Tokkummaa ABO Itichanii QBO Jabeessuuf qooda Murnoota ABO fi kan Ummata Oromoo: [Seensa]

Guraandhala 21, 2013 | Lookoo Gaachoo* Irraa

Yadda Oromoo Tokkoo

Seensa

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) jaarmaa Oromoo biraa jaalala fi kabaja guddaa qabu ta’uun beekkamaa dha. Kabaja fi jaalala kan horate hojii saba Oromoo boonsu hedduu waan hojjeteef; injifannoo hedduu waan galmeesseef. Qubeen afaan Oromoo amma biyya keessaa ittiin hojjetamaa jiru injifannoolee gurguddoo kana keessaa isa tokko. Daangaan Oromiyaa sararamee beekkamuun fi sabin (nation) Oromoo jedhamu – kan ummata Habsahaa irraa adda ta’e fi kan Habashootaan koloneeffatame – biyya lafaa irra jiraachuu caalaatti addunyaa beeksisuun bu’aalee gurguddoo qabsoo ABOn qindeessee geggeesseen argaman. Kanaaf, kan sabin Oromoo, yeroo ABOn dhadhabaa fi faffaca’a fakkatullee kan abdii irraa hin kutanne; Kan ABO dhiisee dhaaboota addaadaa yeroo-yeroo tti dhalatan fi du’an duukaa hin buune; Kan ABOn “deebi’ee tokkoomee, jabaata” jedhee baroota dheeraaf abdin eeggatu.

Deebi’ee, tokkoomee, jabaachuu ABO kan uummanni Oromoo abdatuufis sababa lamaaf. Tokkooffaa, injifannoolleen hamma ammaatti argaman, haala Oromoon jaarmaa jabaa hin qabnne keessatti, sharafamaa deemuun isaanii akka hin hafnne uummattin Oromoo akka gaariitti hubata. ABOn deebi’ee tokkoomee jabaate kun akka hin taane iggitii itti godha jedhee waan abdatuuf. Lammaffaa, hamma ammaatti, injifannoolee hin tuffatamnne ha galmeessu malee QnBO bakka gahuuf ammallee karaa heddutu isa eeggata. Fakkenyaaf, ummatin Oromoo hacuucaa tokko malee hiree isaa hin murteeffanne; Qabeenya isaatti abba hin taane; Biyyasaa irratti mirgoota dimookraasii hin gonfanne. Kun hundi kan argaman mootummoota biyya alaa (Westen Powers) ykn mootummaa Habashaa kadhachuun akka hin taane ummatin Oromoo tolchee beeka. Mirgoonni kun qabsoo hadhoofttu qofaan akka argaman muxxannoosaa irraa baree jira. Qabsoo hadhoofttuun ammo dhaaba/jaarmaa jaba kan qabsoo qindeessuu barbaada. ABOn tokkome, jabaatee dhaaba/jaarmaa ummanni Oromoo hawwu kana ta’uu ni danda’a abdii jedhu waan qabuuf. Kanaaf, tokkummaan ABO kan gaaffii uummata Oromoo ta’eef!

Gaaffiin Oromoo ABOn tokkoomuu qofaa miti. Jaarmaan hundi meeshaa ittiin akeeka tokko bakkaan gahan. ABOnis meeshaa akeeka QBO ittiin bakkaan ga’uuf jaarame. Tokkoomellee, yoo jabaatee akeeka QBO yoo-xinnaate hamma tokko galiisaatti hin dhiheessu ta’e Oromoof faaydaa hin qabu yoon jedhe falmisiisaa natti hin fakkaatu. Akka ummatin Oromoo fedhutti, tokkoomuun ABO tarkaanfii isa duraa ti male kan maayyii ta’uu hin danda’u. Tokkoomuun ABO kan barbaadamuuf akka inni jabaatee injifanoolle hamma ammaatti argaman tiksu fi injifannnoolle hafanillee Oromoo gonfachiisuuf.

Mareen sabboontotin Oromoo tokkummaa ABO ilaalchisee geggeessan egaa ilaalcha fi hubannoo kana irraa ka’uu qaba. Wal-hubannoon murnoota ABO lamaan – kan Qaama Cehumsaa (QC) fi kan Shanee Gumii (Shanee) – tokkoomuuf Sadaada 2012 labsan daangaa kana keessatti xiinxalamuu qaba. Eeyye, ABOn deebi’ee tokkoomuun sabboontota Oromoof gammachuu guddaa dha. Eeyye, qabsaa’onni walitti dhufanii, humnna fi qabeenya saanii walitti ittichanii sosso’uun QBO shaffisuu ni danda’a. Kun hawwii sabboontota Oromoo ti; Kun abdii ummata Oromooti; kun kan sabboontota hunda gammachiisu. Hawwii, abdii fi gammachuun kun kan bakka gahuu danda’u garuu yoo Walhubannoon kun tokkummaa toofttaatti osoo hin taane tokkummaa dhugaatti isaan geese; Yoo ABOn tokkoome kun dogoggora dabre irraa baratee fuula duraaf dogoggorri kanaan dura ta’e akka hin deebineef jijjiirra barbaachisu tolche; Yoo aadaa hamaa baroota dheeraaf dhaabicha keessatti hidda gad-fageeffatee jiru buqqisanii gatuu danda’ani; Yoo hoogganoottin dhaabichaa dhimma fi wal-dhabbii mata-mataa irra dhimma QBO fi dhaaba saanii durssan qofa.

Yoo hubannoo kana irraa kaanee, gaaffiin itti aanu “Murnootin kun lamaan tokkummaa ABO ittichanii dhaabicha jabeessanii hawwii ummatin oromoo ABO irraa qabu bakkaan gahuuf maal gochuu qabu?” kan jedhu ta’a.

Akkeekin barruu kana gaaffii kanaaf deebii barbaachisu argamsiisuuf sabbontota Oromoo (kanneen ABO keessa fi ala jiran) gidduutti mareen akka jalqabamu kakaasuu dha. Dhimma kana irratti mareen Oromoota jidduutti ta’u QBO ni jabeessa malee hin laaffisu amantii jedhu irraa ti. Lammiwwan Oromiyaa, obboleeyyan kiyya, akka qooda irraa fudhatan abdiin qaba.

Barruun kun kutaa-kutaan hiramee, wal duraaf dubaan, dhihaata.

Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
________________________________________________________________________________
*Lookoo Gaachoo lgaachoo@yahoo.com

No comments:

Post a Comment