Galaanni Deemu, Galaana Ciisu Kaasa!

Sadaasa 19, 2017 | Qixxeessaa Lammii Irraa

FDG GARA FXG TAAKKE Oromoo wal dhuunfachiisuu bira dabree OPDO ilma TPLF darbee of dura buusuudhaan dhaaba sab boonaa isii fakkeessee jira. Haasofni afaan hoogganoota dhaaba kanaa keessaa bahu gurra Oromootti mi’aawaa dhufaa jira. Dhaaba of danda’ee dhaabbate kan dhiibbaa TPLF irraa bilisa ta’e fakkaachuun isaa Oromoota waan onnachiise fakkaata. Alaa keessaan OPDOn faarsaa malee hin abaarinaa jechuun kittillayoota isaa dabalatee fayyaleyyiin Oromoos heddutu irraa hirmaachaa jira. Duula gala malee baha hin faarsan. Dhaaba kana kan maqaa gaarii kana yeroof itti godhe mataa dhaabichaa kan ta’e obboo Lammaa Magarsaa akka ta’etti fudhatamee dirre bahatti haasawamee jirama.

Dhugaa jiru adda baafachuu dadhabuu irraa haalli kun madde malee jijjirama dhaabni kun itti yaadee fidee miti. Gaaffii abbaa biyyummaa bara dheeraaf kaasee kan harkaa qabu dhaaba kam akka ta’e ummata Oromoo mitii TPLF tolchitee beekti. Dhaaba waggaa 40 maqaa ummata isaaf jecha alatti dhiibamee wareegama qaalii kafalaa ture diina gochuuf dhaabni waggaa gara 30 ummata kana gabrummaa jalatti gaadi’ee diinaaf elmaa ture har’a sabboonaa tarkaanfataadha jedhanii waamuun akka haffallitti waan ilaalamuu miti. ABOn ummata Oromoof jecha miidhamaa bahe malee ummata Oromoo miidhee hin beeku. Dhaabni TPLF dhalche garuu ummata Oromoo miidhuu malee takku miidhameefii hin beeku. Har’as ummata Oromoo miidhaa jalaa baasuuf osoo hin taane aangoo isaa hiddaan gadi dhaabachuuf dhaaba ceehu dhaaba haqaati jedhanii jala fiiguun umrii gabrummaa of irratti waarsuu akka ta’e wallaaluudha.

Carraa tokkoomuu ummata keenyaa kan bane inni guddaan FXG QBO Oromiyaa guutuu keessatti taasifamee fi lola shanyi duguuggaa harka Abdillee keessaan TPLF ummata Oromoo irratti bal’inaan raawwatte akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Dhaaba ilma TPLF kanaaf mirga bilisa haasawaa kan baneef isa kana. Nuti dhala Oromoo lafa irraa duguuguuf mirga qabnaa isinis nu balaaleffachuuf mirg haasawaa argadhaa jedhamaniiti kan isaan waltajiilee gara garaatti akka sabboontota addaatti kan haasawaniif. Ummata bal’aa duratti nu abaaraa hojiidhaan ammoo nu jala jirtu jechuudhaan humna bobbaafamee amanuun jala ceehuun fayyaalummaan goomoo gabrummaa jalatti of ittisuu akka ta’e hubatamuu qaba.

Diinni Oromoo beekkamaan fira Oromoo beekkamaa ta’ee hennaa dubbatamu nama rifachiisa. Firri Oromoo beekkamaan diina Oromoo beekkamaa ta’ee hennaa dubbatamu nama gaddisiisa. Akkuma kale ABOn farra nagayaati jedhanii hennaa dubbatan dhuguma gurri Oromoo itti gammadaa? Diinni Oromoo dhaaba kanaa fi kiraa sassaabdota hennaa jedhan hin saalfatan. Diinni guddaan TPLF fi OPDO jechuun maaliif saalfatame? Caasaan mootummaa Oromiyaa jala jiru cufti hortee ABOti malee hortee OPDO fi TPLF akka hin ta’in akkamitti hin beekkamne?

OPDOn biyyaa fi alaas harka walitti maratanii sagalee tokkoon dhaaba tokkicha ummata Oromootti yommuu duulan onneen Oromoo hammam akka dallantu waan beekan ykn hubatan hin fakkaatu. Dhaabni kun bade, hin jiru, hin jiraatus jechaa hin baanee? Wanti du’e deebi’ee jiraate jedhanii yeroo dubbatan madaala isaanii akka gadi buusaa jiran hin beekanii? Dhaaba galaana warraaqsaan dhiibamee lafaa kaafame dhaaba ganamaa fakkeessanii duukaa gugatuun dhugaa bakka jirtu dagachuu ykn wallaaluu natti fakkaata. Hogganni warraaqsa kanaa hooggana ABO akka ta’e haaluun dhugaa dhoksuuf yaaluudha. Dhugaan dharaan akka hin moohamne beekuu dhabuudha. QBO ABOn dhiibamtee sadarkaa kana geette har’a dhaaba alagaan ijaareen booj’iamuu hin qabu. Dhaaba gaaddisa Itophaa jalatti ummata Oromoo ficcisiisaa jiru irraa walabummaa fi bilisummaa eeggachuun of gowwoomsuudha. Galaana warraaqsaa ABO, QBO fi ummata Oromoo walii galaatiin dhiibamuun OPDO dhiibamtee kaate dhaaba tarkaanfataa godhanii fudhachuun qaanyiidha.

Adeemtuu karaa deemtu abbaa manaa gochuu irraa adda miti. OPDOn humna bilisa baasaa ta’uuf dura mataa isiif bilisoomuu qabdi. Bilisummaa isiif kan qabsaawu ammoo ABOdha. Jiraachuun dhaaba kanaa jiraachuu isiif wabiidha. Gaafa dhaabni kun jiraate kabajaan jiraatti. Dhabamuun ABOn dhabamuu OPDOf murteessaadha. Adurree abdii Leenca bosonaaf boontu ta’uu OPDOn tolchitee beekti. TPLF sababaan dhaabbota uummata hunda caalaatti dhaaba kanaaf mirga haasawaa hamma tokko gadi dhiiseef sababaan guddaan kanuma.

Gabaabatti dhugaa lafa irra jiru dhoksuuf OPDOn alaa fi keessaas haaluu dhiisanii dhara haaraya qabatanii fiiguun seenaa xuraawaa duraan qaban irra deebisanii haarahoomsuu akka ta’e beekuu qabu. Warraaqsa abbaa fi ilma qabutti abbaa ta’uuf hamoommachuu dhiisanii seenaa isaanii tolfachuuf of sirreessuu qabu. Warraaqsa ABO, QBO fi ummata Oromoo walii galaan dhiibamee as gahe keessatti milkaahuuf sochii kana karaa irraa jallisuu irra karaa irratti eeguun ykn ittisuun barbaachisaadha. Abbaan qabsoo ummata bal’aa Oromoo walii galaa ta’uu hubachuudhaan gali isaa akka gahu irratti gumaacha kennuudha. Galaana kana jallifnee maagada Itophiyaa misoomsutti deebifna jechuun yaaluun galaana kanaan haxaawamuun baduutti akka isa geessu hoogganni OPDO hubachuu qaba. Furmaati jiru walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo qofa akka ta’e beekee maxxanfatee qaama warraaqsa kanaa of taasisuun gamnummaadha!

Ilaalchi kiyya ilaalcha ummata kiyya walii galaa akka ta’e abdiin qaba.

Qixxeesaa Lammii.

No comments:

Post a Comment