Itoophiyaa fi mirga Namoomaa: Dhaabni mirga namoomaaf falmu ‘HRLHA’ biyya keessatti hojii eegale

Fulbaana 02, 2019 | BBC Afaan Oromoo Irraa

Dhaabbannii mirga namoomaaf falmu Liigii Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa /HRLHA/ jedhamu Itoophiyaa keessatti ifatti hojii eegale.

Liigiin kun bara 1996 Finfinnee keessatti maqaa ‘Liigii Mirgoota Namoomaa’ jedhun hundeeffame.

Haa ta’u malee dhiibbaa mootummaarraa irra gahaa turen miseensootnisaa hidhaaf saaxilamaa turuu isaanii fi boodas gara biyyoota garaagaatti baqachuu isaani sagantaa hojii eegaluu labsuuf Sambata magaalaa Finfinneetti qophaa’erratti himameera.
Liigichi bara 2007 biyya Kanaadaa keessatti galmaa’ee dhimmoota mirgoota namoomaa biyya Itoophiyaa ilaalchisee hojjetaa akka ture Hundeessaa ‘HRLHA’ fi daayrektara olaanaa liigichaa kan ta’an Obbo Gaaromaa Waaqasaa.
Bara 2011 dhaaba mirga namoonaaf falmu ta’ee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti galmaa’u isaa himan.
“Yeroo hundeeffama ‘HRLHA’ bara 1996 irraa eegalee bu’aa bayii heddu keessa dabarree as geenye” jedhan Obbo Gaaromaan.
‘HRLHA’n turtiisaa biyya alaatiin mootummaan Itoophiyaa waliigalteewwan mirgoota namoomaa sadarkaa idil addunyaatti mallatteesse hojiirra oolchaa akka hin jirre hawaasa addunyaa beeksisuun dhiibbaa gochaa turre jedhan.
Akka fakkeenyaatti dararaa lammiilee ilaalchisuun mootummaan waliigaltee idil addunyaa mallatteesulle hidhamtoota dararaa ture, kanas addunyaaf saaxilaa turre jechan Obbo Gaaromaan.
‘HRLHA’n yeroo ammatti Itoophiyaa dabalatee biyyoota saddet; Sudaan, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa, Eertiraa, Jibuutii, Somaaliyaa, Keenyaa irratti xiyyeeffachuun akka hojjetu kan himan Obbo Gaaromaan hojiiwwan keessaa hanga ammaatti hojjetaman harki caalmaan garuu uummata Oromoo irratti kan ilaalatan ta’u himan.
Mana maree mirgoota namoomaa biyyoota gamtoomanii dabalatee dhaabbilee mirgoota namoomaa idil addunyaa garaagaraa waliinis hojjetaa akka turan dubbatan.

Mirgoota namoomaa fi Itoophiyaa

Sagntaa kana irraatti Mata duree ‘Itoophiyaa keessatti hojiirra oolmaa fi kabajamuu mirgoota namoomaa idil addunyaa’ jedhuun warqaan mariif ka’uumsa ta’u dhiyaateera.
Waraqaa kana kan dhiyeessan biyyoota gamtoomanitti abukaatoo mirgoota namoomaa kan ta’an Obbo Baay’isaa Waaqwayyaa “Itoophiyaa keesaatti yeroo duriirraa eegalee heerri uummata bu’ureeffate hin jiru. Heerri galma siyaasaa moototaa dhugoomsuf tajaajilaa ture” jedhan.

Qabiyyeen heera Itoophiyaa gama mirgoota namoomaan muudaa tokkollee kan hin qabne ta’uusaa himuun “Mootummaan dimokiraatawaa biraa kana booda yoo dhufellee gama mirgoota namoomaan qabiyyeen biraa kan qabaatu natti hin fakkaatu” jechuun dubbatan.
Haa ta’u malee waggoota darbanitti biyyattii keessatti dhiittaan mirgoota namoomaa hammaataa raawwatamaa turuusaa kan himan Obbo Baay’isaan dhiittaa mirgoota namoomaa waggoota 27 darbe raawwatamanifis itti gaafatamaan mootummaa Itoophiyaa ta’uu himan.
“Qaamoleen raawwachiistuu mootummaa mirgoota namoomaa heera biyyattii irratti kaayaman raawwachiisaa hin turre” jedhan.
“Dhiittaan mirgoota namoomaa biyyoota hunda keessatti ni raawwatama haa ta’u malee namootni yakka raawwatan seeratti ni dhiyaatu, Itoophiyaa keessatti garuu gama namoota kunneen seeratti dhiyeessutin hanqinatu jira” jedhan.
Gama biraatiin dhaabbileen fi namootni quuqqamtoota mirgoota namoomaa ta’an nama kamiifuu qixaan falmuu osoo qabanuu gartummaa agarsiisuun isaanii rakkoo isa biraa ta’uu dubbatan.
Dhaabbileen mirgoota namoomaa mootummootni mirgoota namoomaa akka kabajaniifi namoota yakka raawwatan seeratti akka dhiyeessaniif deeggarsa gochuufi akka qaban Obbo Baay’isaan himaniiru.
Kana malees sadarkaa addunyaatti yeroon ammaa yeroo haqni namootaa itti eeggamu osoo hin taane kan fedhiin biyyootaa itti eeggamu ta’uusaa kan himan Obbo Baay’isaan uummatni waa’ee mirgootasaa beekuu qaba jechuun himan.
“Beekuu qofas osoo hin taanee mirgoota keenya eegsisuu danda’u fi yeroo sarbamanittis iyyachuu qabna” jedhan.
Xiyyeeffannoo fuula duraa
Adoolessa 2 bara 2019 Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa waldaa miti mootummaa biyya keessaa ta’un irra deebiin biyya keessatti galmaa’usaa kan himan Itoophiyaatti daayirektarri ‘HRLHA’ Obbo Geetu Saaqqataa “namni kamiyyuu loogi tokko malee miseensa waldaa kanaa ta’uu akka danda’u himan.
Gara fuulduraattis mirgoota namoomaa ilaalchisuun hawaasaaf hubannoo uumuun hojiilee ijoo liigichaa keessaa tokko ta’u fi dhimmoota mirga namoomaan walqabatanii jiran sakkata’uu fi qorachuun gabaasunis hojii isa biraa akka ta’u himan.
Kana malees “qorannoowwan dhimma sarbamuu mirgoota namoomaan walqabatan fi furmaataaf galtee ta’an ni hojjennas” jedhan.
Yaadrimeewwan mirgoota namoomaa hojiirra akka oolanif hojjechuu fi mootummaan waligalteewwan mirgoota namoomaa mallatteesse akka kabajuuf dhiibbaa taasisuunis hojii liigichi gara fulduraatti hojjetu akka ta’e himan.
Namoota mirgi isaani sarbamef deeggarsa seeraa taasisuu, manneen hidhaa daawwachuu fi ragaalee walitti qabuunis hojii isa biraati jedhan Obbo Geetun.
Kana malees hojiilee filannoowwan taajabuu fi dhimma filannoo irratti filattoota fi taajabdootaaf hubannoo uumuus ni hojjeta.
Gama biraatin hanqinni bulchiinsa gaarii fi dimookiraasii, barmaatiin qabiinsa mirgoota namoomaa laafaa fi mirgoota namoomaa irratti hanqinni hubannoo biyyattii keessa jiru danqaawwan gara fulduraatti liigicha mudachuu danda’an ta’uun himameera.

No comments:

Post a Comment