WBOn Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Tarkaanfii Fudhataa Jiru Jabeesse

Waxabajjii 09, 2013 | Madda Oduu ABO

Godina Wallaggaa Bahaatti tarkaanfii basastotaa Wayyaanee irraatti fudhatuun itti fufeen humni addaa WBO Onaa Haroo Limmuu bakka Danbii jedhamutti humna tikaa Wayyaanee oddeeffaannoo funaanuuf bobbaafame keessaa qondaala tikaa Adaanee kiroos jedhamu irraatti tarkaanfii mayyii fudhatee jira.

Humni addaa WBO tarkaanfii Waxabajjii 4, 2013 fudhate kanaan basasaa tarkaanfii irratti fudhate kana irraa boombii harkaa 4 fi rasasaa 25 irraa hikkaachuu ajajni humna waraanaa addaa WBO Godina Dhihaa Oromiyaa beeksisee jira. Tarkaanfii fudhatame kanaanis ummatni naannoo gammachuu isaa ibsachuu ibsi ajaja Godinichaa dabalee hubachiisa.


Kana malees WBOn basaasa diinaa irratti tarkaanfii addaa fudhateen Godina Wallaggaa Bahaa keessa sosso'u, magaalaa Naqamtee ganda 05 naannoo bataskaana Iyyasuusi jedhamee beekamutti tarkaanfii fudhateen basaasaan diinaa Taaddalaa H/Masqal jedhamu haalaan madeeffame. Tarkaanfii Caamsaa 29, 2013 halkan sa'aa 11:00 fudhatame kanaan balaa basaasa Waayyaanee irra gahe kana ummata irraa dhoksuuf mootummaanWayyaanee guddoo tattaafate. Keessuma dooktaroota hospitala Naqamtee keessa hojjatan madaa'uu Taaddalaa H/Masqal akka hin dubbanne dinniinanii yo gaafataman balaa konkolaataa irra gaheen waldhaanamaa akka jiru akka ibsaniif qajeelfamni kennameef.

Humni addaa WBO tarkaanfii kana fudhate akka diinni balaa irra gahaa jiru dhokfacuu fi haaluu hin dandeenyetti tarkaanfii fudhatu kan itti fufu tahuu hubachiisuun keessattuu qondaalota mootummaa Wayyaanee ummata Oromoo irratti tarkaanfii diinummaa fudhatan adabuu irraa kan booda hin deebine tahuu hubachiisee jira.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment