YAA DAGAMAA NAMAA /OPDO/- Walaloo

Makiyaa Abdullahitiin | Onkoloolessa 26, 2012

Yaa dagamaa namaa yaa kan if wallaalee
Firraa kaasi gooloo if bari arrallee


Biyyuma abbaa keetii Wayyaaneen fudhattee
Olii gad si ooftee sitti fayyadamtee

Akka shankooraatti alalchitee xuuxxee
Mogaatte si darbitee dhama sirraa fixxee

If dura si qabdee Oromiyaa seentee
Aango kijibaatiin si sossobaa turtee



Kijibuma sanuu arra si dhorkattee
Aangoo irraa dadiillee yoom sitti waakkatte

Kana gaa bu’aan sii alagaatti galuun
Saba ifii dhiisanii alagaa abdachuun

Aangoo fi bu’aadhaaf saba ifii lagachuun
Tumsa diinaa tahuun lammii ifii rakkisuun

If tahuu dhiisuudhaan alaga fakkaachuun
Nama xiqqeesitii gadi aantii mudachuun

Kanarraa baradhu yaa dagamaa namaa
Saba keetitti galuun yeroon isii ammaa

Dafii if dhaqqabii seenaa kankee tolchii
Qawwee harkaa qabdu itti garagalchii

Wanni eegdu hin jiru ka’i armaan achii
Arihi Wayyaanee naqi garaa dachii

Tan duraa dabartee mee if bari arra
Oromoo bal’aatu si boodarra jiraa

Ta dabarte kuttee roobaani bitannaa
Ta haftee guddoo dhaa koottu si simannaa

Yaaminsaa arraatiif beebii laachuu baattuu
Ati Oromoo mitii duraanuu fakkaattuu

Ayyaantuu News

No comments:

Post a Comment