Fakkeessuun Eessaanuu Nama Hin Geessu!

Caamsaa 15, 2018 | Damee Boruu Irraa

Jalqabaa kaaftee sababni TPLF OPDO bu’ureefattee meeshaa Uummata Oromoo ittiin tiksituu fi tuhattu akeekattee akka tahe nama hundaa jalaa dhokataa miti. Kanaafuu OPDOn dhaaba Oromooti jennee fudhachuuf rakkina nutti taha.  Ilmaan Oromootu mirga Saba Oromoo falmachuu fi kabachiisuuf ijaarate akka hin taane uummata keenyaaf ifa jira.Diinni Uummata Oromoo ijaarsa Uummata Oromof tolu fi hojjetu ijaaree  jennee abdachuun ykn hawwachuun dogongoraa guddaa nutti taha. Diinni dhaaba ijaaree namaa kennu tasa hin jiru. Kanaafuu seenaa OPDO bara dheeraa kana keessatti diinni keenya meeshaa Uummata Oromoo olii fi gadi deebisee ittiin cagadaa jirtu akka taate haala qabatmaan raga mul’atu.

Har’a immoo sadarkaa ol aanaatti of bukkoksitee miila tokkon Uummata  Oromoo jidduu dhaabbatee qaaama ishee guutuun diina wajjin jirti. Hoogantoonni OPDO bara kanaa gara Uummata Oromoo gaafa galgalan ilaala qabsoon keenyan as geenyee jira jedhu. Jabaanne wal gargaarree haa qabsoofnu jedhanii waan qabsoo uummata keenyaa keessaa qooda guddaa qaban of fakkeessu. Karaa duuba qabeenya Oromoo samee kan saamsisu, ilmaan Oromoo kan mana midhaatti guru, kan ajjeessuu fi ajjeesisu isaan akka tahe  waan raga barbaacha deemaa miti. Gooftaan keenya Uummata Oromoo ti jechaa Uummatni Oromoo akka lafa isaa irraa dugumee buqqa’uu fi mana  hidhaa keessatti ilmaan Oromoo akka tortoran gochaa, qabeenyi Oromiyaa akka saamamu shira xaxaa gooftaa sobaan akka dhaadatan ni agrrra. Gooftaan  inni  dhugaa TPLF akka tahe wal nama hin gaafchiisu.
Dr. Abiyi  Maqalee deemee Uummata Tigrayi isin warqii dha  jedhee yoo farse dhima isaa ti. Garuu haasa isaa keessati namni Tigrayi mana hidhaa Oromiyaa keessa jiru nama shan qofa akka tahee ibsee ka’e isaanuu ulfina keessaniif jecha ni gadhiifana jedhee abdii galeef. Kana malee tajaajila bishaanii barbaadna jennaan utuu olee hin buliin Chaayinaa irraa horii miliyoona hedduu liqeefatee utuu IMF horii baayyee liqeefachuu hin qabdan jedhuu akka hojiin muli’saaf jira oddefamaa jira.
Dr. Abiyi biyootaa Sudaanii fi Keenyaa illee  deemee maaloo namoota Itopiyaa hidhaa jiran hiikaa jedhee gaafata. Ilmaan Oromoo kumaatamaan mana hidhaa isaanii keessa jiran nama tahuu isaanitu hafee? Ilmaan Oromoo miilli fi harki irraa cite, iji jaamee qaamni laamsha’ee mana hidhaa isaanii keessatti utuu dararamaa jiranii orma deemanii gaafachuun fakkeessuu irraa kan hafe maal jedhamuu danda’a? Yoo Obbo Lammaa fi Dr. Abiyi an Oromoo dha jedhanii kan afaan guutanii dubbatan tahee maaliif mana hidhaa isaanii keessatti ilmaan Oromoo  akka dhuman filatu? Anaaf ifaa dha. Hojii TPLF itti kenite duwwaa hojjechuu danda’u malee yaada mataa isaaniin waan tokko hojjechuu hin danda’an.
Gareen TPLF tokko namoonni mana hidhaa keessaa bahuu jabeessanii waan mormaa jiraniif  Obbo Lammaa fi Dr. Abiyi onnee qabaatanii ilmaan Oromoo mana hidhaa keessaa basuuf qophee hin qaban. Har’as kan TPLF  ajjeessaa jette ajjeessuu fi kan hidhaa jette hidhaa jiru. Abbaa barbaadeef badhaasa keenisiisaa jiru. Abbaa barbaadu akka muudan gochisiisaa jirti. Isaan ergamoota TPLF warra afaan TPLF tahe dubbatu malee aangoo tokko illee hin qaban.
