Haasaa Obboo Jawar Ilaachisee Yaada Koo

Waxabajjii 11, 2013 | Dany Gaaraa irraa

Oromoota kabajamtoota,

Nu hundinuu waan nufakkaate haasaa Obbo Jawar walga'ii Muslimoota Minesootati gaggeeffame irrati godhe ilaalchisee yaada kenna jirra. Namooni cinaan maaliifi sosoiinsa mirga Muslimootaa qbsoo bilisummaa Oromootiin waliti hidhaa dha jattaa ja’aniin. Kan biraa, Islaamummaa olkaaftee Oromiyaa Islaamaa jaaruuf fedhii qabdaa ja’aniin. Ani akka kootiti shakii fii muufannaa lamaan ka’e kana waan dhugaa irra fagaate je’en ilaala. Wani beekuu qabnu, walga’iin sun kan waamame waayee curqursa Muslimootaa Itoopiyaa irra ga’aa jiruufii qabsoo isaanii irrati haasawuuf ture malee, waayee Oromoo haasa’uufiimiti. Muslimootni Oromoo hinta’in baayyeetu ture: FKN Haji Najiib (Adaree), Goondarirraa, Walloorraa, Guraagee arkamanii turan akkaan dhag’eti. Obbo Jawar waayee rakkoo Muslimoota Itoopiyaa qofa dubbatee haasaa isaa xumuruu nidand’a ture. Haata’uu malee, wani ini akka walga’iin sun hubatu godhe:

  • Qabsoon Muslimooni Itoopiya godhu keessati Oromoon Muslimaa harka guddaa akka qabu (irra guddaan Muslima Itoopiyaa Oromoodha) agarsiisuu.

  • Tanaafuu Msulimooni Itoopiyaa kan Oromoo hinta’in Qabsoo Oromoon akka Oromooti mirage isiitiif godha jirtu akka dura hindhaabbanne fii inumaa gargaaruu akka qaban.

  • Duriifii ar’as mootummaan Itoopiyaa Islaamaafii Oromoo akka tokooti ilaaltee irra ti duulaa akka turteefii ammaas iti jirtu agarsiisuu; Yuuhaanis V huguu Muslima Woolloo irrati duule irra chaalaa Oromoo duguuguuf akka ture. Mallasaaniis innaa waayee extriimiizim islaamaa itoopiyaa keessa jira je’e Oromoo dhawuuf baki ini filate Arusii fii Balee akka ture ibse. Duula kanaaniis baki Woyyaaneen nama iti ajjeeftees achuma Oromiyaa keessa Asaasaafii Wolloo keessa akka ta’e dubbate.

  • Yoo Oromoon akka sabbati Mirga isii argate Muslimooni Itoopiyaa mirgi isaanii kabajamuuf akka danda’ufii tanaafu QBO akka hin sodaanneefii dura hindhaabbane.

  • Muslimooni Itoopiyaa bara 1991 irraa kaasee Parlaamaa keessaafii mootummaa naannoolee keessati angoo irrati hirmaachuun firii QBO fidde tahuu ishee.

  • Akkasumaas Oromooni ‘QBO laaffatee’ ‘ABOn dhabame’ jattee kana booda wani nubaasu karaa amantiitiin Muslimoota Itoopiyaa waji taane amanti teenya qofaaf qabsooyna warra ja’uun kuni akka isaan hinmilkoysifneefii QBO irra adda bahuu akka hindandeenye ibsuudhaafi.
Duuba wani nama dinqu Oromoon taka taka osoo dhugaa armaa oliti kaayame kana sirriti hinlaalin balaaleffatan. Duuba walga’ii sanirratiis kan argame bakka bu’aan Adaree (Hararii Haji Najib-Dura Taa’aa Foundashinii Muslimia Washington) Obboo Jawar walga’ii Muslimaa irrati waayee Oromoo dubbachuu hinjaalene. Haji Najiib akka hasaa Amaraffan godhuuf olka’een Haasaa Jawariti aka hingammadin agarsiisee jira. Haji Najiib hasaa isaa huguu eegalu dhaadannoo “Nuti hundinuu Muslima, Nuti hundinuu Muslima” ja’aa jedhee warra wali qabame hunda jachisiise. Iti aansees, Proofeet Mohammad waayee gosummaa akka balaaleffatee fii Islaamummaan akka toko isaan gootu dubbate.

Oromoon “kan dubbateetu nama dubisiisaa” jati. Tanaafuu yaani garaa garaa kan deemaa jiru kun kanuma eeggamu. Ani akka nama tokkoti, wanniin hubadheefii beeku, Jawar bu’aan ini cunqursaa Oromoo irra jiruufii QBO firaafii diinaafiis osoo hin sodaanne baqeysee ibseefii akka qooqni keenya dhaga’amu godhaa jiruu nuhunda boonsuu qaba. Keessaahuu TV-ESAT irrati gaafiif deebii ini keene hagum takka akka Habashoota naasiseefii aarse kan hubattan nati fakkaata. Akkaan nagayeti, warri ESAT “Ato Jawar adegenga tabab Oromo silehone keingidih qalemeteyeq indaidereg” jedhanii murteessan jedhan. Guutumati, wani hubachuu qabnu nuti Oromoon diina malee fira hinqabnu; wani caalaan ammo walqabna: Muslima, Kristiyaana,Waaqeeffataa hundinuu nuuf walqixa. Ammoo yoo rakkoon Muslimarra gayaa jiruu kan ulfaatuufii hammaatu ta’a san olkaasanii irrati dubbachuun Oromomummaa diiguu nati hinfakkaatu. Akkuma beeynuti Oromoon Muslima waan Oromoo Kristiyaanaatirra adda godhu nijria; kuniis Oromoon Muslimaa gabrummaa gruguddoo gara lamaatiitu irra ture ammallee irra jira: Tunis: gabrummaa sabummaa akka Oromooti (ta Oromoon hundi jala jirtu) akksumaas gabrummaafii cunqurfama amantii Islaamaa. Kun kan nama agarsiisu Oromoon Muslima curqursaa lamaan tana jalaa bahuuf qbasoo bilisummaa Oromo cinati qabsoo amanti isaa kabachiisuutiis iti fufuu qaba. Yaadni kabajamaa Oromoticha ilma Oromoo obboo Jawar Mohamadiis kanuma ibsuu barbaade.

Oromiyaan Nibilisoomti!
Injifanoo Ummata Oromoof!
Mirgi Muslimootaa Itoopiyaa akka kabajamu oromoon hundi nideeggara!

Dany Gaaraa

*Related Oromo TV “Mormii Muslimoota Itoophiyaatifi Qabsoo Oromoo: Walfaalleessan Moo waliiff tumsan?”

No comments:

Post a Comment