Dr. Abyii fi Lammaa Magarsaa Daddaffiin Waan gochu qaban!


Sochii Waan Qabsoon

Bitootessa 29, 2018 (Qeerroo) — TPLF Gaafi Oromoo ni deebisa yaadi jeedhu yoom ilee samuu ummataa keessa hin jiru garuu gareen Lama magarasa fi Dr. Abyi Ahemd fedhinnaa fi golgaa fedhii TPLF keessaa bahuu fi aanummaa sabaa qabaachuu isaanii kan ittiin muldhisan keessaa Gaafi ummata Oromoo kana gadii kana irratti daddaffiin furmaata gochuu deemsa siyaasaa tokko jedhanii jalqabuun barbaachisaa dha.

Kanaaf ammatti waanneen gochuu qaban keessaa:-
  1. State Emergency waan hunda dura dhaabbu fi badii isaan geesisan sirreesu.
  2. Oromoon Millyoni 1 ol ta’e qe’ee irraa buqa’ee lafa galu dhabee magaalota keessaa karaa irra bulaa jira kaan ammo mooraatti galee lafti isaa Liyuu Poliisin qabame jira, Abdi Ilyee fi Waraanaa wayyane Achii basu qaba,
  3. Oromoo siyaasaan mana hiidha jiru hunda gadi dhisisu,
  4. EPRDF jijjirama bu’uura feesisa waan hundan TPLF seeran ala Angoo, Daldala fi bu’ura misomma hunda dhunfate jiru harka fudhu fi EFERTn qabeenya ummata gochu, Ango isaan waga 27 qabatan fakeenyaf Military security, finance, telecom, airlines, military industry, constriction industry kkf hunda qabachun isaan siiri miti, kun jiriramu qaba.
  5. EPRDF keessaati dhabbileen siyaasaa 4 sagalee wal qixaa qabaachu hin qaban kun siira’uu qaba,
  6. Dhaabotiin siyaasaa biyyaaf qabsaawanii fi eenyummaa Oromoof ija bananii asiin nu gahan seera shororkeessummaan yakkamuu fi paarlaamaan TPLF murteessee ture daddaffiin haqamuu qaba.
  7. Qabeenyi Oromoo samama jira, Albudan Oromiyaa hundi Tigireen qabatee jirtu,  lafti Oromoo seeran ala Tigireen hiratee jirtu kana Oromoof deebisu ,
  8. Finfinneen Oromiyaa jalati buluu qabdi federaali lafa hin qabu, Dire Dawaansi kan Oromootti,
  9. Angoo biyyaatti Oromoon akka baayina isaati qodachuu qaba, Bajata biyyaatti Tigireef birr 500, Oromoof birr 50 diigoman federaala irra ramadama ture siirachu qaba ,
  10. Dargaggooni Oromoo akka diinatti ilaalamu hin qaban Qeerroon fi Abbootin gadaa akka institution Oromooti ilaalamu qabu,
  11. Ogantoon EPRDF Malamaltumman guutaman fi OPDO moofa ergamtoota TPLF saba midha turan ummata irra kassun hojii atatama ta’u qaba,
  12. OPDOn baabsummaa TPLF dhiisee dhaabota Oromoo ummata Oromoof qabsaawan hunda waliin walii galee hojjechuu fi hireen murteeffannaa akka hojii irra ooluuf warra qabsaawan hunda akka isaan biyya keessatti qabsaawan taasisuu.
  13. Dhaabbilee Mormitoota Oromoo biyya keessa fi biyya alaa hunda waliin marii geggesudhan jijjirama biyyati keessaatti akka hirmatan gochu.
  14. Afaan Oromoo Afaan Hojii biyyoollesa atataman gochu,
  15. Waraanaa seeran ala Oromiyaa keessa qubate jiru hunda Magaalaa hunda keessaa basuu,
  16. Waraanaa biyyaati olaantummaa gosa tokkoo ykn TPLF jalaa baasuu fi proportional gochuu,
  17. Qabeenya Malamaltuman samame fi Kontrobandistootan qabame dhabsisu,
  18. Federation dhugaa hojii irra olchu, Federaali dhimma naannoole keessa akka hin gale gochu fi galiin nannoo Mootumma akka nannoof  olu gochu,
  19. Arara fi nageenya biyyati busuuf  marii, bakka bu’otaa siyaasaa fi lammii biyyati abbooti Gadaa fi dargaggoota hirmachise geggesu,
  20. Yakka Siyaasaa fi waraanaa warra rawwatan seeratti dhiyeesu,
  21. Lafa Oromoo fi Magaloota Oromoo Tigiroon human Oromiyaa irra kutan deebisu, Hundane, Dasse, Diredawa, Wanbara, Waloo fi Rayyaa Oromiyaatti deebisuf siiriti irratti hojeechu;
  22. Embasy Ethiopia Lammii Tigiray qoofan qabame jijjirama bu’uura gochun hunda qulqullesani proportional gochu dha.

No comments:

Post a Comment