QABSOON OROMOO “CHAAMPIYOONS LIIGII ” MITII !

4 Amajjii 2013 | Y.G(2005)

Mooraa qabsoo oromoo keessatti haala qabatamaa gaggeeffamaa jiru Namni hin hubatiin, Farda yaabbatee jiru, lafa irra haa gulufuu, lafa jedhee boolla irra haa gulufuu kan adda hin baafanneen wal fakkaata. Bara 2012 xumurree kana keessa, karaa miidiyaalee gara garaa, waan Intarneeta irratti Viidiyoon, sagaleedhaan, barreeffamaan tamsa’an hundumaa daawwatee fi dhaga’e ykn amma danda’e hordofee xiinxala mataa isaa kennuuf, isa hin rakkisu. faallaa kanaa ammo, arrabsoof ykn jibba Namoota dhunfaaf qaban irraa ka’anii, Qabsaa’ootaa fi Qabsicha Ilmaan oromoo meeqa itti wareegaman biyyeetti makan yennaa argus, jarraa kana keessa nama akkasii qabnaa? jechuun, fageenya namichi irra jiru ilaalefii gadduun hin hafu.


Ani Namoota har’allee boolla arbsoo keessaa lallabaa jiraniif waan gabaabduu tokkon hawwaaf. Keessattu Namoota muraasa Diyaaspooraa ofiin jedhanii, beekumsii sammuu isaan gara-dabarsee, har’allee geeddaramu dadhabaniif. Gootitti Qabsooftuu Asilii Oromoo wal ga’ii OSA irratti kan dubbatten dhaamaaf. “Halagaan Gaashee jettanii, walii keessan obboo /Gaashee waliin jechuu akkamiin dadhabdan ” ? kan jette. Beektoonni ykn hayyoonni galma sana keessa turan deebii maalii akka laatanii fi haasaa Asilii Oromoon akka malee cabuu dhaga’een jira.

Dubbii hamtuun nu qabdee jirtu, Qabsoon gaggeeffamu jabaachuu fi dhiisuun akka jiruttii ta’ee,,obboo / Gaashee waliin jedhanii wal dhaggeeffachuu fi wareegama umurii fi lubbuu ummata isaaniif kennaniif galata wal dhabsiisuu, kana irras dabree, ilaalchaan adda ta’uu qofaan halagaa Ummata keenyaa guyyaa saafaa fixaa jiru caalaa wal jibbuudha. Tarii qabsoo gaggeessinu keessa karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa jedhame wanni taa’u haa jiraatu haa dhiisuu hin beeku. Garuu, Ilaalchi siyaasaa amma Ummata kana keessatti utubamaa jiru, yeroo isaatti odoo eegalamee ta’ee kan har’a seenne keessa hin jirru ta’a. Yaadi isaa jiraate, sagantaa yeroo dheeraa fi gabaabaa ba’uu keessatti, Dantaa ummata keenyaa dhugeessuuf , karaa kamiin sochoonu? tarsiimoo maalii qabaannu? karaa diina dagachiifnee wayitti baanu nu barbaachisa moo nu hin barbaachisuu? jedhanii yaadu dhisutu rakkoo har’aa waliin akka falmiinu nu taasisaa jira. Kun ammo Addunyaa keessaa nu irratti qofaa kan eegalame ykn nu qofaa danqee kan jiru miti. Kan daandii qabsoo saba isaaf falmuu irra tarkaanfate maraa kan mudateedha. Kan isaan irraa baratamu yoo jiraate , rakkoo kana kan hiikkatan, wal ajjeessanii kan sirreeffatan akkuma jiran, wal dhaggeeffachuun kan hiikkatanis akka jiraniidha. Nuuti amma karaa lameen kana keessaa tokko qabachutti kan xiyyeeffanne fakkaata.

