Akeekni Mootummaan uummata nagaa Oromootti waraana bansiisuufi banuun daguuggaa sanyii nurratti raawwataa jiru gama kamiinuu balaaleffatamaadha!

Mudde 20, 2018 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Finfinnee Oromiyaa

Duulli ajjeechaa gara jabinaa ilmaan Oromoo irratti daangaa Oromiyaa maraan raawwataa akkuma ture ammas raawwataa jira. Oromoon waggoota 27 rasaasaan ajjeefamaa akkuma qee’ee irratti itti roorrisaamaa turetti yakki ittii dabalee uummata irratti raawwatuun itti fufuun ittuu kan manaaf araddaa irraa miliyoonaan lakkaa’ee nu buqqaasutti guddatee jiraachuun nama gaddisiisa, egeree nageenya biyyattiifis yaaddoo nutti uumeera.

Yakki garajabinaan Oromoo manaaf araddaa isaa waliin gubanii nagaa dhorkatuudhaan dirqamaan qee’eerraa godaansisan hadiida bal’ataa adeemee jiru kanatti, holola siyyaasaa omishuudhaan akka walii hindirmatneetti jechoota kalaqanii ajjeechaaf haala mijeeffachuunis herrega siyyaasaa kamiinuu kan balaaleffatamudha. Gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggoota dheeraaf gaafataa jiru deebii hongaa’uudhaan ka duraan olitti uummata Oromoo tasgabbii dhorkuun jeequmsa biraaf akka kaka’umsi uumamu qaabni nagaa fi dimokiraasii jibbuun mirga dhala namaa sarbuu amaleeffate, hojiisaa idilee taasifachuu cimsinee balaaleffanna!. Uummata ija tuffiin ilaalanii gaaffii uummataa deebisuu dhabuurraan biyyattii afuura gooliif kaadhimuu irratti qoodni mootummaa barootaaf olaanaa akkuma ture ammas qoodni mootummaa yeroo nuti abdatnutti afuura jeequmsaa babal’isuuf adda duree ta’uun mufannaa olaanaa nu mufachiiseera, abdii irraa qabaataa turres hongeessuuf collagsaa jira.

Mootummaan akeeka nagaa booreessuu jabeessuudhaan waraana raayyaa ittisa biyyaa jeequmsaaf uummata keessa gadhiisanii uummata nagaa ajjeesuu cinatti humna waranaa gaanfa Afrikaa jeequun adda dureerra jiru Alshabaab dabalatanii Oromootti waraana guddaa banuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddisiisuuf onnachiisee qabsootti cimsu hinjiru. Ajjeechaa ilmaan Oromoo irra daangaa irraan gahaa jiru gochaa suukanneessaan lubbuu darbuun uummataa fi kumootaan araddaa isaa irraa buqqaa’uun uummata Oromoo dabalaa dhufee jira. Haaluma kanaan Kibba Oromiyaa Booranaa Moyyaalee keessatti Alshaabaab, Hidhattoota Somaalee, fi waraana mootummaa Raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uun uummata Oromootti waraana bananii gochaan fokkisaan gidduu kana Oromoo irratti akka raawwataa jiru Oromoo maraaf ifaa, gochaan akkanaa humnaan uummata Oromoo jilbeenfachiisuuf sochiin godhamaa jiru kun gama kamiinuu kan balaaleffatamuuf hatatamaan waraanni uummatarraa akka dhaabbatu gadjabeessinee nii gaafanna!
Gochaan ajjeechaa itti fufuun naannoo Benishaangul Gumuz keessatti Oromoo lakkoofsaan 31 ol ta’an ilmaan isaanii fi maatii waliin mudde 13,2018 ykn Kamisa darbe galaafatamanii hanga ammaatti maqaa wareegamtootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo of harkaa qabuun: 
1. Abbayyaa Waaqumaa haadha manaa isaa waliin2. Aftaamuu Waqgaarii haadha manaa isaa wajjin3. Nagarii Gabayyoo ijoollee isaa ijoollee sadii wajjin4. Ayyaanee Waaqgaarii ijoolleeshee ijoollee sadii wajjin5. Tafarraa Ayyaanaa haadha manaa isaa wajjin6. Ayyaantuu Tufaa ijoolleeshee durba lama wajjin7. Jabeessaa Kitilaa haadha manaa isaa wajjin 
fi namootni ammatti maqaa isaanii hinbeekamin walumatti Oromootni 31 ol guyyaa tokkotti Kamisa darbe Naannoo Benishaangul Gumuz Kamashii Ganda Angar Shonkor keessatti ajjeefamanii reeffi isaanii kaan bishaaniitti gatamee, kaan bineensi soorrata taasifate gocha badaa ta’uu hubatuudhaan qaama yakka daddabalee hanga obsa nu fixachiisutti raawwataa jiru ammas irra deebiin cimsinee balaaleffanna! Gochoota badoo ijaaf gurra uummataatti hintolle kanneen xiinsammuu isa lubbuun jiruu miidhan Oromoo irratti raawwachiisaa ofiis raawwatanii sodaachisuuf doorsisaan biyyattii nagaa dhowwanii goolii fokkisaa kaasuu yaalan akka ta’e hubatamullee gocha jaarraa ammaatti qaanfachiisaaf rakasha ta’e kana mootummaan dhaabsisuu fi ofiis dhaabuu akka qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’as nii gaafata!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessa wal ijaaruun qabsoo garboonfataa irratti karaa nagaa miira tasgabbii fi naamusa qabsaa’ota mirga dhala namaa horachuun taasisaa turretti hanga ajjeechaa fi buqqaatinsi uummata keenyarraa dhaabbatee daangaan Oromiyaa sararamee ilmi Oromoo fi intalli Oromoo kabajaa argattutti firiin qabsoo keenyaa hanga mul’atutti qabsoon kan itti fufee jiru ta’uu akkuma kaleessaatti irra deebiin waadaa keenya Oromoof haaressina!
Walii galatti akeekni Mootummaan uummata nagaa Oromootti waraana bansiisuu fi banuun daguuggaa sanyii nurratti raawwataa jiru gama kamiinuu balaaleffatamaadha! Biyya mootummaa qaba jedhamu keessatti mootummaan yakkamaa seeraaf laatee nagaa uummataa eegsiisuurra taa’ee nama birootti quba qabuun irraa hineegamu, isa yakke seeraaf laachaa adeemuun dirqama mootummaa ta’ee osoo jiruu uummata araddaansaa miliyoonaan lakkaa’amee mancaa’aa jiru jalaa callisuunis ta’ee itti qoosuun kan balaaleffatamu ta’uu hubachiifna!
Injifannoon uummata Oromoof

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mudde 18, 2018

Finfinnee Oromiyaa

No comments:

Post a Comment