Karaa biraa inni isaan fakkeessuuf jedhanii Uummata Oromoo qabsoo keesaniin as geenye jedhan akeeka jidduu galumaa ijaarsi EPRDF fi kaayyoo Waraaqasa Dimookraasii wajjin wal faalla jette TPLF itti gammadaa hin jirtu. Inni isaan fakkeessuuf Afaan Oromoo akka afaan federaalaa tahu barbaadana jedhanii yaada kana akka lamaffaa hin dubbanne TPLF isaan doorsisaa jirti.  Akka isaan maqaa EPRDFiin TPLF jiraachisuuf jilbeefatnii hojjechaa jiran Uummata Oromoos tahe uummatni Impaayeera Itoophiyaa keessa jiru isaa irratti barree jira. Gooftaa lamaaf buluun baayyee jabaataa dha. Yaroo itti tokko filatan fagoo hin jiru. Inni isaan dura dabarsaanii suusii Itoophiyaa qabna jedhan tooftaa biraa gara fuula duraa tilmaama  qabsoo keenya dongorsuuf qaban agrsiisa.
TPLF biyya Tigrayi bilisa baafatee jirti. Humni tokko achi keessa seenee kan harkatti qabuu danda’u hin jiru. Kan ishee of duuba keewwatee uummata Impaayera Itoophiyaa keessa jiru waliin dhooftee waan barbaadu saamuuf akeekachaa jirti. Uummatni keenya dhagatee gara isaan nuu oofuu barbaadan akka hin deemne jabaannee qabsa’uu qabana. Hojiin OPDO bara kanaa poolissotaa Oromiyaa ykn kaabinoota OPDO warra midhamuu Uummata Oromoo arguu hin feene buqqisanii warra farra Oromummaan beekan bakka buusuu dha. Uummanti Oromoos haalla kana qalbiin hubachuu duwwaa utuu hin taane warra isheen itti muuddu kana of irraa buqqisuu qaba.
Obbo Lamaa fi Dr. Abiyi utuu qabeenya Uummata Oromoo barbada’uu fi Uummata Oromoo qe’ee isaa irratti dhumaa jiruuf kan gaddan tahee Labsii Yaroo Muddamaa irraa kaasuun waan isaan rakkisu hin qabu. Warri kun umurii isaanii guutuu TPLF wajjin tahanii uummata keenya saamaa fi saamsisaa, ajjeessaa fi ajjeesisaa bakka har’a jiran gahani. Hojii baasutmaa fi tikee  keessa waan turaniif ilmaan Oromoo dabrsanii qalmaaf laachaa turan.  Har’a maalitu argame jennaan ilmaan Oromoof gaddu jennee yaadnaa? Harki isaanis dhiiga ilmaan Oromoon kan dhiqame waan tahee obbolaa keenya mana hidhaa keessatti dararaman homaa isaanitti hin fakkaatu. Kana malee jireenya isaanii guutuu warra Habshaa wajjin hojjechaa waan guddatanii Uummata Oromoo warra Habashaalaa waan tufattan fakkaatu.
Uummatni Oromoo baayyee qara. Dubbiin haa bultuu jalata. Ammala warra Habashaa isa tutuf jedhan hin qabu. Dhiifama gochuu illee aadaa isaa ti. Utuu uumata isaanii kan caalaa hin madeessiin miila isaanii tokkon isa Uummata Oromoo jiddhuu dhaabbatanii qabsoo UummataOromoo wareegama qaaliin itti bahee as gahe  borcuu irra  sasaabatan bareedaa dha. Duris diinaaf hojjechaa guddatan. Har’as ifa baaftanii bakkuma turtan yoo dhaabatan rakkoo hin qabu. Fakkeessuun garuu eesaanuu isaan geessu. Warri isaanii sirbee hunduu xuxxee isin tufaa jira. Bara isaatu bara oduu utuu hin taane bara hojii ti. Isa dubbatan kana immoo hojii agarsiisuun  hin danda’amu. Kaayyoon dhaabbataniif utuu isaan irratti hin beekamiin TPLF fi dantaa TPLF tiksuu dha. Humnaan yoo tahe malee TPLF lamaffaa biyya Impaayeera  Itoophiyaa keessatti bakka tokko iyyuu deemtee karaa siyaasaa fudhatama hin qabaatu. Garuu karaa ijaarosta abuukaatota (surrogate organizations) ishee taatanii biyyicha akkuma kana duraa bolquu barbaadi. Kun dhaabbachuu fi  itti fufuun qabsoo uummatni godhu irratti hunda’a.
Uummatni Oromoo irree tokkummaan ka’ee mirga isaa gonfachuu akka danda’u diinaa fi fira isaa agrsiisa jira. Si achi sossobaanis tahee humnan diinaaf jilbaafannee  abadan hin bullu. Kanaafu mamii tokko malee Fincila Xumura Garbummaa itti mudduu qabna. Labsii Yaroo Muddaamaa Obbo Lamaa Fi Dr. Abiyi qabsoo Uummata Oromoo takaaluuf nu irra kaa’an  qabsoo keenyaan of irraa buqqisuu qabna.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment