LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA !

15 Amajjii 2013 | Y.G(2005)

Ummati Oromoo Biyya keessa jiru, hiraarrii dhala Namaa irratti hin raawwatamneetu irratti raawwatamaa jiraachuu guyyuu dhaga’amaa jirra. Wayyaaneen abdii kutannaan, miidhaan Ummata kana irraan ga’a jirtu, guyyuu dabalaa deemuu hundatu taajjabaa jira. Waggoota 21 dabran kana miidhaan gama hundaan Ummata Oromoo irra ga’aa jiru, kan baroota dhibbaa dachaa, dachaan caala. Namummaan keenya, Sabummaan keenya, Qabeenyaan keenya, aadaan keenya Barbadeeffamaa jira. Dhalooti itti aanu beekumsaan, Ogummaan, Barnootaan, Namummaan hegareen isaa akka karaa hin qabanneef shirri waggaa 50tu of irraa baasuu hin dandeenyetu irratti hojjatamaa jira. Wayyaanoonni fi waa’eellan isaanii, Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana yoo xiqqaate waggaa 50f bulchuu fi yoo itti milkaa’aniif bara baraaf Ummatoota Biyyatti hacuucanii bituuf karoora lafaa qaban irraa ka’nii, sadarkaa 1ffaatti Ummata Oromoo fi qabasoo isaa irratti xiyyeeffatanii hojjachaa jiran.

Wayyaaneen, addatti gareen Obbo Barakatifaan durfamu, miidhaa ykn hiraarrii  fi shira Ummatoota irratti raawwatan akka isaan hin jiraachifne odoo beekanii, akkamiin waggaa 50 fi isaa oliif Biyyatti kana bulchina  jedhanii ofiitti amanamummaan dubbatu? gaaffiin jedhu yoo ka’e, deebiin afaan irratti nu dhufu, Qawwee abdatanitii kan jedhu xiqqaa hin ta’u. garuu deebiin kun quubsaa hin ta’u. wayyaaneen humnaan jiraachuuf bajata ol-aanaa ramadachuun ishee akkuma jirti ta’ee, irra caalaa abdii kan ta’uuf humnoota faallaa ishee jiran, haala keessa jiran hubachuu ykn akka gaaritti beeku irraatii. Wayyaaneen humna isheetti dhufu teessee kan eeggattu odoo hin taane, humna ishee sodaachisu amma teessuma isaatti itti dhaqxee, ka’umsa isaa diiguun, qawwee caalaa akka isaan jiraachisu waan beekaniif, har’a bajata waraanaaf baastu irra, maqaa gara garaan humna mormitootaa Biyya keessaa fi alaa laamsheessuuf baaftuu sadarkaa tokkoffaa ta’ee argama.

Wayyaaneen Ummatoota irraa abdii ega kutattee waggaa 10 ol lakkofsiftee jirti. Akka tarsiimootti Cichanii kan qabatanii jiran humnoota alaati. Kana jechuun Biyyoota Addunyaan harka isaanii jirtuuf tajaajiltuu taa’anii , mormitoonni hangamu dubbatan, Ummata miidhaa akka jiraattuf hayyama argachuu caalchifattee ,  hojjachaa jirti. Wayyaaneen Biyyoota siyaasa isheef murteessoo ta’an hundaa, Itoophiyaa keessaa addatti Oromiyaa keessaa dantaa Biyyummaa qofaa odoo hin taane , kan dhuunfaallee akka qabaatan taasiftee, Biyyoonni kun dhaabbilee mormitoota waliin akka hin dhaabbanne, ykn qabsoo Ummatoonni gaggeessan cinaa akka hin hiriirre taasisuuf, halkanii fi guyyaa hojjachaa jirti. Har’a kan mirga Ummatootaaf dubbatu akka dharaatti fudhatamee, kan Ummata guyyaa saafaa ajjeesaa jiru, haqa qabeessa ta’ee jiraatamaa jira.

