Walgahii Haraaraa fi Tokkumma ABO Magaalaa Minneapolis, Minnesota Keessatti Qindaawee Milkiin Geggeeffame

Walgahiin ibsa walhabannoo fi waligaltee gurmuulee ABO kan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hogganumma ABO jalatti tokkoomsuuf magaalaa Minneapolis, Minnesota keessatti qindaawee ture guyyaa kaleessa Guraandhala 23, 2013 milkiin geggeeffame.

Seenaa dhaabichaa keessatti waldhibdeen bar-kurnee tokoo oliif qabsaa’ota ABO gama fi gamana dhaabaa ture dhiheeyna kana milkiin furamuun qabsa’onni ilmaan Oromoo bara dheeraaf waliin hojjetaa turan ammas dhibdee ture furatuun waltajji tokkotti deebi’uuf waliif galuun isaani Hawaasa Oromoo adunyaa maraa fi keessuma Ummata Oromoo biyya keessaa dararamaa jiruuf abdi gudda akka hore mirkana. Kanuumaan wal-qabatees haraaraa fi waligaltee moora ABO keessatti ta’e kana akkaataa itti Ummatni Oromoo simata jirus adeemsi jalqabame kun kara sirri ta’uu isaa bifa mirkaneessuun bakka hundatti deggersi Ummataa mirkaneessa jira. Hogganooti fi miseensotni ABO sadarka hundatti kana hubatuu dhaan dandii jalqabame kana milkeessuuf muratnoo qaban Ummataaf biyya hundatti qaamaan argamuun ibsaa jiru.

Bifuma kanaan guyyaa kaleessaa magaala guddo Minneapolis keessatti sirna qophaa’ee irratti keessumootni argaman J/Odaa Xasee gama ABO-ShG-GS irra, J/Dr. Mekuria Bulchaa gama ABO-QC jedhamuun beekama ture irra yeroo ta’an Koreen qindeessituu naannoo waltajji kana bifaa miidhagaa ta’en geggeessun Ummata hirmaachisaa turan.

Koreen qindeessituu haasa itti seensaa keessatti “haalli Ummata Oromoo fi biyya Oromoo kan inni jijjiramuu danda’uu yoo yaadni Adda Bilisummaa Oromoo mo’e duwwa dha. ABO moosisuufimmo kanneen kaayichatti amanan hundinu Alaabaa tokkicha jalatti gurmaa’un dirqama. Yoo kana ta’e malee faffacaanee diina hamaa kanaa dhibuun hin danda’amu kanaaf jecha ABOn tokkoomuu qaba, waltajjiin kunis waltajji tokkumma kana ibsuuf qopha’ee ta’u isaatti gammachuun keenya daangaa hin qabu” jechuun sirna walgahii kana banaan.

Itti aansuu dhaan Koreen qindeessitu walgahichaa Keessummoota bakka fagoo irra dhufan gara waltajjiitti afeeruun erga bakka qabataniin booda J/Dr. Mekuria fi J/Odaan tartiibaan ibsa ballo kan gad-fageenyaan walgaltee ta’ee fi hundee walifgaltee sanaa ibsan.

Dr. Mekurian ibsa kana keessatti waan heddu himaammata dhaabichi Halagaa Oromia keessa qubatee jiruuf qabu, akkaataa itti biyyi Oromoo mirga isaa ofiin kabajchiifatee mirga saba bicuu fi halagoota Oromia keessa jiraataniifis akkuma seera addunyaatti kabachiisuuf irratti ibsa ballaa godhan. J/Odaanis akkasuma maddi waldhibdee moraa dhaabichaa keessa ture hundeen maal akka ture, eessa irra akka eegale, attamiinis akka baballataa dhufee fi yaalilee godhamaa turan hunda tarreessuu dhaan amma milkiin argame milki hundee qabuu fi kan boodatti hin deebine ta’u isaa ballinaan ibsaan.

Waltajjiin gara gaaff fi deebi akksumas yaada Ummata dhaggeeffatuuf yeroo deebi’eetti hirmaattotni hedduun gaaffi, yaada, gammachuu fi dhaamsa qaban hunda wal duraa duubaan erga ibsataniin boodaa gaaffileen mana keessaa ka’anille qabxilee duraan hin xuqamin hafan waan kakaasaniif Jaallan lameen bifa haarayaan deebii gaaffilee fi yaadota haara ka’aniifis ibsoota dabalataa kennuu dhaan walgahiin milkiin xumurame. Sababii yerotiif jecha galma gad-lakkisuun dirqii waan ta’eef jecha malee hirmaattotni yaada gabbisaa fi hawwi isaanii ibsatuuf carra gafaataa turan heddu yoo ta’anille sababi yerootiif waliin-gahuun hin danda’mne malee namni addaan deemuff waan fedhi qabu hin fakkaatu ture.

Dhuma irratti Jaallan keessummootni lameen dhaamsa maayyi yeroo dabarsan waliigalteen kun waan enyuyyu boodati deebisuu hin dandeenye ta’u isaa mirkaneessuu dhaan amma sadrakaan ibsaa kuun bakka hundatti xumuramaa waan jiruuf hojii itti aanutti tarkanfatuuf qophhi ta’uu isaani mullisaa kana milkeessuufis hirmaatnaan Ummata Oromo bakka hundatti murteessa ta’u isaa ibsani waamicha lammumma godhuudhaan Walgahiin milkii kun xumurame.

Injifatno Ummata Oromoof!


Gadaan Gadaa Bilisummaatti!

Koree Qindessutti – Minnesota

No comments:

Post a Comment