Xalayaa Degarsa KY ABO Walhubanoo ABO Lamaanif Baase

Date: 11/23/2012
No.: DAL-kya 18/2012

Akkuma yaadatamu Koreen Yeroo ABO gaafa utubamu ibsa baase irratti jaarmayoon Oromoo kan kaayyoo Bilisummaa fi Walabumaa Oromiyaatti amanaan jaarmayaa ABO jalatti walitti deebi’an rakkoo fafaca’umsa dhaaba keenya mudattef furmaata kenuudhan akka mooraan qabsoo bilisummaa oromiyaa gabbatee tokkumaan qabsoo finiinsan ifa godhee ture. Yaanni kunis akka baka gahu Koreen Yeroo ABO jaarmayoota walabummaa oromiyaatti amanan wajiin yeroo adda addaa marii gegeessa ture amas mariira jira.

Arraan tana haalli biyya keenya keessatti sirna koloneefataa habashaatiin ummata keenya irratti hojatama jiru haalan suukaneessa dha. Oromoon biyyuma isaa irratti biyya dhablee tahe qabeenyaa fi namumaan isaa dhoowatamee oromuumma tahuu isaatiin akka bineenssa gaaratti ilaalame lafa isaa irraa humnaan arri’aame beelaa fi dhukubaaf saaxilame akka dhumu godhamutti jira. Akkasumas waanuma Oromoo taheef jecha osoo badii taka hin hojatiin mana isaa keessa guuramee kara irra’is qabamee mana hidhaatti guuraamun seera malee akka ajeefamu tahati jira.

Osoo gidiraan akkamalee kun ummata keenya irratti raawatamaa jiru, jaarmayaan Oromoo yaada xixinoo irratti adda qoqoodamuun, mooraa qabsoo bilisummaa Oromiyaa laafisuun alatti waan nu fayadee hin qabu. Duula bu’a Oromoof hin qabne walirratti deemsissun ummata Oromoo gaddisiisun ala bu’a takkale nu hin finne. Rakkoon bara dheeraf mooraa qabsoo keessatti deema turte diinota ummata Oromoottin tahun isaa Oromoota jala dhokkata miti. Arraan tana Oromoottin kaayoo walabummaa fi bilisummaa ummata Oromooti amanan rakkoo diinaan isaan jidutti hojatamaa ture irraa ananii tokkummaa isaanii deebisanii ijaaruun gamachuu keenya fi gamachhuu ummata Oromoo maraati jenee amanna.

Kanaaf wal-hubannoon ama ABO qama cee’umsa fi ABO Shanee Gumii jiduuti Sadassa 20 bara 2012 godhamee fedhii fi ijaana keenya waan ta’ef, Koreen Yeroo ABO tarkaanfi fudhatame gammachuu gudoodhan fudhata. Jaarmayooni hafanis fakki kana duba bu’ani tokkuma qabsaawotaa fi jaarmayoota kaayoo walabumaatti amanan akka mirkaneesan dhaamsa keenya asumaan irra deebine dabarfana.

Oromiyaan ni Bilisoomti

Ibraahim Mummee
Dura ta’a Koree Yeroo ABO

No comments:

Post a Comment