TORBAN DABARSINE KEESSA SHIRA XAXAMES ADDI BILISUMMAA OROMOO INJIFANNOON GOOLABE.

Kufaatii (Shira) mootummaan ABO irratti yaade karaatti hafe.

Dubbichi akkasi ABO’n boordii filannoo biyyoolessaa irratti galmaahuuf ulaagaa isarraa eegamu guuttachaa akka jiru miseensotni fi deeggartootni ABO akkuma quba qaban ummatni biyyittii hundi quba ni qabaatu jedheen amana.

Ulaagaa kana galmaan gahuuf ykn guutuuf Kan boordiin filannoo gaafate inni dhumaa Kora sabaa yaamaatii filannoo bilisa tahe bakka bakka buutotni boordiin filannoo biyyoolessaa argamanitti akka gaggeeffamu filannoo hoggansaa ABO boordiin filannoo gaafatee ture.

Addi Bilisummaa oromoos waan boordiin biyyoolessaa Ethiopia jedhe guutuuf seeraa fi Heera boordiin gaafatuun gama isa irraa eegamu hojjetaas ture ammas itti jira erga gaafa biyya keessa seenee eegalee jechuudha.


Akkuma boordiin filannoo biyyoolessaa jedheen ABO’n hoggantoota dhaabicha gaggeessan filuuf Kora sabaa gaggeessuuf dirqama waan taheef bakka taajjabdoonni mootummaa federaalaa fi Naannoo oromiyaa argamanitti waxabajjii 28/2019 irraa eegalee guyyoota sadiif jechuun hanga waxabajjii 30/2019 Kora sabaa gaggeeffachuuf murteesse.


Yeroo kana murteessuus Mootummaan eegumsa akka godhuu fi akka taajjaobdoota ergee irratti hordofu godhuun xalayaa barreessuun eeyyamaa akka kennanii beekamtiin akka gaggeeffatuuf fi qaamni mootummaa irratti argamees akka hordofu gaafatee bulchinsa magaalaa Finfinnee fi qaamota dhimmi ilaallatu hundaaf akka deeggarsa godhaniif waamichaa godhee ture.


Kana irratti bulchinsi magaalaa Finfinnee fi qaamotni biroos akka ABO’n Kora sabaa gaggeeffatuuf gargaarsa isaan irraa eegamu akka godhan ibsaniif ture.


ABO’n illee kana irra dhaabbatee namoota Kora sabaa irratti argamuu qaban jedhu biyya keessaa fi alaa waamuun akka irratti hirmaataniif affeeree ture.


Mootummaan biyya bulchus tahe bulchinsi magaalaa Finfinnee Kora sabaa ABO akka milkiin xumuramuuf deeggarsa isaan irraa eegamu akka godhanii fi Kora sabaa gaggeessamu kana irratti mootummaan federaalaa fi Naannoo (ODP)akka taajjabdoota ergee hirmaachisu beekamee ture.

Waxabajjii 28/2019 waaree booda sa’aa 3:00pm irraa eegalee hanga waxabajjii 30/2019 tti miidiyaaleen biyya keessaa akka qophii kana jala bu’anii hordofanii akka ummata Oromoo biyya keessa jjiraatu irra taree Addunyaaf akka balballoomsan affeeramanii turan.


Kuni kanaan osoo jiruu waxabajjii 27/2019 waaree booda Naannoo sa’aa 3:00pm tti mootummaan ABO’n Kora gaggeeffachuuf jedhu akka hin gaggeeffanne qaama mootummaa irraa bilbilaan Hoggansa ABO waajjira Gullallee jirutti himame.


As irratti wanti hubatamuu qabu ABO’n Kora sabaa Kan gaggeeffatuuf jedhu Jimaata waaree booda irraa eegalee namoota achi irratti argamuu qabu jedhuuf miidiyaalee dabalatee himeera. Akka korri kun gaggeeffamuu hin qabu jedhe mootummaan immoo kamisa waaree boodadha.


Addi Bilisummaa oromoo Kora kana gaggeeffachuuf waamicha namootaaf godhe malee galma guddaa kireessuun ( fkn:galma korri kun itti gaggeeffamuu akka dabarsamee hin kireeffamneef Qr 8000 kaffalameera) baasii Kora kanaaf barbaachisu jedhu erga baasee boodadha.


Egaa kun hundi erga tahee korri akka gaggeeffamuu jedhames haqame jedhamee namootatti himame.

Sababni Kora sabaa kana gaggeessuuf rakkoo jedhee mootummaan dhiyyeesse immoo rakkoo nageenyaa Amma nu mudatee jiruuf of irraa dabarree isiniif nagaa keesssan tiksuu hin dandeenyu waan taheef ammatti hin dandahamu jedhe.


Addi Bilisummaa oromoos waan mootummaan jedhe kana hojii irra oolchuuf jecha waan jedhan haala isaan dhiyyeessan fudhachuun ummatni dhiyyeenya irraa dhufu akka hin dhufne warri fagoo irraa dhufes dubbii kana hubatee nagaan akka bakka dhufetti deebi’u itti himaa turan rakkoo mootummaan dhiyyeesse waliin.'


