Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa- Ibsa Miseensota KG Dh.D.U.O

Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa. Galmee seenaa keessattis bara baraan jiraata. Akkuma beekamu mootummaan wayyaanee haala yeroo ammaa akkaataa hammaataa fi jibbisiisaa taheen ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira. Kaanis saamaa, kaanis ajjeesaa, kaanis biyyaa arii’uu daran jabeessuun waanjoo garbummaa jabeessee hudhaa jira. Kun kan hiika argatu tokkummaa Oromoo jabeessuun sochii bilisummaaf godhamu finiinsuu qofaan taha. Uummatni Oromoos haala kana hubachuun qotee bulaa, barsiisaa, barataa, hojjetaa, daldalaa, dafqaan bulaa fi marti osoo lagaa fi aangoon wal hin qoodiin QBO jabeessuun dirqama.

Wayyaaneen paartiilee biyya bulchan keessaa addatti xiyyeeffannoo fi ija shakkiin irra caalaa kan ilaalu Dh.D.U.Oti. Kunis haqa lafa kaawee darbu qaba. Dh.D.U.O ofii bixxilee har’a Oromoo ittiin gowwoomsuuf dhaaba siyaasaa qabdu jedhu kana irraa amantamummaa waan hin qabneefi. Dhiibbaa addaa fi qorannoo, akkasumas namuusaan jechuun aangoo irraa darbaa, dhoksaan tikaan ajjeesisaa waan tureefi. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif kufanii ka’an bakka kumaatamatti dhiiga isaanii dhangaalaase. Dhiigni dhangala’e kan miseensummaa DH.D.U.O qaban dabalatee malee ati miseensa keenya jedhee guyyaa itti Oromummaa keef dhugaa dubbadhu jedhe hin qabu. Filannoo gaggeeffamaa ture keessattis paartiileen mormitootaa ija guutuun osoo ilaalanii sagaleen anatu caala jedhee uummatatti lallaba. Namootni dhugaaf dubbatanis bakka nyaatanii fi dhuganitti, bakka bashannanitti tika mootummaa wayyaanee fi ifaan ajjeefaman. Dhugaan biyyattii keessatti bakka dhabaa fi jireenyi uummata biyyattii keessumaa kan ilmaan Oromoo daran hammaataa tahee jira. Gochaa isaa kanaafis guyyaan seenaan itti gaafatamnu dhiyaachuun hundatti akka biiftuu barraaqaa mul’achaa jira. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf QBOf kan beekumsa qabu beekumsaan, kan qabeenya qabu qabeenyaan, kan humna qabu humnaan waan danda’u maraan qooda keessaa fudhatuu qaba.

Yaa Ilmaan Oromoo,

Barataan Oromoo, qotee bulaan barsiifamu osoo abbaa fi haati halkanii fi guyyaa mucaan koo booru eessa naaf gaha jedhanii eeganii waraana mootummaa wayyaaneen yakka malee ajjeefamuuf hanga yoomiitti itti fufaa? Barataan barnoota irraa sababa Oromummaa isaaf hidhamuun hanga yoomiitti itti fufaa? Biyya abbaa keenyaa irratti salphachaa jiraachuun hanga yoomiitti itti fufaa? jennee of gaafachuun yeroon isaa amma. Qabeenyi Oromoo saba bicuun qorqamee egereen Oromoo maal taha? Dhalli keenya maaliin jiraata? Dhaloota dhufuuf maal keenyee dabarra jennee of gaafachuun amma. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf waan dandeenyu ajaja dhiiga Oromummaan gochuun nurraa eegama. Nuyi miseensotni KG Dh.D.U.O haala yeroo mootummaan garboomfataa dhiibbaa mirga namummaa fi Dimokiraasii ukkamsuun barattoota Oromoo irratti gaggeesse ilaalchisuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana lafa kaawatnee jirra.

  1. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf dirqama Oromummaa haala kamuu keessatti ni baana

  2. Hidhamtoota siyaasaa ilmaan Oromoo fi kaanis tahan hanga danda’amee fi karaa danda’ame mara ni gargaarra

  3. Iyyannoon mirgaa miseensotni Dh.D.U.O fi Qeerroon iyyatan iyyannoo keenya waan taheef ni deeggarra

  4. Shira garboomsaa wayyaanee yeroodhaa yerootti ni saaxilla

  5. Aangoof imaanaa uummata keenyaa hin nyaatnu

  6. Miseensotni Dh.D.U.O QBO ABOn gaggeeffamuu fi qabsawotaa QBO mara waliin tahuun cinaa akka dhaabbatan ni hojjenna

  7. Mormiin dhoksaanii fi wal gahii ariifachiisaan taasifamu hubannoo uummataaf TV dhaan akka darbu gaafanna. Kanaan ala wal gahiin garee bicuun osoo beelaan, hiyyuummaan, hojii dhablummaanii fi qaala’insa jireenyaan uummatni rakkatuu TVn olola dharaa odeessu akka dhaabbatu qabsoofna

  8. Qabeenyi gara biyyattii maqaa Oromiyaa fi ilmaan Oromoon kadhaa fi gargaarsaa maqaa ummta Itophiyaa maraan seenu Oromoo fi Oromiyaaf akkasumas ummatoota cunqurfamoo Itophiyaa maraaf akka oolu gad jabeessinee gaafanna.
Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

No comments:

Post a Comment