Waligalan Alaa Galan

Gurraandhalaa 18, 2018 | Mahabuub Abbaa Waaji irraa

Yaroon Oromoon “waligalan alaa galan” jatee makmaaktee Oromooni biyyaa fi qa’ee isaaniraa fagaatani deemani tahu baachu mala. Haalli amma Oromoonni diaspora kessa jiran yoo laalamee makmaaksi kun kan yaroo amma itti jiruf makmaaksamee tahu hin olu mana jachisiisa.
Waggootaa fi rakkinoota dhibbaa ol kessa dabree Oromoon biftu bilisummaa halaalaa arkaa jira. Yaroo murtessitu taatee kanatti walif obsu fi waligalun akka biftun halaalaa mullattu tun walakkaa Oromia gayudhaan roga Oromia maraa ibsutu taasisa.

Obsa walif qabaachun yaroon isaa amma. Jaarmayooni siyaasaa fi namottan adda addaa yaadaa fi tarsimoon rakkina gabrumaan Oromoo ittin furamu dandaya ja’aani lafa kaayyatan garaa garumaa qabaachun isaa kan bekkamu. Haatahu malee Oromooni hundinu gabrumaa jalaa akka bahu qabnu iraati wali galan (shared interest). Kanaraati hundaa’un walin hojjachuf dhimi gabroomfataan erga nuraa ka’een boda hojjatamu qaburatti walif obsun guddaa barbaachisa dha. Oromiyaan osoo hin gabroomneen durattis ni turtee erga bilisoomteen bodattis waan jiraatuf jacha dura dinni akka nutti hin deebinetti firaa kufisun barbaachisaa taha. Erga dhinni nuraa ka’een booda akkamitti Oromoo fi Oromiyaan fuldura jiraachu qaban gaafi ja’uf sammu bilisa tahee fi tasgabaaween wal marihachun tarsimoo irra caalaa waan taheef ammaaf dhimaa saniratti walif obsun barbaachisa dha.
Walif obsun gara waligaluti nama ceesisa. Diaspora kana kessatii yaroo heddu wanti Oromoon irratti wal dhabnu yoo gadi fageenyaan laalamee dhimma hundee dhaan garaagarumaa qabu osoo hin tahin – yaroo gabrummaa walin madaalamu – waantoota wali obsu dhaan irra anamu dandayamu tahani mullatan. Umama tahee dhalotni hundumaa rakkinoota yaroo isaani qaban waan taheef Oromoonni nu dura darbaanis rakkinoota yaroo saani qabaachaa turun isaani waan tilmaamamu. Yaroo Oromoon wagaa 400 ol Sirna Gadaa dhaan if bulchaa turan fi yaroo dina kenyaa walin Oromoon wallo wagaa dheeraa dhaaf loolun mohaa turan rakkinoota osoo hin qabaatin miti kan jiraatan. Rakkinoota isaani ciciqoo akka ittin furataniratti waligalu dhaan malee. Waligaltee isaanitini sirna addunyaaratti fakki tahee fi kan haaqaa ummachu dandayan. Silaa obsaa fi waligalteen yaroo san hin jiraanee tahee Sirni Gadaa dhaabatufis tahee yaroo dheeraa dhaaf ittin bulun hin dandayamu turee. Kana waan taheef Oromoon diaspora kessa jirru waligalu dhaan human walif tahun yaroon isaa gessee. Waligalan Alaa Galan!
Walif obsu dhaan yoo gabrummaaraa bahuratti walin hojjachuf waligalamee caraa fi rakkinoota yaroon tun fiddee bareechani hubachu fi tarkaanfi yaroo walin deemu fudhachun barbaachisaa taha. Ammaantana yaroon kan Oromoon bilisummaa dhaaf dinaa walin wal qabdee guyyaa raa guyyaa dhaan gara mohichaa deemaa jirtu waan taheef qabsoon itti fufun waan barbaachisaa dha. Gara kaanin moo fakkesaa fi sodaachisa dinaatin sobamani qabsoo irraa dhaabachun akka dinni tarsimoo fi humna harayaan gadi bahu taasisa.  Kana waan taheef yoo Oromoon diaspora dura waligalu dhaan humna tokko tahee of qopheesse dina kuffisufis tahee dhimma san boodhaafilee shoora gudaa tabachu dandayaa.
Waligalteen biyya walaba taatee kessatti tahun murni cufaatu ni mooha. Dhibbaa takkan maletti yoo Oromoon diaspora walin hojjatani mootumaa kana kuffisu ratti waligalan fadhi isaanitin waan waligaltee taasisanif qaamotni hundumaa yaroo motumaan Wayyaanee kuftee walin injifatan. Kana qofa osso hin tahin Oromoon akka umataatti moohee jachu dha. Erga motumaan kufteen booda Oromiyaatti galani waligaltee taasisun yoo dandayameelle harka tokkon rakkinoota TPLF waggoota 27f xaxxaa turtee furudhaaf yaali gochaa harka tokkon masaanu biyya tenyaa fudhachu barbaadani walin morki taasisu waan qabnuf tarsimoon san kan bu’aa isaarra midhaan isaa hedumaatu tahee mulata. Kanaafu yaroon yaroo adda addaan akkamalee ittin arifatani tarkaanif Oromoo gaaga’u fi akka malee if booda harkisachun tarkaanif caaraa arkamtee tana nama dabsisu fudhatan osoo hin tahin waligalu dhaan bakka takkaa sosohun barbaachisaa taha. Tarkaanifin waligaludhaan fudhatamuleen kan waan hundumaa (cost/benefit) xinxalee tahu qaba.

No comments:

Post a Comment