"Yeroo Mijataa kanatti dargaggoon Oromoo waan hojjechuu qaban heedutuu jira"-GDHWBO

19 Muddee 2012 | Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO) 


Yeroo Mijataa kanatti dargaggoon Oromoo waan hojjechuu qaban heedutuu jira. GDHWB:

Booba’uu dura ijaramu, siyaasaa fi toftaa barachuu qindoominan, waltumsun soochuu qabna. FDG yoom iyuu deggerama dha ittifufinsan geggefamuu qaba, garuu University tokko ykn lama keessatti egalamun baratoota Oromoo muraasa gaga'uun mana hidhaatti naqee boor immo kan dhabatuu ta'uu hin qabu, warii ginbot 7 Beka jeedhan welisa ba'aan garuu yeroo ijoole Oromoo Mizan Tep, ArbaMinchi, Jimma, Haromaya, Dilaa, Hawwasa, Finfinnee, Ambo kkf Universty keessatti FDG geggesan Hidhaaman warii Ginbot 7 caalsan baracha turan Ijoolee Oromoo Kumi heedun garuu Maikalawi fi mana hidhaa adda addatti guraman. Habashan harka diina abidan qabachu bartee Olola Raadiyoo fi Esat Tv irratti xumurame Beka kan jeedhuu university tokko keesssatti ilee hin dhageenye Raadiyoo fi TV jara irratti malee.


Kaanafuu FDG kana booda godhamuu Baratoota Uinversity hunda kan hirmachise, Baratoota fi Barsisoota sadarka 2faa hunda kan hirmachise fi deggersaa fi tumsaa uummataa gutuun kan ta'uu, gurma’iina, qindeesaa garriin, saganta wal dukka kan ta'uu qaba. Kanaaf imoo gurmeesuu, qindeesuu fi hordofuun barbaachisadha Fincilii Musilimi geggesa jiru fakeenya gudaa dha. Seera mataa isaa kan qabuu bakka hunda waan wal fakkatan kan deemuu deggersaa musilima hunda kan qabuu waan ta'eef mootumman waan tokko gochuu hin dandeenye waan hin qindeefaman bakka bakkatti geggefamuu garu bu'aa isaa irra balaa isaatuu caalaa, yoo hojjene bu'aa fiduu qabna, waa hojjenee kassaaruu hin qabnuu. Waan itti hin  fuufnee egaluu hin qabnuu, mari’anee wali dirmanee wal dukka kana malee fagoo tenye lubu nama abidaati darbuu hin qabnu, Harra yerroo mijataa kana keessan waan hojjetamuu tartiban hojeecuu qabna.

Dhaabilee Oromoo Uummataa Oromoo guutuu ijaruu qabuu malee, wara ijaruu gufuu itti ta’uuf ijarsaa nu ijaree duban nu jala diiguuu hin qaban.  Dargaggoon Oromoo ilee atataman university hunda keessa wal gurmeesuu, wal barsisuu, wal tumsuu, waligaluun hojjechuu qaba. Isaa hojjetuu dura dhabachuu, hamilee xuquu, diiguu fi irratti ololun dhiifamuu qaba. Namni hundi waan danda’ee hojjechuun diina keenya habasha of irra buqisuu qabna. Rakkon keenya Ayyaana ilalatoota Habashumman dhigga  isaan keessa ba’uu dideetuu Oromummaa fudhatan Bilisummaaf gara guutuun dhabachuu diidan Habasha jala shubsuu feedhuu. Dhalootti haran Oromoo lamafaa Habasha jala hin shubsuu. Kanaafuu dhaamsi GDHWBO gababadha innis:-

  • Daragagoon Oromoo University Ethiopia keessa jirtan atataman wal gurmessa, haalaa hojii irratti wal mari’achisa;
  • Obboloota keessan baratota mana barumsa sadarka lamafaa jiran gurmeesuu
  • Barsisoota keessan Universty jiran fi sadarka lamafaa jiran gurmeesuu;
  • Maatii keessan hunda gurmeessa garee fi gooxii hin sodatina;
  • OPDO TPLF morma jira qoofatti gurmeesun TPLF irrati kasuu;
  • Qabsoon Keenya Feedhi Angoo utuu hin tanee gaafi bilisumma deebsuuf waan ta'ee Bilisummaa Oromoof hojeechuu;
  • Diina funyan keessan jalatti wal gurmeesee Oromummaa fi Oromiyyaa baleesuuf deemuu ilee hin dagatiina.

TPLF/OPDO, Ginbot7/JijjiramaABO, Arbanyooch/EPRP, Moresh Amhara/Gala gaday hundi diina Oromootti warii kun Oromiyya keessa makifamuu qabu, Dhaabilee Oromoo jara kana waliin qunamtti qaban ilee leliftoota Habasha ykn wara Mallaqan bitamee ta’uu isaan Oromoon hundi beekuu qaba.

Oromiyyan Ni Bilisoomitii !!!

Gummi Dhaloota Haaraa Waraqisa Bilisummaa Oromoo (GDHWBO)

No comments:

Post a Comment