Har’a wayyaaneen, yakka, dursitoota Biyyoota biro fannisisu caalaa Ummatoota irratti raawwataa jirti. Miidhaan har’a wayyaanoonni raawwataa jiran irra jireessi, maal na gootuu irraa madda. Wayyaaneen maatii duratti ijoollee qacalee rashantee jirti. Maatii duratti abbaa fi haadha ajjeeftee jirti. Saboota mana waliin gubdee jirti. Waraana itti duulchiftee rashantee jirti. Har’a Biyyatti keessatti, maatiin abbaa ykn haati ykn ijoolleen jalaa hin hidhamiin, biyyaa hin ari’amiin ykn hin ajjeefamiin hin jiru jechuutu danda’ama. Wayyaaneen beekaas haa ta’uu odoo hin beekiin Ummatoota sadarkaa dhumaan geesse jirti. haallii Biyya keessaa mumul’ataa jiru, wayyaanee haloo ba’uuf Ummatoonni murteeffachuudha. Ummatoonni sochii qabatamaa Qabsaa’oota isaanii taasisaa jiran cinaa hiriiranii wayyaanee konkolaachiisuu eeggachaa jiran.

Keessattu akka ragaatti kaasuu kan dandeenyu, QEERROON OROMOO sochii itti jiranudha. Kana malees Barattoonni fi dargaggoonni Oromoo sochiin itti jiran wayyaaneef mataa dhukkubbii ta’uu isaanu ragaa ba’aa jiran. Wayyaaneen har’allee barattotaa fi ummata isaan cinaa hiriiran hidhuu fi ajjeesu hin dhaabne. Ajjeechaa fi hidhaan kun ammo, abbaa irrummaa isaanii qofaa kan mul’isu odoo hin taane,“Ummati waa illee nu irraan hin ga’u, akka fedha keenyaa ajjeesaa jiraannaa,  eenyutu ijaa nu ba’a” jedhanii humna jabaan akka ummata kanaan duuba hin jirretti ilaalu irraa akka ta’ee ragaa hedduu tarrisuun ni danda’ama. Mee kan fagoo dhiifnee, waan barattoota yunivarsitii Finfinnee dhiheenyuma kana irratti raawwatame haa ilaallu. Barattoonni kun waan lafaa ka’nii sirnicha sa’a sanatti morman hin qaban. “MORMUUN MIRGA ISAANII TA’UUN” akka jirutti ta’ee jechuudha. Maqaa eenyummaa keenya xuquun kan shirri irratti hojjatamee fi arrabsaman ilmaan Oromooti. Kan heddumminaan hidhames ilmaan Oromooti. Maddi hammeenya kanaa abbaa irrummaa qofaa miti. maal fiddudha. Ummata kanaaf kabajaa dhabuu fi tuffachuu irraa madda.

Wayyaanoonni Qawwee hanga fedhe qabaatanis, qawwee isaanii caalaa kan isaan yaaddessu qabeenyaa kuufataniidha. Qawwee isaanis ta’u qabeenyaa isaanii, akkasumas hegaree isaanii yaaddoo keessa galchuu qofaatu, Namummaa keenya akka fudhatan taasisa.

Wayyaaneen sadarkaa 1ffaatti Qabsoo Oromoo irraa soda guddaa qabdi. sodaan kun har’a, akka kaleessaa Angoo Isaaniif kan isaan yaaddeessu qofaa odoo hin taane, Qabeenyaa Oromiyaa keessatti kuufataniifis yaadda’a jiru. Wayyaanee miti abbaan fedhe hegaree isaaf yaaduun waan jiraati. Waan hegaree isaaf isa yaaddeessu yoo hin jiraatiin, hammeenya hojjachaa jiru inuma itti fufa malee, irraa hin dhaabbatu. Waan wayyaaneen keessa jirtuu kanadha. “Maal fiddu” wayyaaneef sababaan qawwee of harkaa qabaachuu qofaa odoo hin taane, humna faallaa  isheetii ishee yaaddessu dhibuudha. Kun dhibuun ammoo, wayyaaneen Ummatoota irratti tarkaanfii barbaadde fudhachuun mirga ishee akka ta’etti guyyuu midiyaatti baatee saalfii tokkoo malee akka lallabdu hamilee kenneef. Nama 192 daqiiqaa gabaabduu keessatti ajjeesanii, tarkaanfiin fudhatame madaalawaadhaa akka jedhan taasise. Ilmaan Oromoo kuma 60 ol hidhaatti naqanii, ykn dhala Oromoo ajjeesanii waraabeessa nyaachisanii, tarkaanfiin kun madaalawaadha isaan jechisisa. Barataan eenyummaan isaa salphifamef dubbachuu irra, salphina kee fudhachuutu sirra jiraa jedhanii hidhaatti gatuuf hamilee kenneef.

LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSAA !!!!!

Kaleessa haa xiqqaatu iyyuu , Qooqaa fi aadaa argattee maal barbaadda? kan siin jechaa ture, har’a jiraachuun kee iyyuu sirrii mitii jedhee, siin si buqqisee kan galaana ce’ee ykn Biyya isaa ganee ba’e yoo sirra qubsiise, ilaalchi diinaa kun, Angoof ykn saamicha irratti kan hundaa’eedha jennee dhiisuu dandeenyaa? Diinni guutummaatti, qabsoo keenya irratti xiyyeeffatee hojjata. Achi asi akka diinaatti nu keewwatee sochii keenya tokkon tokkoo isaa hordafee fashalsuuf hojjataa jira. Akka itti jirru irraas, maal fiddu? jedhee dararaa Ummata keenyaa hammeessaa jira. Diina akkasitti nu irratti hojjatuuf dawaan isaa maalii? diina akkasii maalin dura dhaabbatan? deebii kanaa kan wallaalu jira jedhee gonkumaa hin yaadu. deebii kanaa kan wallaale, maal fiddu wayyaaneef sabaabaan maal akka ta’e huabchuu hin danda’u. mee kana waliin madaalaa?

Wayyaaneen diinummaa qorannoo irratti hundaa’ee, waggaa dheeraaf nu gabroomsuuf nu irratti hojjachaa jirti. waggaa 21f ummata keenya irraan miidhaa dubbatanii hin fixiin raawwattee jirti. Ilmaan OROMOO kuma 60 ol manneen hidhaa dhoksaa fi ifaa keessatti hiitee jirti. Qotatee bultoota qabeenyaa isaanii irraa buqqiftee, dachee isaanii gatii rakkasaan gurguru qofaa odoo hin taane, Abbaa biyyaa deebiftee humna isaa gatii rakasaan dhamaasa jirti.

Gama biroon, hiraarriin Ummata keenya irra ga’u guutee danbali’ee, Ummati wayyaanee waliin wal huunee duuna jechaa wayita jiru kanatti, Barattoonni Oromoo  kaampaasii tokko keessaa 100 ol hidhaatti guuramanii hiraarfamaa jiranitti, sagantaa siyaasaa fi seera bulmaataa akka haaraatti baafanne jechuun wayyaaneen maal fidduu” jettuf sababaa hin ta’uu? Ummati biyya keessaa akkatti nu eegaa jiru waliin wal gitaa? isayyuu seerri bulmaataas ta’ee, sagantaan siyaasaa ba’u , qabsoo Ummatichaa amna waggaa 40 deeme bishaanitti naqun socha’uun madaa keenya fayyisaa ? dhaabni kamuu yeroo hundaa’uu, waan akeekkatu qaba. akeeki ykn sagantaan isaa kun, Ummata qabsaa’uuf irratti hundaa’ee ba’a malee, dhaaba ofiifu keessa turan xureessanii, ykn dadhabiina humna tokko jedhanii yaadanii jiran irratti waan hundaa’u natti hin fakkaatu.

