeti ganama yoo baatan malee konkolaataa moyaalee deemu hin argattan.sababasaa qulqulleeffadhee beekuu baadhus sa’aa tokko yoo ta’e konkolaataa sirrichaan moyaalee deemu argachuun mamii guddaadha. Garuu kukkuttanii deemu ni dandeessu bullee horaarraa Yaa’a balloo yaa’a balloorraa Meeggaa meeggarraammoo Mooyaalee ni argarttu.

Egaa anis akkanattan isiniin imalaati beeeeenaaaa:-bullee horraarraa [bulee horaa]gara moyaalee akkuma qajeeltaniin magaalattii of duubatti gataa gara fuulduraa yoo deemtan Hospitaala bulee horaa fi kolleejjii barsiistitaa bule horaa darbitanii keellaa ykn gumruka wayyaanetitti dhuftu. Gumurukni kunis akkuma gumuruka Abboostoo san konkolaatotaa imaltoota kallattii moyaalee irraa dhufan cimseet sakatta’a.garuu warreen mallaqa qabaniif (kontribaadustootaf)Karaan banaadha.darbee darbee konkolaatota qabanii hidhuun jiraatus hangas mara koontiriobaandii ni dhoorkan jechuun hin danda’amu.garuu warri qarshii xixiqqoodhan qoonqoo ofii fi maatii ofii danda’uuf oliif gadi fiigan yoo keellaa kanatti meeshaan isaan bitanii dhufan saamamu arguun barameera.waggaa lama dura ummanni naannawa sanaa itti bahee gubus keellattiin torbee tokko booda deebiteerti.
Keellattii bira darbitaanii yoo adeemtan bosona hurruma bitaa mirgatti ilaalaat imaltu adeemsa muraasa booda magaalaa finc’aa (Fincawaa)geessu magaalattiin magaalaa aanaa taatus baay’ee xinnoodha.fincawaatti irraa buutanii itittuu dhuguu yoo feetan itittuu akka daabboo murtanii afaan kaawwattantu jira.

Asuumaanis iyyaafannoo manaa baataniif yoo qorachuu feetan daa’imaa hanga guddaatti deebii quubsaa isiniif kennu ABON jiraatef juraachuu baatee gaafa fincil diddaa gabrummaa maaltu akka ta’e ragaa fi gaachana ta’uu WBO miira aantummaa qabuun isinitti himu.yoo lakkii hundeen gaha jettanis magaalota akka Bakkee, Dubulluq, Mi’oo darbuun imala keessan itti fuftu.
Amma magaalaa yaa’a balloo (Yaabeelloo)gahuuf jenna magaalan yaabbelloo daandii asfaaltii guddicha moyaalee finfinnee geessurraa yoo asii gadi deemtan gara harka mirgaatti hafti.
Magaalaan tun tilmaaman gara km 7-9 daandii kanarraa gara keessaa seenti. Iddoon ittiin gara magaalaa yaabelloo gortan keellaa jedhamuun beekkamti. Iddoon kun duraan keellaa waayyaanee ture adaduma namni daldalaaf achitti galaa deemu lafti duwwaan magaalaa ta’aa dhuftee amma ganda magaalaa xiqqoo wayii taaterti. Keellaan achi tures achitti oddoo jireeyna polisoota federaalaa fi biiroo qofa achii qaba.iddoon sakata’iinsaa gara km 3 gara meeggaatti fagaatee argama.
Yaabbelloon magaalaa umrii dheertuu qabdu taatus daran hin guddanne. Magaalatitti turistoonni aadaa Booranaa fi taa’umsa lafa naannawa kanaa daawwachuu dhufan hooteluma isaan madaalu dhabuun akka rakkachaa turan hiriyyaan koo guide (daawwachisaa)+(afaan hiikaa) dalagu tokko nataphachiiseera.amma gara iyyaafannootti ceena asitti WBOn jiraa jettanii gaafachuunuu arrabba. Maalif yoo jettan namuu miseensa WBOti irra caalli jiraatotaatis loltuudha. Yoo fedhan bosona beekan seenaniit dina ha’u(dhahu) kanaafuu WBOdhan WBOn jiraa jechuun kee deebii hin eegne fi dallansuun siqunnamuu mala.garuu gaaffii kee mee jaarri keeyna akkam jiru galaa argatuu faa jettee yoo gafatte irra siif wayya. Asirratti jiraatonni naannoo kanaa hedduminaan sababa dhaaba kanaa hiraar guddoo arganiiru kanaaf isaan goyyumsuf yaalunis gatii nama kafakchiifti. Yoo ati waayee dhaaba kana itti kaaftu ija lamaan silaalu diinummaa fi firummaa diinummaadhan kan silaalaniif 1ffaan,ergamtuu wayyaanee taatee akka ati hidhata ABO waliin qabaatee qabaachuu baateesaa addaan baafte himtu waan itti fakkaatuf of tiksuuf siqorata.qoruumsa kana darbuuf ulaagaalee isaan siif kaahan an asirratti hin dheeru.sababni koos akkuma ati firummaan na faana imaltu diinnis konkolaataa iyyaafannoo tana keessaa hin dhabamuufani.
Ija diinummatin silaalun inni 2ffaan,dhaaba ofii tiksuufu!! Dhaabni kun akkuma ilmaan arrabsio live as baatee kan DAWUD IBSAATI jettuu miti kan ummataati kan tikfatus ummata,kan har’aan gahes ummata,hundeen isaas fiixen isaas ummata!!
Kanammoo yoo ummata kana argite barta.
Imala keeyna kana keessatti WBOn jiraachuu qofa otuu hin taane loltoota WBOtin yoo wal argitu afaan ittiin hin jiru jette hin kabalin ammas waan afaan siqabachiisutu jiraati haammasiti konkolaataa imalaa keetti deebi’i ni yaanaa nu yaas.
Karuma ittiin yaabellootti gorreen deebinee daandii guddaa qabanna.daandii kanarra kallattii mooyaalee qabannee yoo imallu keella 3ffaa wayyaanetitti dhufna. Keelan kun km 165 keessatti oromiyaadhaf lammaffadha naannoo biroo keellan akkanatti walitti dhihaatu hin jiru. Ani argee beeku yoo keellaa Daandii Harar Dakar, Hammarressaa fi dangaggoo dur san hin ta’in.egaan keellan kun akkuma keellaa lamaan darbaniiti. amma imala keeynan magaalaa Meeggaa qarree gubbaadhan gadi laalaa senaa jirra magaalan meeggaa fagoodhaa hin mul’attu. Sulula wayii keessa jirti yoo kallattii amma jirruun seennu qarree wayii geeynet argina seensarra jechuudha yoo kallattii moyaaletiin dhufnus marfata wayi darbineet magaalumati of argina.magaalan tunis kan aanati garuu guddina hurufaa mul’atu hin qabdu.magaalaa tanatti iyyafannoo WBO jiraatota hin gaafatinaa yoo dhuguma WBOn hin jiru jettanii dhadachaa baataniin onnee qabaattan buufata poolisii aanichaa dhaqaati waan WBon isaan godhe gaafadhaa.asirratti maqaa namootaa dhahuu fi iddoo addaa akkan isinitti hin himne iccitii diinaaf laatuu waan ta’eef irraa of qusadheera!!
Yeroo dhihoo keessa ajajaan poolisii dheeruu diinni laaten WBOrratti dhukaasa bane riphee loltoonni WBOtis duula kana eeynu akka irratti bane baruuf daqiiqaa itti hin fudhanne,haaluma kanaan nu dhiisaa nuti isinirraa dhimma qabnuu diinni keeyna wayyaanedhaa ergaa fakkaattu yoo poolisoonni oromiyaa adda isaanitti dhukaasan WBOsamiitti ol dhukaasan.Poolissoonni ergama diinaa fudhatan garuu of baruu hin dandeeyne,dhukaasa jabeessan obbolaa ofii dhiiga lolaasuf qawwee diinni itti hidheen WBO qawwee sabni itti hidhetti garaa jabaatanii dhukaasa jabeessan.utubaan hanga dhiiban qaba hanga dhiisan qabaati loltoonni WBO yoosuma murtee akkana jedhurra gahan,”isaan obbolaa keeyna isaan wallaalan nuti hin wallallu qanaafu lubbuun akka hin baane hidhataa gadi (mudhii)gadi haa dhoofnu”jechuun murteessan haaluma kanaan obboloota isaani ergama dinaa baatanii isaan fixuuf geengoo keessa galfatan mudhii gadi rukutuun marsaa isaanii harkaa cabsanii bahan. Wal jijjiirraa dhukaasaa kana keessa poolissoonni 5ni ol rukutamuun lolichi injifannoo WBo tin goolabame. poolisoota kanneen keessaa namni lama rifer jedhamanii hanga Hawaasaa deemanii kan yaalaman yoo ta’u kuuwwanis hospitaalota dhihoo jiranitti ergamanii yaalamanii lubbuu bahaniiru.warri WBON zoonii kibbaa hin jiru jettan….
Egaan poolisoota meeggatti diinaa seetee obbolaawwan isheetti dhukaasa bantee miidhamte amma maalirra akka jirtuu fi dhuguma ta’uu gaafachaa na eegaa deeggartoonni WBO dhugaan immoo marsaa 3ffaa fi xumuraatin wal agarra!”
By Habtamu Tesfaye Gemechu!!

No comments:

Post a Comment