Qeerroon Bilisummaa Yuunivarsiitii Arbaminc Diddaa Itti Fufan . Barreessaa Fiilmii HANDAARRII Seeraan Ala Hidhames Akka Gadhiifamu Taasisan

Muddee 02,2012 | Qeerroo


Yuunivarsiitii Arbaaminc mooraa Arbaminc keessatti diddaan barattootaa dhalate. Sabboontonti barattoota Oromoo aadaa, seenaa, duudhaa fi afoola afaan Oromoo guddisuuf kutatan Fiilmiin Afaan Oromoo HANDARII jedhamu kan Zannabaa Warquun barreeffame akka mooraa keessatti ilaalamu gaafatanii fiilmiin kun mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc gahee booda Pirezedaantiin mooraa kanaa Dr. Fallaqaa W/Yas jedhamu poolisoota mooraa kanaa waamuun barreessaa fiilmii kanaa Zannabaa Warquu hiisise. Fiilmiin kunis mooraa yuunivarsiitii keessatti akka hin ilaalamnes dhorke. Barattootni Oromoo gamtaan Fiilmiin kun akkuma fiilmii afaan Amaaraa dirqama ilaalamuu qaba. Oromticha hiitanis daddaffiin hiikuu qabdu jechuun Fiilmii HANDARII dirqiin akka ilaalamuu fi barreessaan fiilmii kanaas hatattamaan akka hiikamu taasisanii jiran.


Gamtaan barattootaa kun jala deemtota mootummaa Wayyaaneetti bita kan gale galma Fiilmiin itti ilaalamutti waraana naanneessuun barattoota Oromoo doorsisuu yaalanis barattootni Oromoo walleewwan warraaqsaa Eebbisaa Addunyaa ‘’Korma Guduruu Oromoon Leencuma duruu’’, ’’Tokkummaa’’ fi kanneen biroo weellisuun diina rifaasisanii jiran.

Qeerroon yuunivarsiitii Arbaminc yeroodhaa yerootti mirga mootummaa Wayyaaneen dhiibamu dura dhaabbachuun injifannoo galmeessisaa jira.Ilmaan Oromoo martis mirga keessaniif dhaabbadhaan dhaamsa qeerroo yuunivarsiitii Arbaminc dha.
Qeerroo 
 



 

No comments:

Post a Comment