Abbaan qabeenyaa Koollejjii Odaa Bulluq Obbo Haayiluu Abbabaa Wayyaaneen Yakkamuun Ma’ikalaawwiitti Darbaman

19 Muddee 2012 | Qeerroo

(Finfinnee):---Ilmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti mootummaa Wayyaaneen yakkamuun gara mana hidhaatti guuramu. Keessumaa mootummaan Wayyaanee lamiilee Oromoo qabeenya, humna ykn beekumsa qaban irratti tarkaanfiin fudhattu hidhaa ykn ajjeechaa tahee hammaachaa jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu keessaa abbaan    
qabeenyaa Koollejjii Odaa Bulluq Obbo Haayiluu Abbabaa mootummaa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Maaiekelaawwiitti fudhatamuun reebichi addaa irratti gaggeeffamaa jiraachuun beekame.


Obbo Haayiluu Abbabaa wayita barsiisummaa irraa hanga abbaa qabeenyummaa isaatti uummataan hedduu kan jallatamuu fi hojii hojjetu irrattis kabajamaa kan ture mootummaa Wayyaanee waan rifaasisaa dhufeef mana hidhaatti ukkaamsitee jirti.

Gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Maaikelaawwiiti erga fudhatamees qorannon ati qabeenya kana eessaa fidde? Qabeenya kanaan ABO gargaaraa jirta, ABO beekta, Odaa Bulluq jettee koollejjii bantetti moggaasuun ergaa siyaasaa of keessaa qaba, kanneen jedhan gaafachuun qorannoodhaan rakkisaa reebicha addaas irraan gaggeessaa jiru. Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti abbootii qabeenyaa yakkuun mana hidhaatti guuraa turuun isaas ni yaadatama. Magaala Naqqamtee irraas abbaan qabeenyaa Dassaalee Dabalii fi Abbaan qabeenyaa Hoteela Hawwii magaala Finfinnee irraa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbatamuun isaaniis ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment