Waamicha Wal Gai’ii Ibsa Waloo Kan Araara fi Tokkoomsuu ABO

KABAJAMTOOTA HAWAASA OROMOO HUNDAAF

Akkuma beekamu ABO-SHG fi ABO-QC Ibsa waliigaltee fi araaraa bara 2012 keessa labsuun hin yadatama. Wal hubannoo fi araara ABO-SHG, ABO-QC fi Gurmuu Qabsaawotaa gidduutti ta’aa jiru laalchisee dhabni keenya hawaasa isaaf ibsa waloo gamtaan kennuuf Magaala Winnipeg Kanaadaatti Bitootesa 2, 2013tti sagantaa baafatee jira.

Kana waan ta’eef Guyyaa eebbifamaa fi wal ga’ii seena qabeessa kana irraa qooda akka fudhattaanii fi qooda lammummaa keessanii gumaachitan Manguddoon, Hawwan, Shammarran, Dargaggoo fi Hawaasni Oromoo Magaalaa Winnipeg fi naannoo jiraattan martti hiree argame kana akka qooda irraa fudhattaniif waamicha keenya kabajaa Oromummaa fi ulfinaa isiniif dhiheesina.

Guyyaan: Bitootessa/March 2, 2013
Sa’aan 1:00 WB (1:00 PM)
Bakki/Teessoon: 610 Portage Ave

K.H.G. ABO. W.MB.

No comments:

Post a Comment