Kutaa 3ffaa: Siyaasa gantummaa fi gartummaa to`achuun tokkummaa moraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) dhugoomsa

Zakaariyaas Mulataa fi Malkamuu Jaatee | Caamsaa 09, 2013, Oromiyaa

Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa  & Kutaa 2ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
2.3 Siyaasaan gartummaa jireenya diinaa dheeressa
Sababii hojii QBO qindoominaan hogganuuf hin milkaawinif, bekaas ta`e hin beekamin fedhiin dinaa kallattii fi alkalattiin moraa QBO kessatti raawachifamaa fi raawatamaa jira. Sirna-dhabilummaadhaan siyaasa gartummaa ijaaruun walirratti duluun qabsoo ta`eera. Kessumaa bara 1992 booda hogganoti siyaasa QBO heera jaarmaa faallessuudhaan gartuu dhalchanitti fayyadamuun moraa QBO tasgabbii dhorkuu fi dina tumsuun ba´llachaa ademeera. Fakkenyaaf bara 2002 moraa QBO kessatti ABO fi QCABO giddutti dorgomiin siyaasa gartummaa geggefamee ture Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kibba Oromiyaa walirratti dulsisuudhaan lubbuu qabsaawotaa bilaasha taasiseera. Akkasumas bara 2008, gartummaan ABO fi QJABO giddutti dhalate, haaluma walifakkaatun dina tumseera. “Ethiopia has taken more than 100 armies of the OLF into custody after they surrendered and handed over a cache of arms and the group included Lucho Burbura who has been one of the group’s top military commanders and its head of foreign relations16.” Siyaasa gartummaa irraa jequmsi dhalatu badii walifakkaatu qaqabsisuudhaan bara 1978 irraa egalee moraa QBO kessatti deddebiyeera. Farreen irratti duluun duddubatti hafee; garuu wali irratti duluun aadaa hogganoota gartulee siyaasa QBO taasifame.

Qabenyaa fi angoon silaa dina waloo dadhabsisuf hojii irra oluu malan gara ittiin ofi irraati duulanii ofi (QBO) dadhabsisan fi dina tumsanitti geddarame. Gartummaan wali irratti duluu jaarmolee siyaasa QBO kessaan ergamtooti dinaa moraa QBO olisenuun golii dhalchuuf milkaawaniru.. “Dinni karaa dirree lolaa hin milkawiin hafe karaa siyaasa gartummaa ulaa saaqameef kessaan kallatti fi alkallattiin moraa QBO kessa senuudhaan hojii QBO dadhabsisuuf carraa guddaa argateera13.” Sirna dhabilummaan siyaasa gartummaa hogganuun kun yeroo hedduu gurmuu qabsaawotaa gartuuleef addaan qoduudhaan wali takaalsiseera. Hojiin QBO deggersaa fi firooma quphsaa argachuuf hin milkofine, sababii siyaasa gartummaa warra akka ABIO/AWDO, IBSO (GBO), QCABO, QJABO, AWO (ADFBO) , fi kkf jalatti moraa QBO caccabsuudhan qabsaawota wali irratti dulsisuu kessaan afaan faajjiin ballifamaa adeemef. Akkasumas sochii dinni moraa QBO kessatti geggefatu bilchinaan to`atu hin dandenye, sababii siyaasi gantummaa fi gartummaa rakkoo kessaa ta`uun isaanii jaarmoolee biratti hin hubatamniif. “Akkuma Oromootni deebi’ee tokkoomuu ABOtti gumaachan mul’atan, warri (beekaas ta`ee hubannoota gahaa dhabuudhaan) laamsha’ee hafuu gurmuu qabsaa´otaa qofatti osoo hin taane kan sabichaattille gumaachaa turan argamuu dha9.” Sochilee QBO hogganummaa tokkomeen (tumsomeen) geggesuu hanqachuu jaarmolee QBO kessaan deggersi dinaaf kennamaa jiruu waan mullisu kessaa: “ummati Oromoo fi ummatooti Itophiyaa bara dheraaf sirna gabirummaa kessatti akka hidhamaniif dinaaf carraa guddiseera.”
2.4 Furmaata ta`uu malan
Rakkooleen adeemsa hojii QBO kessaa dhalataa fi guddataa adeemuun ifaadha. Furmaatis ni jira ture; garuu jaarmooleen siyaasa hogganuuf ofi gurmeessan rakkoolee isaan qunname kana sirnaan furatuuf fedha, mullata, fi qophii arifachiisaa dhabuun isaanii ni yaaddessa. Moraa QBO garaa-gar cacabsuudhaan jaarmoolee gartomee fi waligaarrefatuun hojjii QBO geggessanii ummata bilisomee fi biyya walabomee argamsisuun amansisaa miti: sababii jaarmoolee qindoomina hin qabaatin jalatti gurmaawun QBO geggesuu qofaadhaan angoo gutummaan dina injifatu argachuun hin mijoofineef. Kanaafuu jaarmooleen QBO akka ABO, ABIO/AWDO, ATBUO/ABUO, IBSO, fi GBO hojii QBO qindoominaan geggessuf bara 2000 waligalteedhaan jaarmaa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromoo (THBO) hundeessan. Jaarmoleen QBO angoo caccabaa fi facawaan wali irratti duluun hafee; qabenyaa horatan walitti fiduun gama walitumsanii qindoominaan qabsaawanitti tarkaanfachuun firootaa fi ummata Oromoo gammachisee ture. “Garuu ijaaramuun THBO akkuma akeekameetti furmaata hawwamee fiduuf hin milkoofine, sababii qajeelfama ifaa ta`ee saganteesun dagatameef 13.” Qindoomina hawwame gara hojiitti osoo hin jijjirin THBO ijaarama waggota jaha (6) booda Adoolessa bara 2006 diigame. “The United Liberation Forces of Oromiyaa (ULFO/THBO) has announced the suspension of the OLF from the umbrella organisation for the OLF has joined the Alliance for Freedom and Democracy (AFD)2.”