Wayyaaneen  ABOn Ashabbaariidhaa, dhiphoodhaa, Ummata bakka hin bu’uu, dandeettii hin qabanii, kkf jedhee Ummata biratti hadheessuu yaalaa. dhaabni Oromoofan dhaabbadhe jedhus, jechuma diinaa kana irra deebinee yoo ABO ittin abaaru yaalee, tuffii wayyaanee dursee kaaseef ka’umsa hin ta’uu ? WMOn sochii Itoophiyaa Dimokiraatoofte keessa Oromoo jiraachiisuuf sochii taasisu keessatti , ABO diinonfatee ka’uu hin qabu. ABO jechuun Namoota dhuufaa dhaabicha keessaa, jibbinu miti. ABOn dhaaba. ABOn yaada. Namoonni ABO ijaaran hundi har’a keessa hin jiran. Kan wareegamanis ni jiran. Dhaloota tokko irraa dhalooti biraas harkaa fuudhaa jira. Kanaaf ABOn kaayyoo Ummataa waan ta’eef, kaayyoo ummataa diinefachuun karaa hedduu nama hin deemsiisu. Namoonni ykn Hoogganoonni kaayyoo ABO gaggeessan, wareegamuus, keessaa ba’us, ganuus ni danda’an. Tokkon isaanii garuu kaayyichatu sirri mitii kan jedhu dhaga’ee hin beeku. har’a garuu WMOn qabxii mariif qopheesse keessatti keewwate jira. Ummati miliyoona afurtamaa ol ta’u ilaalchuma tokko qofaa qabaachuu qaba jennee obboleessa keenyaaf boolla qotuun furmaata nu argamsiisaa? kaayyoon ABOn qabatee jiru, Yoo deeggarsa ummata miliyoonaan lakkaa’amu qabaachuun odoo beekamuu, lakkii waggaa 40f yaalle ta’uu dide yennaa jennu, dhaloota harka qullaa diina falmaa jiru tuffachuu hin ta’u ? xiinxalli dhaaba kaleessa tarkaanfachiisuu dhorkaa turee, bara dheeraa alumatti akka hafu taasisuu keessaa qooda qabaachuu odoo ifatti beeknu, ABO dhabamsiisuutu milkiin nu ga’a jennee, diina dhala Oromoo waggaa 21 guutuu hiraarsaa fi ajjeesaa jiru waliin karaa nagaa hojjanna jechuun beekumsa qabnu waliin wal madaalaa ? adeemsi waggaa 40 dhaaba maqaa baafachuuf deemuuf bu’ura ijaramu yoo ta’e, yoo karaan nagaan hojjatamu argamee, Biyya galamee wayyaanee waliin dhaaba kaleessa hundeessan abaaruuf deemama jechuudhaa? wayyaaneen dhaabbilee Oromoo nu waliin abaaraa , isaan waliin jiraachuu dhiisuu keessaniif ragaan kana jechuun waan hin hafne. (yaada biyya seenu kan jedhu yeroon kaasu,WMOn biyya seenuuf raga qabaadhee ykn kan isaan dubbatan qabaadhee odoo hin taane, jecha “karaa Nagaa “ jettu irraa ka’ee akka ta’ee naaf hubadhaa .)

