Ibsa Ariifachiisaa Haala Yeroofi Itti Fufinsa Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Ilaalchisuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname!!

Bitootessa 03, 2018 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee Sochii Warraasa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG karaa nagaa, kabajamuu Bilisummaa, Walabummaa, mirgoota Dimookiraasiifi Mirgoota Namummaaf Qeerroon Bilisummaafi Uummatni Oromoo hundii itti fufinsaan Waggoota shanii(5)f gaggeessa jirruun injifatamee kufee waan jiruuf yeroo ammaa kanatti kufaatii irraa of dandamachiisuufi haaloo uummatarratti bahuuf addatti Yeroo 2ffaaf kallattiidhaan Waraana Uummatarratti labse. Labsii Waraanaa Uummatarratti Labsee Bitotessa 02/03/2018 maqaaf Paarlaamaa isaatti dhiyeessee raggasisuuf yaalii godheen Paarlaamaan isaa Sagalee guddaan harkatti erga kuffisee booda, akka waan deeggarsa Sagalee Paarlaamaa argatee fakkeessuun Yakka waraanaa raawwachuuf Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) raggasifadhe jedhe lallabuun har’a Bitootessa 3/03/2018 Godinaalee Oromiyaa kanneen akka Magaalaa Amboofi Gudar keessatti yakkaa duguuggaa Sanyii rawwachaa kan jiruufi Guutummaa Oromiyaa waraanaan Weeraree jira. Yakka duguuggaa Sanyii (Genocede), Saammicha, Sarbaminsa mirga dhala namaa guutummaatti rawwacha jira.

Kanaafuu Uummaatni Oromoo, Qeerroon Dargaggootni Oromoo, Daldaltootni Oromoo, Hojjettootni Mootummaa, Barattootnifi Barsiistootni, Sabaafi Sablammootni Oromoofi Oromiyaa keessa jirtan, Uummatni Itoophiyaa hundi, abbootiin amantaa, Abbootiin Qabeenyaafi dafqaan bultootni biyya keenya keessa jirtan hundii adeemsa yakka waraanaa uummata keenyaafi guutummaa biyyatti irratti labsamee jiru mormuuf Adeemsa itti aanuu kana hordofuun barbaachisaa ta’uu Qeerroon Bilisuummaa Oromoo ni hubachiisa.
  1. Sochiin Lagannaa gabaa, uggurri geejjibaafi hojii dhaabuun guutummaa biyyatti keessatti itti fufuu qaba!!

  2. Poolisootni Oromiyaa Milishoonnifi Qaamootni hidhannoo qaban waraana dhukaasee uummata fixaa jiru uummatarraa ittisuufi uummata cina dhaabbachuun dirqama haala yeroo ta’uu waamicha Oromummaa goona!!

  3. Bakkaafi haala danda’amuu hundaan waraanaa uummatarratti labsamee yakka waraanaa uummatarratti rawwachaa jiru of irraa ittisuuf Uummatni keenyaa bakka jirtan hundaa waan dandeessan hundaan of eega!!

  4. Waraanaa Yakka duguuggaa Sanyii rawwachuuf Oromiyaa keessa fiigaa jiruu danquuf akka guutummaa Oromiyaafi biyyattiitti Of eeggannoo cimaadhaan daandii Cufuun itti fufuu qaba.

  5. Hoteelotnifi Manneen Nyaataa Oromiyaafi biyyaatti keessatti argaman tajajilaa dhiyeessi kamuu Waraana wayyaaneef akka hin kanninee, kanneen tajaajila waraanaaf kennanii argaman uummata waliin jiraachuu akka hin dandeenye beekuu qabu!!

  6. Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa, Bilisummaafi Dimookiraasii itti fufinsaan gaafachaa jirruuf Labsii waraanaa uummatarratti labsuun deebii hin ta’uu, kanaafuu Qabsoo keenyaan mootummaan Abbaa irree kufee waan jiruuf atattamaan mootummaan Ce’umsaa jaarmiyaalee Siyaasaa biyyatti hunda hirmaachisuu haa hundeeffamu!! Qabsoon hanga Bilisummaatti Itti fufa!!

  7. Hoomaan Waraanaa Uummata Siivilii gaaffii mirgaa waan gaafatne qofaaf uummata keenyarratti labsamee atattamaan mooraa waraanaatti deebi’uu qaba!!

  8. Waraanni Uummata keessa baheetti dhukaasee ajjeesuu waraana uummata bakka bu’u miti, kanaafuu ilmaan Oromoofi ilmaan Saboota Cunqurfamoo hoomaa Waraana Wayyaanee keessatti argamtan uummata haqaafi mirga keenyaaf falmachaa jirru cina akka dhaabbattan waamicha dabarsina!!

  9. Mootummaan Naannoo Oromiyaa guutummaatti Waraana Komaandii Poostiidhaan dhuunfatamee mirgi uummata Oromoo guutummaatti sarbamee waan jiruuf Caasaan bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Sadarkaa hundattuu argamuu Qeerroo dargaggoota Oromoofi uummata cinaa akka hiriiruuf waamicha Oromummaa dabarsina!!

Ofeeggannoo Nageenyaafi Gaaga’ama Ulfaataa Dhufu Hir’isuuf Kenname.

  1. Waraana Uummatarratti dhukaasaa jiru fuuldura harka duwwaa dhaabbachuufi hiriiruun gaaga’ama lubbuu lammii keenyaa waan heddummeessuuf of eeggannoo guddaa gochuun barbaachisaadha.

  2. Ergamtootni diinaa sochii falmii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo gara hookkaraatti jijjiiruuf uummata haqa isaaf falmatu keessa seenanii adeemsa sochii booreessuun dhiiga uummataa dhangalaasisuu waan malaniif of eeggannoofi walcaqasuun bakka hundatti jabaachuu qaba!!

  3. Uummatni Keenya qabeenyaa isaa karaa Irraa Maqsachuu qaba, Qabeenyaa mi’oota Kanneen akka Mallaqa, Warqii, Fayyaalee gatii jabeessa ta’aniifi kkf dhoksaan kaawwachuu akka qabu dhaamsa dabarsina!!

  4. Ijoollee Daa’imman, Barattootni Sadarkaa tokkoffaa, Manguddootni, Dubartootni garaatti baatanii (ulfa) ta’aniifi namootni qaama hir’uun daandiirratti akka hin baaneefi daandii dheeraa akka hin adeemne of eeggannoo guddaa akka godhan waamicha goona!!

  5. Uummatni bakka jiruu hundaatti tokkummaadhaan akka waliif dirmatu, walcinas akka dhaabbatu dhaamsa keenya dabarsina!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Xummuraa Garbummaati!!
Hooganaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Bitootessaa 03/03/2018

No comments:

Post a Comment