Siyasaa gartummaa qajeelchuuf furmaatoti ta`uu malan gosoota shan. Isaanis: (1) jaarmooleen siyaasa QBO hundi walitti baquudhaan jaarmaa THBO tokkomsuu; (2) miseensoti fi deggertooti QBO siyaasa gartummaa lagachuudhaan jaarmaa ABOtti makamuu; (3) sirna gadaa foyyawee ijaaramu jalatti jaarmoolee QBO ramaduun hogganummaa dabareen sochilee QBO qindeessu; (4) jaarmooleen gara gartuleetti gadi cacaban marti dogongora darbe irraa baratuun waligalteen Tumsa Bilisummaa Oromoo (TBO) ijaarudhaan hogganummaa qindaaween hojii QBO fula-dura furgaasuu; (5) yookin jaarmolee iddoo kudha lamatti (12) cacaban kessaa tokkichi jabaan tarsimoo fi toftaa qaroomee baafachuudhaan angoo argatuun bilisummaa Oromoo dhugomsuuf milkaawuudha. Siyaasa gartummaa qajeelchuudhaan moraa QBO tokkomsuuf sochii haaraan walakkessa bara 2008 booda jalqabeera. Gartulee ABO irraa cabsatan gara ABOtti deebisun moraa QBO tokkomsuun yaalamaa jira. “The OLF announces that after a series of talks under the mediation of its founders have agreed to unify the organization by signing a major agreement on September 27, 201021.” Gartuulee siyaasa QBO walitti araarsuuf sochiin egalamee kun jarmaa THBO/ULFO biratti deggersa argateera. “The ULFO would like to congratulate the OLF for its courageous move to successfully complete the steps necessary to resolve its internal differences: and it sees this move as a step in the right direction of future journey to unify all Oromo forces so we can all stand against the enemy in unison20.”Dina injifatuuf waltumsuun QBO fininsuun hojii murtessaa ta`uun waan hubatamuu egale ni fakkaata akka ibsoota ABO fi THBO/ULFO irraa dubbifamutti.

Jaarmoleen QBO hundi yookin ammi walihubatan marti hogganummaa tokkomeen QBO sochosuuf waan qophaawuu egalan ni fakkaata. Fakkenyaaf marii yeroo dheeraaf hogganoota ABO fi QC-ABO giddutti adeemaa ture xumuruuf jilli gama lachuu walgahii araaraa gaggeeffachuun, adda bahiinsa bara 2001 hanga har’aatti turan irratti bal’inaatti haasa’uun jaarmolee ABO tokkoomsuuf murteesan (Ibsa Walhubannoo fi Araara Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO). Akkasumas jarmaa Kongiresii Ummata Oromoo fi jarmaa Warraaqsa Fediralistii fi Demookirasii Oromoo walitti dabalamuun gaaddisa Kongiresa Fediraalistii Oromoo (KFO) jalatti siyaasa QBO hogganuuf murteesun ejjannoo abdachiisaa dha. The Oromo People’s Congress (OPC) and the Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM) have formed a coalition, Oromo Federalist Congress (OFC) (www.oromopeoplescongress.org/news.php). Sochilee QBO fuldura furgaasuuf furmaati sardaan tumsa ijaaruudha, sababii facawanii qabsaawuu qofaan, dina tumsa alagaan ijaaramee fi angawee tikfamaa jiru, injifatuun salphaa hin taanef. Kanaafuu ABO tokkome, THBO walitti baquu jaarmolee irraa ijaarame, fi kkf mariyachuun jaarmaa TBO hundeesun siyaasa QBO qindoominaan hogganuuf ofi qophessuu qabuu. Hogganummaa tumsomeen sochiin QBO agobora TBO jalatti qindaawuu ergii egaleen booda, jaarmoolee tarsimoo qabsoo bilisummaa hordofan hawachuun Tumsa Bilisummaa fi Demokiraasi (TBD/AFD) haaressuu.

Dina injifatuudhaaf angoon dina caalanii argamuun dirqama. Tumsa ijaaruu kessaan angoolee siyasaa, qunnamti alagaa, humna namaa, dinagidee, fi waranaa walitti qindeesuudhaan qabsawanii dina waloo injifatuuf milkawuun adunyaa kana kessatti waanuma barameedha. Fakkenyaaf humnooti adda addaa angoole horatan walitti qindessun qabsoo sadarkaa adunyaatti hoggananiin impaayera Usumaan Turkii, ofi-tulummaa Hitler, hammenya Mosolonii, fi abbaa-irrummaa moraa komunstii injifatuuf milkaawaniru. Hogganoti baroota durii fi bara ammaa hikkaa tumsa siyasaa hubatan kun biyyota isaanii irra taruun adunyaa bulchuuf angoo horatan. Jaarmoolee amna qabsoo irra jiran mitii, motumooti biyyoota hogganuuf angoo ofi harkaa qaban angoolee waranaa, diplomaasii, fi dinagidee guddifachuuf waligalteen Tumsa tarsimoo ijaarratu. Kanafuu sochilee QBO humneesuun dina injifatuuf takaallaa gartummaa furgaasuun TBO ijaaru fi TBD (AFD) haroomsuu kessaan hogganummaa qindaween warraaqasa bilisummaa to`achuu fi tiksuuf yeroon ofi qopheesuun dansa.
Xumura
Yeroo hundaa adeemsa hojii kessaa rakkoolen (waldhibdeen) dhalatuun ni jiraata. Rakkooleen dhalatan mijuu fi fallaa ta`uu malu. Rakkooleef yeroon furmaatoota arguuf milkomuun hundee qaroominaa fi guddinaa ti; garuu rakkooleen sirnaan hin furamin yoo turan fi sirna-malee yoo furaman gara faallaatti guddatun riqicha (dandii) farreen ittin moraa QBO kessa seenanii jequmsa omishan ta`uu malu.

Adeemsa QBO kessatti rakkooleen roga gantummaa fi roga gartummaan dhalatan waan ajaayibaa miti. Akkuma kan Oromiyaa bara dheraa, biyoota adda addaa sirna gabirummaa jalatti kufan kessatti, baroota dabiran, gantooti dinaan bitamuun gara jabinaan lammii kessaa dhalatan irratti yakkoota hiriyyaa hin qabnee raawataniru. Jallinni yakkamtotaa yoo hubannaan hin dangeefamneef QBO milkessuun hin salphatu. Adeemsa hojii yookin qabsoo bilisummaa kessatti hojjetooti (qabsaawoti) waldhiibanii gartummaan gosa adda addaa dhalatuu mala; garuu dorgomiin gartummaan geggefamu dina waloo kan angessu yoo ta`eef hojiin hojjetamuf yookin qabsoon geggefamuuf saganteefame ni midhama, hikkaas ni dhaba.

Hogganoti siyaasa bilisummaa Oromoo gartummaa jallisuun moraa QBO kessatti afaan faajjii babalisan irraa jequmsi dhalatee waan babalataa ademeef, hojiin QBO milkomina dhabuudhaan sirni gabirummaa tumsamaa jira. Jaarmooleen QBO hogganan, dogongora baroota darbanii muxannoon sirreefachaa fi waan kessa jiran sirnaan xinxalanii hubataa, fulduree QBO tottolchuuf ofiin ofi dammaqsu qabu. Silaa jaarmoolen QBO marti, hameenya gartummaan amantaa fi gosaa baatee adeemu, ummata hubachisu turee. Garuu jaarmoleen kun senaa gootowan Caamsaa 15 bara 1980 fi ummata irraa baratuun gara siyaasa safuu Oromummaa edateetti guddatuun tokkummaa qabsaawotaa tiksuuf murtesuu qabu; garuu maalif? “sagantalee sochii QBO gara sadarkaalee xumuraa hafan sadanitti yeroon tatarkaanfachisuuf !”

No comments:

Post a Comment