Dubbiin garuu kanaan hin xumuramne waxabajjii 28/2019 sa’aa 3:00am ganama qaama mootummaa dhimmi kun ilaalu irraa dhaamsi bilbilaan waajjira Gullallee jirutti bilbilamee Kora sabaa har’a gaggeeffachuu qabdu dirqama yoo har’a darbe fudhatama hin qabu nuyis bakka bu’aa Boordii filannoo biyyoolessaa biyya kanaa Kan tahe nama tokko isiniif ergina Kan jedhu dhaamsi ariifachiisaan waajjira ABO Gullallee jirutti himame.


Hubadhaa dubbii kana waxabajjii 27/2019 tasuma akka gaggeeffamuu hin dandeenye himuun ummatni dhufes tahe kanin dhufne akka hafe ABO hirmaattota isaa beeksise.


Maaltu dhalatee bullaan waxabajjii 28/2019 akka gaggeeffamu godhame?


Dubbiin gala qabdi Kora sabaa kana akka gaggeeffatuuf Kan godhameef icciitiin isaa kunooti.

Kora sabaa kana irratti namni argamuu qabu akka boordiin filannoo biyyoolessaa jedhutti ykn ulaagaan inni gaafatutti yoo tahe hirmaattota 250 fi isaa ol tahuu qaba. Yoo kana hin guutni gaggeeffachuu hin dandahamu ni kufa jechuudha.


Kanaaf ABO’n namoota 600 ol akka irratti hirmaataniif affeere hafeera galaa jedheera waan taheef namoota 250 argachuu hin dandahu waan taheef har’uma akka gaggeeffatuuf dirqama dabarsina jechuun itti yaadamee herreega hojjetamedha. Yoo ABO’n gaggeeffachuu dides kuffiisanii darbuuf tahe jedhamee tapha taphatamuuf ka’edha.


ABO’n illee yaada kana dursees waan hubateef kaayyoo isaanii kuffiisuuf jecha sa’aa dhimmi kun itti beeksisamee eegalee ummataaf (hirmaattota)fagoo irraa dhufanii Finfinnee bulanii galuuf qophaayanii fi miseensota isaa Finfinnee keessa jiraatan waliin gaggeeffachuuf murteesse.


Mootummaan illee bakka bu’aa Boordii filannoo biyyoolessaa Kan tahe obbo Geetaachoo Rabbirraa Baqqaanaa erguun dhimma kana akka raawwachiisu godhe.


Addi Bilisummaa oromoo waan mootummaan biyya bulchuu dalagu dursee ni hubata haxxummaa akkasii isan caalan kora sabaa isaas waajjira Gullallee jirutti akka gaggeessuuf eega itti himamee miseensotni fi hirmaattotni sagantaa rooba keessa taa’uun Sagantaa kana hanga galgala sa’aa 5:00pm(11:00 local) hirmaachuun Kora sabaa gaggeeffachuun ulaagaa mootummaan barbaadu hunda guutuun Boordii filannoo biyyoolessaaf bakka bakka bu’aan Boordii filannoo biyyoolessaa obbo Geetaachoo Rabbirraa Baqqaanaa jirutti gaggeessuun Hoggantoota dhaaba kana gaggeessuu dandahan jedhu Miseensota shanee Gumii saddet HD fi Itti aanaa HD dabalatee akkasumas Miseensota Gumii sabaa 40 filachuun walumaa gala namoota 48 filuun ulaagaa guutamuu qabu Kan xumuraa guutee Obbo Geetaachoo Rabbirraa Baqqaanaa fudhatee deemeera.


Hubachiisa: namootni 48 filaman kun lammummaa biyya alaa kanin qabne qofadha.


Hirmaattotni Sagantaa yknnkora sabaa kana irratti argaman namoota 305 turan.


Mootummaan 305 miti 250 hin argatu jedhee ityi yaadeeti Kan inni erga lafti barfatee dhimma kana jala sararuun Kan inni har’uma xumurachuu qabdu jechuun beeksise.


Warri daandii haqaa irra deeman hangamuu shirri xaxamu injifachuu malee injifatamuun barrekan jedhamee ol namootni argamuun milkiin xumurameera.


Korri sabaa kun guyyoota sadiif karoorfamus akka mootummaan biyya bulchuu malee akka ABO’n karoorfate tahuu baatus injifannoon goolabameera.


Amma immoo maal jedhu laata ABO’n waan isa irraa eegamu Boordii filannoo biyyoolessaa irratti galmaahuuf ulaagaa hunda guutee galchee jira.


Guyyaa tokko miti sa’aa tokko osoo jedhames Addi Bilisummaa oromoo waan godhu ni beeka, sababni isaas dhiigaa fi lafee wareegamtootaa galmaan gahuuf dhaaba hojjetudha.


Irbuu baatee Irbuun nyaatu.


Injifannoon ummata Oromoof!!!

No comments:

Post a Comment