Sadarkaa akkasii irra wayita jirru kanatti, waa’ee maalii waliif barreessinu? maaliin wal sirressinu? miidiyaa irratti haala akkamiin walitti dubbannu? Ilmaan abbaa tokko ilaalchaan adda baanuus galiin keenya Ummata keenyaaf akka ta’uttii maaliin walii gallu? qabsaa’oota keenya maal akeeknu? wal ga’ii yoo nu waaman waan isaan nuun jedhan qofaa dhaggeeffannee gallamoo, amma nuuf jedhanii qabsaa’anitti yaada hegareef tolu maaf hin laannuf?  wayita yaada kenninuuf, dogoggorri fedhee iyyuu jiraatu, nu dura dammaqanii qabsoo kana utubuu isaaniif kabajaa kenninee ta’uu hin qabuuyii? qaamaa qalbii wareegama amma bu’aa qabsoon kun nu argamsiisee keessaa qooda qaban kabajanii fi isa itti aanu bareechuuf isa kaleessaa irraa baratanii, wal dura dhaabbachu irra, wal ta’ani diina dura akka dhaabbataniif jajjabeessu hin wayyu? jennee of gaafannee of sirreesinee, isaaninis qajeelachuutu adeemsa ammaa waliin wal fudhatamoo, Daandii Ilmaan Oromoo gammachiisaa jiru danquuf jibba kaleessaa kaafneema xibaaruu nu wayya?

Qabsoon Oromoo wareegama hedduutu itti kafalamaa jira. Lubbuun, Qabeenyaan, qalbiin, humni Ummata miliyoonaa itti wareegamaa jira. Qabsoon akka shaapiyoonsi liigii isa beekaniifis, isa hin beekneefis iyyaa olanii kan keessaa galan miti. Qabsoon, kan goolii galchu miliyoonaan akkuma bitan, qabsaa’oota kan maallaqaan bitan miti. Dhaabbilee siyaasaa oromoo giddutti sochiin ykn ummata hawwaachuuf sochiin taasisan akka chaamoiyoosi liigii dorgomsiisuuf bakkee mijataa irra arreedaniis mitii. Waan hundi amala mataa isaa qaba. Wal dorgommiin siyaasaa obbolaa lamaanii gidduu hangamuu jiraatu, dantaa ofii keessaa kan qaban moosisuuf obbolaan akka wal ajjeesan taasisuun oromummaa irraa kan maddu natti hin fakkaatu.

Haasaa kaleessaa fi  har’aa mee xiinxalaa !

  1. “Qabsoo oromoof gufu guddaan Qabsaa’oonni tokkummaa dhabuudhaa” jedhee namni katabaa ture ykn dubbatee hundeessitoota Qabsichaa salphisaa ture, har’a ammo , gaaffii Ummataaf deebii laachuu wayita eegalaa jiranitti, “araarri kun dhugaa hin fakkaatu. Ummata hawwaachufii ykn WMO tu isaan dammaqisee” jechuun, dhuguma Oromummaaf dhaabbachuu irraa maddaa? bara kana halagaan Qooqa keenyaan nuun olitti katabaa jiraachuu irraa waan shakkamu jiraatus, daandii itti jiranu jabeessuuf kan yaadame natti hin fakkaatu. Ani araarri gaggeeffamu guutummaatti akka hojiin mul’atu quba qabaadhee odoo hin taane, waan barbaannu argchuuf, daddaaqamuu odoo hin taane, waan ummata ofiif ta’u, fedhii dhuunfaa tokkollee keessa odoo hin galchiin, daandii qajeelaa argisiisuu ykn jajjabeessuu, Ilmaan abbaa tokko giddu garaagarummaa ilaalchaa jiraachuu jechuun, oromummaan gargar ba’uu akka hin taane hubachiisuu, Ummata Dimokiraasii dantaaf bitanne odoo hin taane ykn isa kaan irratti cubbuu raawwachuuf golgaa godhachuuf kan ergifanne odoo hin taane, umamaan kan beeknu ta’uu maaliif hin mirkaneessinu! jennee maaliif karaa qulqulluun wal hin qeeqnu???                                                                                                        
  2. Hogganoonni, miseensoonni, deeggartoonni yeroo gara garaa ykn waggaa dheeraaf kan dubbachaa jiran, ilaalchi har’a bakka lamatti wal qoode kun, wal keessa taa’uun rakkoo uumu dubbatan. Diyaaspooraan kana irratti yaada isaa hin laatiin hin jiru. Waan hin katabamiin, hin dubbatamiin hin turre. Har’a wooo ??????????? Ilaalchi kun lameen nagaadhaan adda ba’ee Ummatichaaf banaa wayita ta’utti, “warra maqaa qal xureessu, warra olola oofu, garee akksii jedhanii wal salphisuun eessaa dhufee ? kaleessa kaayyoo jijjiiranii , dantaa isaaniif …… jechaa kan turan, haala amma keessa jirruun, maaliif dabaluun barbaachise. Yoomittu akka chaapiyoonsi liigitti iilaallee, maaliyaa garee deeggarru uffannee katabuuf yoomittu jarjarre? yaada dhuufaa jennee eegallee ykn yaada ijaaraa kennuuf karaa eegallee, karaa irra katabnu hundumaa dibbee kaleessaa dhawaa irra fiigna yoo ta’e, kan kale irra deebine jennamoo, haaraa uumne jenna? dibbee kaleessaa dhawuun kasaaraa lama qaba natti fakkaata. inni tokko of tilmaamsiisuu ta’a. Inni lammadaa ammo dhaloota har’aa tuffachuu ta’a. Sadafaa yoo daballe ammo, ummata ofiif yaadanii odoo hin taane, fedhii ofii irratti hundaa’uu argisiisa.

