Araarri Gurmuuleen ABO Lameen Labsan Qulqullina Kaayyoofi Tokkummaa Fida

Oromo Press: --Biyyarraafi biyya alaarraa ummanni Oromoo tokkummaa gareewwan ABO Qaama Ceehumsaafi ABO-Gumii Sabaarraa Waggaa 11 darbaniif obsa fixannaadhaan ega ture Sadaasa 21/2012 labsiin dhuggoome. Araarri akkasii argamuun isaa waggaa 11 keessatti yaaliiwwan araaraa turanitti xumura laata. Qabsoon Oromoofi addi Bilisummaa tokko qofatu jira yaada jedhu jabeessa.

Keessumaayyuu, garaagarummaa isaanii dhiphisanii Oromiyaa kolonii Habashaa jalaa baasuuf qabeenyafi umna isaanii walitti fiduuf waadaa galuun isaanii, saba biratti mallatoo tokkummaa akka bakkalcha dhahaa odaarraaa ifuuti.  Dhaaba deebisanii tokkoomisuuf waliigaluun mataa isaatiin tarkaanfii daran guuddaa mooraa qabsichaatti haamilee haaraa tolchu ta'uun shakkisiisa miti.


Tokkummaa qabatamaan dachee Oromiyaa dhuunfatanii qabsaa'uurratti tarkaanfii isa duraati. Ummanni waa'ee tokkummaa kanaa gammadee dhiisuu odoo hintaane, gammachuufi haamilee haaraa kana  hojii walirraa hincinnetti geeddaruu qaba. Ummanni yoo qooda hinfudhatin hogganni qofti furmaata fiduu dhiisuu danda'a. ABOn qabeenya ummata Oromoo akka agartuu ijaafi, darbees akka amantii mataatti mararfamu waan ta'eef, waan jaalataniif aarsaa kaffaluun dhaloonni ittaanu nurra caalaa bilisummaan, nagaafi badhaadhinaaan qoma isaa dhiibee, mataa isaa ol qabatee biyya isaaf wardiyyaa dhaabbatee akka boonee bulu taasisa.

Gareen kunneen lamaan waggoota kudha tokkoof garagarummaa yaad-siyaasaa (ideology) qabna jedhanii walhimachaa turanii jiru. Kan darbe irraa baratanii waliif dhiisuun amma waliin hojjechuurratti akkas jedhani: " kan dabre irra inni dhufu akka caalu walitti agarsisuudhan...wal hubannoo fi araaraan xumuranne."

Gareen lachanuu gargarummaa durii dhiphisuun qabxiiwwan gurguddoo armaan gadi irratti waliigalani:

  • Kaayyoon irratti hundoofnee qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessinu – bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, kan repubilika Oromiyaa jaaruun xumuramuu tahuu wal hubannoo irra    geenyee jirra. 
  •  Qabsoo bilisummaa Oromoo fiixaan baasuuf tooftaa fi tarsiimoon hordofnu kan siyaasaa, qabsoo hidhannoo fi diplomaasii fi diddaa ummataa qindeessuun gaggeesuu taha. 
  • Madda waldhabbii adda bahuutti gumaache ilaalchisee jilli bal’inaan irratti  haasa’ee rakkoo ture irratti wal hubannoo irra gahuun, badii fakkaataan akka gara fuulduraatti deebi’ee hin mul’annee fi barnnoota irraa baratamuu danda’u tarrisuudhan, haala QBO keessa jiru irratti xiyyeeffannoo guddaa keennuudhan, kan dabre irra inni dhufu akka caalu walitti agarsisuudhan, haala yaaddeessaa ummatni Oromoo keessa jiru daddaffin jijjiiruun barbaachisaa tahuu hubachuudhan badiilee dalagaman walii dhiisuun, wal hubannoo fi araaraan xumuranne. 

Qabxiiwwan sadan armaa olitti waraabbaman kaayyoon qabsoo ummata Oromoo Oromiyaa bilisoomite uumuu ykn hiree-murteeffachuu ta'uu isaa qulqullinaan kaa'amee jira. Kuni saba keenya Itoophiyaafi Itoophiyummaa jalatti duguuggamaafi shororkeessamaa jiraniif kallattii qabsichaa irra deebiin ifaan akeeka. Hojiin as deemu salphaa miti, garuu kaayyoo ifaafi tokko ummanni duukaa hiriiruratti waliigaluun ummanni waan loluuf baree akka bobba'u godha.

Araaramuufi tokko ta'uun ABO biyyoonni alarree umna waliin dubbatan tokko akka qabaatan isaan taasisa. Hiikaan isaa  guddaadha fira birattis alagaa birattis. Kana booddee wanti eeggamu waliigalteen kuni hojiitti akka hiikamu ummanni deeggarsa barbaachisu ABO dhaaf kennuun of goyyoomisuufi rafuu dhiisee qabsootti ka'uudhaan lammiilee Oromiyaa balleessaan sanyii bifa garagara irratti aggaamame baraaruu qaba.Ummannis baraaramuu alarraaa eeguu qofa osoo hintaane of gurmeessee irree isaatiin qabsoo farra-Kolonii gurraacharratti godhamurratti hirmaachuu qaba. Araarri kun kan garaa diina tokkummaa Oromoo jibbanii mara gubu, garuu  kan garaa lammiilee Oromiyaa garaa qabbaneessufi gammachiisu.
Oromo Press

No comments:

Post a Comment