Wal ga’iin marii “hawaasa alaa waliin taasifame irra jireessi ABOn qabsoo Oromoo fiixaan baasu hin dandeenye kan jedhu irratti xiyyeeffata. Wixineen jiru kana ibsa.  maarree kun eessaan nama ga’a. Ani akka Oromoo tokkotti ” Itoophiyaa Dimokiraatofte “  keessa Oromoon jiraachuun bu’aa qaba kan jedhu irraa mormii hin qabu. Kun ilaalcha . ilaalcha Ummata keenya keessa jiru ta’uu mala. Kaayyoodha . warra ilaalcha kana deeggaraniif. Ilaalchi kun garuu meeshaa namootaaf ta’ee , waggaa 40 qabsoo harkifate komachaa, karaa nagaan Biyyas seenamu, qabsoo gabaabsu akka hin taane beeku barbaachisa. Ani akkan hubadhutti Kaayyichatu waggaa 40 of harkise odoo hin taane, ykn Ummata biratti fudhatama waan dhabeef harkifate odoo hin taane, gufuulee qabsoo keessatti umameetu isa harkise. Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo kan jedhu irraas mormii hin qabu . kun ilaalcha. Kaayyoodha. Ummata miliyoona 40tu ilaalcha kana qaba jennee yoo dhaadhessine, mirga ilaalcha biro qabaachuu dhorkuus ta’a. Lameen keessaa kan Ummata kiyyaaf ta’u keessa koo jira. Garuu warra ilaalcha koo hin deeggarre, bu’ura rakkoo ilaalcha kiyya hin taasisu. Kun of eeggannoo barbaada. Yoo akkas ta’e, wayyaaneenis ABO abaara. OPDOnis ABO abaara . Ginboot 7s. “ABO” Of jalaan qaba jechaa ABO abaara. maarree gaaddarumsi jiru maaliii ? diina irraa firaan abaaramuudhaa ? yeroo tokko tokko yennaan yaadu waan itti gaddu hedduun qaba. Nama ykn Hoggana keessaa ykn akka walii galaatti jibban qabuf jedhee, akkamiinan kaayyoo Ummataa irratti gufu ta’a ? yoo anaaf hin taane, isaanifis hin milkaa’iin jennee akkamiin kaayyoo ummataa gufachiifna? kaayyoo biraa ummata keenyaaf furmaata argamsiisu eegallee ega jedhamee, waan kaayyoo haaraa kanaan kan wal hin simne kaayyoo biraa xiinxaluun maaliif barbaachise ? kun deebi quubsaa isa barbaachisa .

Mee seenaa tokkon isiniif hima :-

Bara 1991 baatii dhuma Hagayyaa, akka gi’iizitti bara haaraa 1985 qaammee 6 wal ga’ii ABOn Ummata magaalaa Finfinnee waliin Galma yunivarsitii 4 kilootti gaggeessee ture. bara sana umuriin kiyya waggaa 23n ture. Galmi sun yoo xiqqaate Namoota 3000 ol qabatee ture. Barattoonni oromoo eebbifamanis turan. Yeroo Xilaahuun Gassasaa Afaan Oromoon Ummata isaa biratti sirbe qofaaf(SIWWIR ONAG) jedhame san. wal ga’ii kana irratti Hogganoota ABO yeroosi keessaa 2 argamanii Ummata mariisisaa turan. Gaaffii ummataafillee deebii laachaa turan. Ammaaf maqaa hin dhahu. garuu gaaffii ummata biraa gaafatame tokko fi ideebii laatame dhiheessuun garu dansaadha.

Maanguddoo Baalee dhufantu akkas jedhee gaafate . ABO kan quba qabuutu beeka. dhufu keessaniif gammachuu qabna. garuu jara kana maalitti amantanii waliin hojjachuuf dhuftan ? kaayyoo akkamiitu waliin isin dhaabe? bor kan nuuti wareegamnetti isiniin hin jedhanii? ega waliin dhuftanii ykn Oromoof ABOn jiraachuu ega beekanii, isa isaan ijaaranii dhufan kun maalii ?qophii isaan dura boruu isin dhaabu qabduu? jedhanii gaafatan. deebiin laatame, dhugaadha jara kana amma dhumaatti amannee waliin hin dhufne. Akki balballi nutti hin cufamneef qophee miillaa jala keenye jirra. Seenuun keenyas ammuma sana. Ummatuma biratti dhaabni kun jiraachuu hubachiisu dhufne . akka sodaanne odoo hin taane, kunoo galmi kunuu guute jira. Kun nuuf gammachuudha.  OPDOn nu biratti fudahtama hin qabdu . odoo diigaa jennuu ijaaran. kana dhorkuu hin dandeenyu. ummatatu filata. garuu wayyaanee hin sodaatiinaa. wayyaaneen kan ofiin dhaabbattee miti. Kan jooniyyaa/keeshaa  keessatti ishee naqee Afaan keeshaa kanaa hidheetu jira. Abbaan hidhe kun gaafa hike, bakka itti qaban hin qabdu. Tafkii keeshaa keessatti hidhamee ture, afaan isaa yoo hiikan bakka itti qaban qabaa? akkasitti ilaalaa. kaayyoo kan jedhame, sirna Fedaraalizimii irratti walii gallee. kanaan ala wanni walitti nu hidhu hin jiru.”jedhame. Hogganni yeroos deebii kana laatan amma ABO keessa hin jiran. garuu qabsoo amma wal dhimbiibaa jiru keessa jiru. waan waggaa 21 dura jedhame kun, yeroo ammaa kana irraa geeddarumsa qabaa? deebii kanaa yeroo biraaf bulfanna.

Gama biroon, humni kaleessa micciirama ofiin jedhee bakka Afuritti adda ba’ee keessaa, Itoophiyaa Amaaraan Dimokiraatofte keessa jiraachuu dandeenya jedhu, Ilmaan Oromoo WBO ajjeesuu, hiisisuun wayyaaneen irraa Birgeedar Janaraalummaa fudhates, Nama lama ta’anii qabsoo gaggeessaa jiraachu, Afaan tokkitti Itophiyaan nuttii himaa jiran. warri kun ammo Ginboot 7 laciqunochi ye qoome nawu jechaa, kaleessa ABOtti yennaa makaman kan dubbatan“ Oromon kana booda halagaaf hin ergamuu" dagatanii, warra kaleessa itti baqatan diigne malee jechaa jiran.. dhaaba nafxanyyotaa XIMIRAT jedhamu keessatti, IMMIYYEE ITOOPHIYAA KEESSATTI UMMATA WAYYABA QABAACHUU ISAANII AJAJAA WARAANAA ximirat  ta’uun mirkaneessuf arreedaa jiran. jarri kunis, Hoggana ykn miseensaa fi kaayyoo adda odoo hin baafnee, qabsoon Oromoo miidiyaa irraa malee qabatamaan hin jiru jechaa jiran. ABO keessa yennaa turan, waraana tokkollee odoo hin ijaariin waggaa muraasa keessatti badii diiggaa gaggeessanii, Ginboot 7 keessatti garuu waraana ijaaruuf yaada Afaanii hanga funyaanii arjoomaa jiru. hubadhaa waraanni kun boruu WBO dura dhaabbachuuf deema. maaliif yoo jedhame kaayyootu nu waliin hin fudhatuf. JJJJoonni kun, waraana meeqa of jalaa qabduu? Asmaraa keessa isin nama meeqaa warra Daangaan Itoophiyaa galaana diimaadha jedhan waliin dhaabbachuun keessan, warra gabatee irraa nyaate cabsan isini hin taasisuyii? yoo jedhaman maal deebisu laata ?

Kana kaasuun keenya, Siyaasa warra gawwaa keessaa haa baanu jechuufii. kana malees, miidhaa Ummata Biyya keessaa irra ga’uuf , waan nuuti keessa jirru ykn qabsoon keenya keessa jiru, diinaaf hamilee ta’aa kan jedhu irraatii. Kana caalaa waa hedduu kaasuun ni danda’ama. siyaasa Oromoo keessatti, dhaaboonni Oromoo Ilaalcha barbaadan qabaatan, kufaatii walii hawwuu hin qaban. Oromiyaa dhiifnee, Itoophiyaa Dimokiraatofteef obboleessi koo haa dhabamu jechuun nagummaa hin ibsu. Deeggarsa ummata ofiis nama dhabsiisa. Nafxanyaa kaleessa ummata keenya rashantee caalchifannee waan kaleessa itti baqannee xureessuuf yaaluun ummataaf yaadu miti. Qabsoon kun lafa irra harkifate jechaa, har’a akka haaraatti sagantaa kaleessa ture dabaluun, tarii sochii fi fedhii nu keessa jiru milkeessuu hin ta’uu haa huabannu.