  3. Hoggana Jabaatu dhibee :- mata dureen kun adeemsa amma jiruun akkaataa itti wal simu naaf hin galu. Kana malees, Hoggana haaraa kan jedhamu ajandaa eenyu akka ta’e ilaaluun barbaachisadha natti fakkaata. Hogganoota dhaabaa miti, hundeessitoonni hundi isaanii laafinni jiraachuu fi dubbachuu isaanii, guyyuu dhaga’aa jirra. Kana malees, karaa sirnaa gadhiisuun illee akka danda’amu midiyaalee irratti ni ibsan. Ani akkan amanutti, hogganni jiru jabaa odoo ta’ee iyyuu, har’a ykn qabsoon waggaa 40, 20 ykn 30 tti gadi bu’a jedhee hin yaadu. kana yeroo biraan itti deebi’a. waa’ee hogganummaa wayitan kaasu kan har’aa irra dhaabbannee maal jechuutu nu irra jiraa? kan jedhu irratti qofa xiyyeeffadhee ta’uu naaf hubadhaa. Har’a Hoggana laafaa ykn qabsoon waggaa 40 harkifateen dubbatamaa ture, akka jabaatu taasisuuf hoggana jijjiiruun furmaata dhumaatii jedhees hin yaadu. Yoo kana ta’e, hogganni haaraan qabsoo tokko jedhee kan gara fuula duraa herreegee eegalamoo, isuma jirutti fufa. Isa jiruttii fufsiisuuf wal xureessuu, wal fonqolchuun furmaata miti. Ati ABO miti anadha jechuus hin barbaachisu. Alaabaa ilamaan oromoo kumaantamaan itti wareegaman salphisanii halgaa kaleessa nu fixetti galuus miti. Kun kan ta’u karaa seeraa qofaadha. Kanaan ala kan jiru ammo, humni nu hojjachiisuu didee jedhuu fi toftaa haaraa waggaa 40 gabaabsuu baafannee waan jedhaniif laafinni jedhamu har’a kaasuun, hojiidhaan odoo ta’ee namaaf gala natti fakkaata. Isa araara dura tureen laafina qabaa jennee yaadina yoo ta’e, isa araara boodas walitti makamuuf deemu hojiidhaan odoo hin argiin, akkamiin har’as komee keenya itti fufna?  ammatti dhaabbilee siyaasaa oromoo Biyya alaa jiran irra jireessi, hundeessitoota qabsichaan hogganamaa jiran. Kan halagaatti galeen ala. Kanaaf yaadaan dorgomsiifnee, hoggana irraa buufna yennaa jennu maal jechuu keenya akka ta’e of gaafachuun heddu, hedduu barbaachisaadha.

  4.  Holola wal-irratti oofuu ykn maqaa wal xureessuu :- mata dureen kunis Mooraa qabsoo oromoo ititu irraa jibba qabaachuun ykn kan yeroo koo kun hin taane amma akkamiin ta’a? kanneen jedhaniin kan dubbatamu malee, ajandaa har’aaf jarjaranii kan dubbatanii miti. Waa’ee hololaa otoo hin kaafnee, Hololli ykn maqaa xureessuunii fi yaada wal irratti kennuun garaagarummaa guddaa qabaachuu hubachuu barbaachisa. Hogganni ABO, WMO sagantaan isaa kana jedhee abbaan dhimmaa kan keewwate yoo irra deebi’ee, kun hololaa miti. WMOnis, sagantaan ABO kanadha jedhee kaa’ee, karaan kun akkasii yoo jedhee deeggartoota isaaf ibse, kun hololaa miti. maqaa xureessus miti. Deeggaraa ofii hubachisuudha. Dhimma kana irratti sirni gadaa waan addunyaanu hin beekne meeqa nu hubachiisa. Waa’ee hololaa dubbachuuf holola oofuun mataa isaa, ani  nama siyaasaati nama ofiin jedhu irraa hin eegamu.

    Kana malees amma wanni wal-irrattii hololan maaltu jira? dandiin lameenu amala mataa isaanii qaban. Humana kana lameen giddutti wanni holola ta’u fi jibbisisaa miseensa walii gansiisuu jedhamee daandii itti jiramuudha. Har’a kan kaleessaa caalaa walitti dhufanii haasa’uuf, yaada wal-jijjiiruuf, shakkii fi waan biro isaan gidduu dhabamuutu natti mul’ata. kana jajjabeessu moo, ebaluun wal ga’ii akkasii irratti ebaluu abaare jechuutu, ummata biyya keessaa dhumaa jiruf furmaata ta’a. Mee fakkeenya tokko haa kaafnu. Gaaffii fi deebii VOA afaan amaaraan gaggeeffamee irratti, yeroo jalqabaaf yaada ofii qofaa ibsachuu fi ilaalcha walii kabajuu dhageenye jirra. Kun ilaalcha gama lama jirudha. Kun akkamiin olola ta’ee, kan ABOn bakka buufatee dubbachaa jiruu, “ergamaa ebaluu”  jedhamee holola akkamiin jedhama? warri qabsoo kana hundeesse, kan gamanaas ta’u gamasii, kan har’a qabsootti makamees, sabummaa isaaf jedhee qabsootti kan seene malee, eenyufuu ergamuuf akka hin taane beeku barbaachisa. Kun hangam gadi buunee, ilaalcha MANDARAA keessatti kufuu keenya argisisa. Namni qalbii akkasii qabu gonkumaa ummatakofan quuqame jechuu hin danda’u. maaliif yoo jedhame, qaamuma isaa hololaan qucisaa jira waan ta’eef.  
     
              
  5. Chaampiyoons liigii : akkuman duratti kaasee, Qabsoon oromoo, chaampiyons liigii miti. Amma kubbaa haleelu hin salphatu. Daqiiqaa 90 keessatti kan ittiin gammadanii fi bo’an miti. Waan katabnuu fi dubbannutti gammaduuf ykn aara galfachuuf yoo ta’e dogoggora seenaan namaa hin dhiifne hojjachaa jirra. Ummata kanaaf jennee jechi katabnu ykn dubbannu balaa dhalchuu akka dandeessu hubachuun dansaadha. Qeeqa ormi namatti hin gammanne dhiheessun illee karaadha. Kan dhalachuuf deemuu fi dhalatee dulloome jennu wal bira qabne akka karameellaa mi’eessuuf shukkaara itti dabaluun eessaanu nama hin ga’u. kan itoophiyaa dimokiraatessu daandi isaa isatu beeka. Daandii inni irra deemuuf murteessaan waan isa deeggarree katabneef miti. Inumaayyuu boruu taajjabbii keessa galchuu irra, katabanii harkaan itti laachuutu isaaf wayya. Inni walbummaa oromiyaa jedhus, daandi isaa isatu tolfata. Daandii kana irra imaluuf kan isa fayyadu, karaa itti gaafatamummaan itti dhaga’amuun yaada kennuun baroodha. Jaallannus jibbinus, hundeessitoonni adeemsa isaanii irraa tilmaama adda addaa of irratti haa kennisisan malee, seenaa oromoo keessatti, seenaa badaas, gaariis qabu. karaa fedheenu haa imalanii ammatti kan barbaachisu daandii eegalan jabeessanii bu’aa barbaachisuu akka argamsiisan taasisuutu furmaata. Bakka kaleessaatti hin deebinu yoo jenne, rakkoon kaleessaa akka irra hin deebi’amne taasisuudha.

