Komaand poostiitti deebi’ameera

Mudde 20, 2018

Daangaa Beenishaangul Guumuz fi Oromiyaa giddutti rakkoo nageenyaa umaame furuuf koomaand Poostin dhaabbate hojii eegaluu isaa ibsame. Miseensi koomaand poostii obbo Saayfaddiin Haarun akka ibsanitti koomaandi poostichi Poolisii Federaalaa, Mootummaa naannolee lamaanii, Raayyaa Ittisa Biyyaa kan hammateedha jedhaniiru.
Koomaandi poostin kan dhaabbate naannoo daangaa naannolee lamaanitti qaama hidhatee socha’u too’achuun nageenya hawaasaa eegsisuufi. Koomaandi poostichi teessoo isaa Magaala Asoosaa kan godhate yoo ta’u, qaama nageenya Suudan waliin qindoomee hojjeta jedhameera.

Qaamni hidhannoon naannoo daangaa naannolee lamaanii sochaa’aa jiru mirga socha’uu uummataa daangessuun dhiibbaa geechisaa jiraachuu ibsaniiru. Humni kun qaxxaamuraan aangoo qabachuu barbaadufi kiraasassaabdota akka ta’an kan ibsan obbo Saayfaddiin, kaayyoo isaanii ijoon jijjiirama gufachiisudha jedhaniiru.
Dabalataanis qaamni kun dhaaba siyaasa fi saba kamiinuu hidhata akka hin qabaanne bira gahameera. Manni maree nageenyaa murtee dabrse hordofuun Raayyaan Ittisaa Biyyaa naannoo kana too’achuun sochii humna kanaa dadhabsiisera jedhaniiru.
Humnichi abdii kutachuun filannoo isa dhumaa kaleessa konkolaataa ummataa fe’ee deemu irratti balaa fanjii geechisuun lubbuu namaa galafachuun agarsiistu ta’uu beeksisaniiru.
Ummatni fi mootummaan qaama badii kana gara nageenyatti ni deebisa jedhamee ji’oottaniif obsaan eeggamus, gocha raawwachaa jiru akka itti hin fuufneef koomaandi poostin dhaabun barbaachise jedhan obbo Saayfadiin.
Naannoo daangaa kaamaashii fi Wallaga Lixaa kiloomeetira 25 irratti qaama nageenyaa eeyyamameefin ala meeshaa waraanaa hidhatanii socha’uun sarara diimaa ta’uu murteeffameera. Kunis hawaasni naannichaa yaaddoo malee akka socha’uuf yaadameeti jedhameera.
Naannichatti lammiilee buqqa’an gurmeessuu, araara buusuufi oomisha gahan walitti qabuun ni raawwatama.Koomaandi poostin heera mootummaa kabajuun mirga namoomaa osoo hin sarbiin hojii isaa kan raawwatu ta’uu obbo Saayfeddiin eeraniiru.
Akka gabaasni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa mul’isutti, Rakkoo daangaa Beenishaangul fi Oromiyaatti ji’oottan 3 darbaniif muudateen namootni 100 ol yoo du’an lammiilen heddu buqqa’uuniiru.

No comments:

Post a Comment