Oslo (Norway) – Waamicha Ilmaan Oromoo Hundaaf: ABO SHG, ABO QC fi GQM-ABO

Amajjii 5/2013 | Gadaa.com

Walhubannoo fi waltahiinsa ABO ShG, ABO QC fi Gurmuu Qabsaawotaa fi miseensoota ABO (GQM- ABO) ilaalchisee hoggantootni qabxii ibsa waloo kennuuf koreen walgahii hawaasa Oromoo qindeessitu qophii xumurattee jirti. Guyyaa ibsi kun kennamu semiinara barnootaatu kennama. Ibsi fi Barnootni kennamu:

A. Ibsa
Waltahinsa ABO SHG, ABO QC fi GQM-ABO
B. Seminara:

1. Sirna Gadaa Furmaata ykn Murata Waldiddaa (Gada System Conflict Resolution) –J. Geremewu Nigatuu
2. Dhaaba tokko keessatti Tokkummaa Akeekaa fi Barbaachisummaa Jaarmiyaa (Unity of Purpose and the Necessity of Organization in Insititutions) – J. Jireenyaa Guddataa
3. Deemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Xiinxala (The Oromo Struggle for National Liberation in Progress: A Critical Analysis) – Prof. Mekuriyaa Bulchaa
Barri kun bara oromoon walitti deebi’ee qabsoo bilisummaa isaa irratti qooda fudhatu hawwaa Hawaasi Oromoo Skandineviyaa keessa jiraatuu fi halaala jiraatu guyyaa kana walgahii irratti hirmaannaa gootan kabajaan isin afeerra.


Guyyaan walgahii fi seminaaraa
 Amajjii 26, 2013: Sa’aa 12 irra eegala
Bakk walgahii
 Iddoo: Galma Chilii
            eit Vet Veien 8
            Veit Vet Senter Oslo
             T-bana. Lak.5(Metro lak.5) Giddugaleessa magaalaa Oslo irraa gara bahaa (From Oslo center East Bound -Vestli)
               Busii lakk. 31 Giddugaleessa magaalaa Oslo irraa gara Grorud jedhu yaabbattanii Veit vet irraa buutu
 Guyyaa kana galgala artistootni Oromoo hawaasa bo’aarsuuf fedhii guddaa qaban.

* Sagantaa qophii aadaa fi bashannanaa

Artistoota jallaatamoo Oromoo:
 1. Ilfinesh Qannnoo
 2. Hailu Kitaabaa
 3. Tottoba Tadasse
 4. Hawwii H/Yesus Qananii
 5. Daangaa H/Yesus Qananii
 6. Guutuu Abarraa.
 7. Hirphaa Gaanfuree
 8. Kanneen biroos ni jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!

Oromiyaan nibilisomti!

Koree Qindeessituu

No comments:

Post a Comment