  6. Midiyaalee komachuu :- maddi rakko kanaa inni adda duraa , ofitti amanamummaa dhabuudha. 2008 booda miidiyaa walii cufsiisuuf , hanga mootummaa kadhachutti ga’uu akka gaaritti nan beeka . halgaa daboo kadhachuu geenyerra. Obbolaa irratti miiidyaa cufsiisanii , wayyaaneef tapha gaarii umanii turuu fi adeemsi kun waan biraan wal qabatee ammallee ittin deemamaa jira. Dhukkubni kun har’allee itti fufee, midiyaa intarneetaa oromoon banachaa jiru irratti , ati ebaluu deeggartaa , ati kan shaneetii jedhamaa jiraachuu yennaa dhageenyu hedduu nama gaddisiisa. Hubadhaa jaarraa 21ffaa keessa jirra. Qabsoo keessas waggaa dheeraa turu dubbanna. garuu dalagaa diinaa wal irratti hojjanna. Mee kun eessaan nu ga’a. ? tokkon arraba dheerate jennee, isaa kaanin gabaabbate yennaa jennu, lamaan keessaa dhabnee waan taanu wallaaluu keenya of irratti mirkaneessuu ni hubanna laata ?
Yaada walii galaa :-

Kaayyoo Ummataa nama dhuunfaan jijjiirra taanaan , diinuma ofitti ta’a jirra. Dhimma oromoo ilaalchisee kan yaannu yoo taate, yaadi keenya waan Biyya alaatti ta’u irraa kaanee odoo hin taane, ummata miidhaa adda addaa dhandhamaa jiru tilmaama keessa galchuun odoo ta’ee madaala keenya eeguuf nu gargaara. Dhalooti har’aa ilaalchi Hawaasa isaanii Biyya alaa jiraatuuf qaban sadarkaa dhumaa irra ga’uu isaa gadi jabeesse dhaamuufin barbaada. Qeerroon har’a ka’umsa isaa seenaatu boruu dubbata. Amma iji nu ilaaltu yaadinee kan katabnuu fi dubbannu dhalota har’a garaa booreessaa jiraachuu haa hubannu. Waan hundi yeroo ammaa qormaata mataa isaa keessa jira. Warri walitti araarame, hoggana akkamii akka ijaaran mee yeroo haa laannuf. Namoota amma kana yaadu dhadhabanis goone hin fudhatiin. Walitti araaramuu isaaniif ragaan human tokko ta’uu ykn walitti makachuun akka mirkanaa’u hin hubatan jennees tilmaamu hin qabnu. Konfiransiin araara walii galaa illee akkaataa itti ta’u yaadamaa odoo jiru, daddaffiin har’a taa’aa, boris araara taa’ati konfiransii biro waamaa ! jechuun kana mee qalbiin haa ilaallu. Warra daandii haaraa eegales jalqabumaa ol fannisuun takkaan gadi darbachuu akka hin fidne haa qalbeeffannu. Wanni daddaffiin ta’e dhuma isaatu hin tolu. kana hundaa jabeessuuf, Hawaasi Biyya alaa haala ilaallatee ho’uu fi qabbanaa’uu dhiisee waan jiru tasgabbiin tarkaafachiisuuf socha’uu qaba. nama dhuufaan har’a dammaqifamu irra, Biyya keessatti dammaqanii akka turan  yaadachuu qaban. rakkoo odoo beekanii, namaan jabaadhu jechuun waan milkiif miti. Waan nu mudate irraa haa barannu. Jarjaraan Akaayi hin hiruti. Dhalli oromoo deeggarsi isaa, kan hojiin jabaateef ta’uu hubachuu qaba. Kanatu isaan jabeessas. Wal hubachuun yoo jiraate, bitaanis , mirgaanis yaabbatamu wal ga’iin koruma ta’uu hubachuun namummaadha.


Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment