Humnoota Hin Beekamnetu Bobba’ee Uummatatti Dhukaasan: Waajjira Naeenyaa Aanaa Daallee Waabaraa

Onkoloolessa 26, 2017 | VOA Afaan Oromoo


Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee keessatti kaleessa galgala humnoonni hin beekamne dhukaasa bananiin namoonni ja’aa hanga torbaa madaa’uu isaanii jiraattonni nuuf ibsaniiru.

Jiraataan magaalaa Qaaqee akka jedhanitti dargaggoota ykn foolln magaalattii waajjira bulchiinsa nageenyaa, bulchiinsa aanaa fi poolisii Oromiyaa waliin ta’uun nagaanya magaalaa akka eegsisan walii galan. Akkuma kanaan nageenya eegisisuuf bakka isaan bobba’anii jiranitti halkan edaa dhukaasi irratti baname jedhan.

Foolleen magaalaa Qaaqee keessaa ijaarmanii sakatta’a tokko tokkos haa ta’u nageenya magaalattii humnoota nagaa eegisisan waliin ta’uun akka eegsisan Abbaa gadaa fi bulchiinsa naannoo waliin walii galamuu isaa fi kunis haala gaariin deemaa akka ture itti gaafatamaa waajjira nageenya aanaa Daallee waabaraa obbo Nagaasaa Yaadataa naaf ibsaniiru.

No comments:

Post a Comment