Ibsa Ejjennoo Dargaggoota Sidaamaa fi Dargagoota Oromoo Biyyoolessaa( Qeerroo)

 Onkoloolessa 26 bara 2012 (Qeerroo)

Saboonni cunqurfamoo biyya Itiyoophiyaa keessa gabrummaan barootaaf jiraataa turan waanjoo sirna alagaa jalaa bahuuf jecha qabsoo wal irraa hin cinne deemsisaa har’aan gahanii jiru. Ummati Oromoo fi Sidaamaas ta’e lammiileen cunqurfamaa gariin wareega lubbuu fi qabeenya guddaa aarsaa gochuun diddaa sirna abbaa irree fi gabroomfataa irratti deemsisaa jiru. Haala kanaan nuti dargaggoonni Oromoo fi Sidaamaa yeroo adda addaa walitti dhufuun dhimmoota fardii saboota keenyaa irratti marii baldhaa erga deemsisaa turree booda walgahii Onkoloolessa 24-26, 2012 itti godina Sidaamaa keessatti gaggeeffanneen Mootummaan Wayyaanee  aangoo bara 21 qabate kanaan saboota biyyattii keessaa abbaa irrummaan dhiisee hiyyummaa fi beela,saamichaa fi biyyaa ari’uu akkasumas hidhaan waan dararaa jiruuf sirni kun garboomfataa fi abbaa irree tahuu isaa hubachuun nuyi dargaggootni Sidaamaa fi Oromoo walitti dhufuun Qabsoo gootota keenya irraa dhaalle galmaan geessisnee  Bilisummaa biyya keenyaa fi uummata keenyaa mirkaneessuuf jecha ejjennoo fudhanne. Ibsi ejjennoo keenyas qabxiilee 8 kan hammate yoommuu tahu kanneen armaan gadii ta’a.


1.  Mootummaan Wayyaanee abbaa irree fi gabroomfataa tahuu irratti sirnaan haalleen dhufaa darbaan ummata irratti tatta’aa jiran erga hubannee booda  mirtoota bilisummaa fi dirmokraasii ummata keenyaa kabachiisuuf jecha jabaanee waliin akka hojjennu murteeffanne.

2. Bakka rakkoon ilmaan Oromoo mudatee fi uummata sidaamaa mudatetti wal taanee furuun akeeka keenya galmaan geessisuuf ni hojjenna.

3. Sagaleen sabawwan cunqurfamee biyyattii keessatti mootummaa abbaa irree wayyaaneen  ukkaamsame addunyaatti akka dhaga’amu tokkummaan ni hojjenna!

4. Saboota cunqurafamoo Impaayera biyyattii keessatti carraa wal fakkaataan isaan mudate waliin tahuun ni hojjenna

5. Amma mirgi cunqurfamtootaa argamutti akeeka keenya itti fufuun human gabroomfataa Wayyaaneetti xumura gochuuf diddaa wal fakkaataan caasaa  mootummaa Wayyaanee keessatti sabboontota jiran ijaaruun tumsa qabsoo jabeeffachuun fincila diddaa gabrummaa Oromiyaa fi Sidaamaa keessatti  qabsiisuun uummatni gaaffii mirgaa akka kaasu yoomuu caalaa ni hojjenna.

6. Uummatnii fi biyyi keenya bilisa hanga bahutti  jaarsa,jaartii,dargaggeessa,barataa barsiisaa,hojjetaa,qotee bulaa keenya mara barsiisuun,leenjisuun qabsoo itti fufna

7. Odeeffata diddaa uummataan jiruu fi shira mootummaa Wayyaanee yeroodhaa yerootti saaxiluun Addunyaatti akka dhaga’amu kutannaan ni hojjenna.

8. Quunnamtii bu’a qabeessummaa tolchuun Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfannee uummata Oromoo fi Sidaamaa bilisa baasuuf yoomuu kam caalaa ni hojjenna


Kan jedhan baafachuun yeroodhaa yerootti quunnamtii jabaan akka itti fufamuu fi diddaa wal fakkaataa mootummaa abbaa irree dhabamsiisee qaanqee bilisummaa fi walabummaa qabsiisu irratti hojjechuuf murtii irra ganyee jirra.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Saboonni Cunqurfamoo Mirga Hiree Murteeffannaaf Qabsoo Itti Fufu!

Koree Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa( Qeerroo)

Koree Dargaggoota Sidaamaa

Onkoloolessa 26,2012 Sidaamaa
Qeerroo

No comments:

Post a Comment