Alii Urjii Baha Calaqqisa Birraa


Girmaa Taaddasaa Onkoloolessa 27/ 2012

‘Qal’loo muddii sonsaa lemman ija kullee’
Shamarran biyya kee kakaasee hamilee
Ergaa biraas qaba dargaggootaafillee
Kan ofii gatanii laga akka hin ceene
Magaallee darbanii diimtuutti akka hin deemne 
Marqaan otoo jiruu goommana akka hin nyaanne

Ija arfan qalloo kuula Dirreedawaa
Badhaadhina sabaa warqee Oromi’aa
Simbira kan boonsu sagalee midhaawaa 
Saba dhaggeeffattee aadaa kee qorattee 
Goorsa yoo barbaaddes hayyoota iyyaafattee 
‘Eenyutu nucaale’ gaaffii guddaa kaaftee 
‘Maaf walnyaanna’ jettee fakkeenyaan nutti himtee
Sagalee bareedaan sagalee nuuf taatee
Guurrat’ bade malee taa’ee kan dhaga’u
Hin raatahe malee namni sammuu qabu
Ati yoom dhiifte ree weellisaan barsiisuu
Baldhinni yaada kee galaana ni guuta
Ergaan walaloo kee akka Awaash dheerata 
Dukkanatti hin hifa Birraa calaqisaa 
Firootaaf hin ho’a diinatti hin dhaamota
Egaa qalbeeffannee atis nuuf jiraadhu
Akeeka keen bullaa badhaadhi guddadhu
Alii urjii baha dhihattis  muldhadhu
Kibbattis lalisi kaabattis dubbadhu  
Bilisa labsite hawwii kee argadhu

Girmaa Taaddasaa
Onkoloolessa 2012
You can also vist for more 

No comments:

Post a Comment