Itoophiyaa Keessatti Ummatoota Jidduutti Walitti Bu’iinsa Dhalchuun Gocha Shororkeessummaa Mootummaa ti!

Bitootessa 28, 2018

Haala Siyaasaa Itoophiyaa Keessaa kan Yeroo ammaa Irratti Ibsa Waloo Paartii Adda Bilisummaa Affaari fi Adda Bilisummaa Oromoo

Sirnii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/Adda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (TLPF/EPRDF) Itoophiyaa bitaa jiru bulchiinsa isaa umrii bittaa raawwatetti lubbuu horuudhaaf yaalii dhabarraa isa hin oolchinetti jira. Sirnichi ol’aantummaa murna isaa warraaqsa ummatootni dimokraasii fi bilisummaaf taasisaniin hundeerraa raafame deebisee gadi dhaabuuf waan isaa dandahame hundaa raawwachuutti jira.


Labsii yeroo hatattamaatin dahatuudhaan humnoonni hidhattootaa sirnichaa lammiilee fayyaaleyyii ajjeesuu, ukkaamsanii dhabamsiisuu fi hiraara suukaneessaaf afeeruu itti fufaniiru. Xiyyeeffannaa hawaasaa jeequmsa biyyattii unkuraa jiruraa deebisuu fi ummatoota mormii fi fincila walitti fufiinsaan adeemsisaa jiran irraa dhaabuu akeekkatuudhaan gartuun abbaa irree kun, ummatoota obbolaa jaarraa hedduuf nagaa, walkabajaa fi waljaalalaan waliin jiraataa bahan jidduutti summii walshakkii fi jibbaa facaasuuf hojjetaa jira.

Haaluma kanaanis gartuun TPLF/EPRDF ummata Oromoo fi Somaalii-Ogaadeen jidduutti walitti bu’iinsi dhalche lubbuu hedduu galaafatuu fi gama lameenurraayyuu miliyoonaan kan lakkaawaman qayee irraa baqachiisuun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ti. Sirnichi badii suukaneessaa akkanaa lammiileerratti raawwateera; akeeka abaaramaa kana itti fufuudhaanis guyyuu yakka namoomaa raawwataa jira. Paartiin Adda Bilisummaa Affaari fi Addi Bilisummaa Oromoo yaalii haleellaa humnoonni EPRDF of golguudhaan daangaa gama Bahaa fi Kaaba-Bahaatin naannolee Oromiyaa fi Affaar jidduutti siviilota nagaan jireenya gaggeeffatan gama lameeninuu jiranirratti raawwatuu mirkaneeffataniiru.

Gochaan TPLF/EPRDF kan jidduu kanaa hawaasa naannicha jiraatuun mirkanaahe kun, fakkaatiidhuma diraamaa sirnichi guutummaa biyyattii keessatti sabooaa fi sab-lammiilee walitti buusuuf hojjetaa turee tahuu hubachuun nama hin dhibu.

Sirni Itoophiyaa ummatootaa Itoophiyaa keessaa gargar qoqqoodee irree gamtaatin qabs isaan bilisummaa, nagaa fi dimokraasiif taasisanirraa laaffisuuf waan isaa dandahame hunda gochaa ture. Akeeka isaa farra-ummatootaa tahe kana milkeessuufis qoqqoodee bituuf tooftaa hundatti dhimmi bahaa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo fi Paartiin Adda Bilisummaa Affaar shiraa fi yaalii hammeenyaa tokkummaa ummatoota lameenii irratti qiyyaafatee gaggeeffamaa jiru gadi jabeessanii balaaleffatu; ciminaanis dura dhaabbatu. Dhaabbileen lameenuu gochaa hariiroo ummatoota lameenii laaffisu kamiyyuu dura dhaabbachuun irratti qabsaawuuf ejjennoo qaban irra deebiin ibsu.

Waan taheef, Paartiin Adda Bilisummaa Affaari fi Addi Bilisummaa Oromoo ummatootni Affaar, Oromoo fi ummatootni Itoophiyaa keessaa biroonis karoora sheexanummaa sirna TPLF/EPRDF kana dursanii akka hubatan dhaamsa dabarsu. Sirni umriin isaa dhumatee qarqara bool’aa jiru kun waan abdii kutateef, aangoorra bubbuluuf jecha yakkoota bifa hundaa raawwachuurraa of booda hin deebi’u.

Kanaaf, hawaasni addunyaa mirni TPLF/EPRDF, walitti bu’iinsota dhuma hin qabne bakkayyuutti dhalchuu mannaa ol’aantummaa fi abbaa biyyummaa ummataa mirkaneessuuf furmaata hunda hammate akka barbaadu dhiibbaa akka irratti taasisan gaafanna.

Maayiirratti, ummatni Affaar, Ummatni Oromoo fi Ummatootni Itoophiyaa keessa biroon marti dammaqiinsaan of tiksuu fi walis tiksuudhaan walitti bu’iinsa sirni TPLF/EPRDF isaan jidduutti dhalchu kamuu karaa nagaatin akka furatan dhaamsa keenya dabarsina. Kanuma waliin dhaabbileen siyaasaa hundumtuu ummatootni sochiilee fi gochaalee farrummaa murna TPLF kan hariiroo ummatootaa booressan ummata hubachiisuu irratti qooda guddaa akka taphatanii fi gamtaan qabsaawudhaan sirna nama-nyaataa kana aangoorraa qaarisuuf akka sossohan waamicha keenya dhiyeessina.

Nagaan Irra Aana!!

Paartii Adda Bilisummaa Affaar

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 28, 2018.

No comments:

Post a Comment