FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

Malkaa Caffee irraa: Onkoloolessa 25/ 2012


Falmadhu mirga kee, ka’ii wal dammaqsii,
      Iyyii iyya labsii, yaamicha dabarsii.
Namaa gadi taanee biyya teenya irrattii,
      Cunqursaa mudannee abbaa irraa ilmatti.
Irreedhaan nu hin caallee warri diina keenyaa,
      Lukkeetu meeshaa taheef jallaan nama keenyaa.
Akkanaan salphannee yartuun nutti taphattee, 
      Deega nutti haqattee, keessa nu qabatte.
Iyyii iyya labsii, waamicha dabarsii,
      Dargaggoo fi shamarran ka’ii wal dammaqsii,
Dhiichisii, geerarii, diddaa roorroo labsi.
      Asitti haa dhaabsifnuu sirna abbootii irree,
Akka lamuu hin kaanetti hidda isaanii cirree.
      Gootummaa dhaalchisnaa, lubbuun du’a hin ooltuu,
Akka dhalli borii seenaa keenyaan boontu.
      Barsiisi obbolaa kee warra diinaaf loluu,
Ragaa seenaa itti himi booddeen isaanii hin toluu.
      Uu’uuu ………. jedhii iyyi, iyya bilisummaa,
Mormii kee finiinsii mancaasi gabrummaa.
      Murteeffadhu hiree kee, bu’uursi hegeree kee,
Atis seenaa hojjedhuu barsiisi eenyummaa kee,
      Akka si kabaju addunyaan si beekee !!!

No comments:

Post a Comment