Ummatatu Biyya keessaa dhumaa jira. Dhalootatu gara laafina tokko malee ajjeefamaa jira. Jibba namoota dhuunfaa irraa qabnuun kaanee, sochii jiru kan komannu yoo ta’e, boris bakka amma jirru komachuu ykn keessaa ba’uun keenya hin hafuuti, ummata dhaabbanneef jennuun maal jechaa akka jirru haa qalbeeffannu. Oromoo ta’anii dhalatanii, ABO ta’anii, achi wayyaanee ta’anii, deebi’anii ABO ta’anii, achi ammo micciirama ta’anii, deebi’anii Ginboot 7 yoo ta’an, boruu kan biro ta’uu dhiisuuf ragaa maaliitu jira? kanaaf wanni haasa’anii fi hojjatan amma hancufaatti ilaaluun boodi isaa salphina ta’a.

Gorsa yoo ta’ef :- 

Wayyaaneen OPDO tarsiimoo siyaasaaf akka ijaarte har’a dhala Oromootti hin himan. Garuu wayyaaneen OPDOn Ummata Oromoo biratti fudhatama akka argatu hin feetu turte. Maaliif yoo jedhame, OPDOn Ummatatti hiiqee ykn fudhatama argate jennaan, ABO ta’aa jettee waan amantuufii. kanaaf miseensoota OPDO ummata biratti jibbisiisuuf toftaan itti gargaaramtu miidiyaa irra ba’anii ABO akka abaaran taasisuu ture. Gama kanaan shirri Junaddii saaddoo irratti hojjatame isa hangafaatii. ABO abaarii jedhaniin. ABO abaaru irra taree, Barattoonni addi isaanii rasaasaan akka rukutamu, meeccaa fi tuulamni akka salphifamu fi cufamu taasise. Kana booda ummati siif safuu jedheen. Xiiqii keessa ega galchanii booda, ABOtu kana si irratti hojjataa jiraa, atis irratti hojjadhuu jedhanii, ABO akka diiguuf shira gorsan. Innis ABO gumaa ba’uuf maadhee ijaarrachuu miti, Biyya alaattu bobba’ee dabballummaa eegale. Deemee deemee, Awustiraaliyaatti salphate. Isa booda Biyyatti deebi’ee shira amma ittiin darbatame qophaa’eef. Mee hubadhaa egaa !!!!!! Lammiifis hin taane, diinaafis hin taane, ofiifis hin taane, maatii ofiifis hin taane, of irra dabree maatii isaa gaaga’e. sababaan kana hundaa Kaayyoo ABO dura dhaabbachuu fi Abaaruudha yaa firaa . 

Ofitti amanamummaa qabaannaan maaliif waan jennu hojiidhaan mul’ifnee ABO caalaa Ummata Oromoo biratti fudhatama hin argannu. Anaaf Gootummaan isa kana! ABO dhufachuuf qabsofna moo, diina mo’achuuf qabsoofna? moo injifannoo ummata Oromoof Qabsoofna? sammuun gadi bu’ee akkas yaadu, akkamiin hogganummaan of yaada? ABO walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoof falmuu fi ABO Itoophiyaa Dimokiraatoftef falmu jennee socha’uu dandeenyaa? ykn ABO Immiyyee Itoophiyaaf falmu jennee of salphifnaa yaa firaa?????yaadumti kun qobaa isaa, Ummata abbaa hin qabne jedhee diinni hiraarrii akka raawwatuuf hamilee hin ta’ufi ???????????????????????

Kana caalaa deemu hin fedhu. haallan kunniin, tarkaanfii wayyaanee Biyya keessaa jabaachuu fi maal fiddun ummata keenya, tarkaanfii barbaaddu irratti fudhattee akka jiraattuf hamilee ta’eef. Kanaafan LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI  IJA JAAMSA !!!!! jedhe barruu har’aa katabe. Humnoonni har’a fageessanii ilaalu dadhabanii kaayyoo sabichaa Nama dhuunfaatti hiikanii kabajaa wal dhabsiisaa jiran ykn diina caalchifataa jiran, yeroon obboleessa isaaniin naa dhaqqabiif wal barbaadan fagoo miti. Ilaalchaan adda ba’uun, Oromummaan adda ba’uu miti !!!

Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment